15
Ifi Adoo Hin Te'in Worra Dhibii Gammachiis
1 Nuuti worri dhugeeffanna'aan jajjaba teene, ba'aa worra dadhaboole'ee ba'atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu. 2 Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu*Jabaatu: Yookiin ijaaramu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna. 3 Kiristoos ifi hin gammachiinne; ammoo, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Arraba ittiin si arrassanetti na dhaqqabe» jedhutti isa irratti muummowe. 4 Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu'uuf barreeffante. 5-6 Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka'aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu.
Oduun Gammadaa Worra Yihudoota Hin Te'iniif
7 Akkuma Kiristoos isin fudhate, isinille ulfinna Waaqaatiif wol fudhadha'a. 8 Waadaan Waaqi abbootii isaaniitii gale akka muummowuu fi Waaqi addatamaa akka te'e mudhisiisaaf, Kiristoos tajaajilaa Yihudootaa akka te'e, ani isinitti hima. 9 Akkasuma worri Yihudoota hin te'inille marartii isaatiif, Waaqa akka leellisuuf tajaajilaa isaanii te'e; kunille kama Barreeffam Woyyichi,
«Tanaaf ani worra Yihudoota hin te'in oddu'utti
si hin leellisa;
maqaa keetiifille faaruu hin faarfadha» jedhu.
10 Ammalle Barreeffam Woyyichi,
«Isin worri worra Yihudootaa hin te'in,
kolbaa isaa woliin gammada'a» jedha.
11 Ammalle,
«Worri Yihudoota hin te'in marti,
Goottaa galateeffadha'a;
kolbaan marti, isa galateeffadha'a!» jedha.
12 Akkasuma Isaayaasille,
«Ka sanyii Iseyii keessaa dhalatu hin dhufa;
inni worra Yihudoota hin te'in bulchiisaaf hin ka'a;
isaanille isa hin addatan» jedha.
13 Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.
Sababa Phawuloos Sodaa Malee Barreesse
14 Obboleeyyan tiyya! Dansa'aan akka guutantaneertanu, beekkumsa maraayyuu akka qaddanuu fi wol barsiisuu akka dandeettanu, mama tokko malee aninuu hubadheera. 15 Badhaadhi Waaqaa waan naaf kenneef, marroo waan tokko tokkoo isin yaadachiisu'uuf sodaa malee isinii barreesseera. 16 Badhaadhi kunille, akka ani Oduu Gammadaa, ta Waaqaa, worra Yihudoota hin te'iniif lallabiisaan akka hayyichaa te'ee, Yesuus Kiristoos tajaajiluuf naa kenname. Tanaaf worri Yihudoota hin te'in ka Ayyaana Woyyichaan woyyoomee fi kennaa Waaqa gammachiisu te'ee akka dhikaatu tajaajila. 17 Karaa Kiristoos Yesuusiitiin Waaqa tajaajiliisa kiyyaan ani hin boona. 18 Worri Yihudoota hin te'in dubbi'ii fi hujii tiyyaan akka Waaqaaf ajajamanu, waan Kiristoos karaa kiyyaan godhe qofa malee waan tokkolle dubbatiisaaf ani ila hin jabaadhu. 19 Akkasuma hunna bilbaasotaatii fi baasotaatiin, hunna Ayyaana Waaqaatille'een, Yerusaalemii jalqabee haga Iliiriqumiititti, Oduu Gammadaa ta Kiristoosii guutuma guutu'utti lallabeera. 20 Halchaan tiyya ta yennaa maraa hundee nami dhibiin buuse irratti ijaaruu adoo hin te'in, addee Kiristoos hin dhage'amin maratti Oduu Gammadaa lallabiisa. 21 Ammoo, tun tama,
«Worri marroo isaa isaanitti hin himamin hin dhaggan;
worri hin dhage'in hin hubatan» jedhantee barreeffante.
Phawuloos Roomaa Dhaqiisaaf Yaadate
22 Sababa kanaaf ani yennaa hedduu isin bira dhufiisa dhooggame. 23 Amma ammoo adaala kana keessaa hujii tiyya waan fixadheeruu fi dhufee isin ilaaliisaafille woggaa hedduu dharra'aa waan tureeruuf, 24 yennaa gara Isphaaniyaa dhaqu goree isin ilaaliisaaf karoorfadheera. Yennaa diqqoo isin dhaggiisaan gammadeen duuba, akka ani ittiin achi dhaquuf qarqaarsa akka naa gootanu hin addadha. 25 Ammaa tana ammoo, kolbaa Waaqaa ta achi jirtu tajaajiliisaaf†Tajaajiliisaaf: Yookiin qarqaarsa beese'ee geessiisaaf ani gara Yerusaalemii deemiisatti jira. 26 Wolde'i kiristaanaa ka Maqedooniya'aatii fi Akaayya'aa, hiyyeeyyii Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa odduu jirtuuf, qarqaarsa kenniisaaf murteeffataneeran.1 Qor. 16:1-4 27 Murteen tama isaanii ti; ammoo dhuguma isaan, isaan qarqaaruu qaban; eega Yihudooti eebba Ayyaana Waaqaa irraa dhaggatane worra Yihudoota hin te'in woliin qoodamane, worri Yihudoota hin te'inille eebba jiruu fooniitiin dhaggataneen Yihudoota qarqaaruu qaban.1 Qor. 9:11 28 Maarre, ani yennaa hujii tana fixe, beesee isaaniif wolitti qabante maraayyuu isaanii kenneen duuba, Isphaaniyaa dhaqaara; yennaa achi dhaqu goree isin ilaala. 29 Yennaa gara keessan dhufu, eebbaa Kiristoosii guutumaa guutu'utti fidee akka dhufu ani hin beeka.
30 Obboleeyyan tiyya! Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiin, jaalala Ayyaanni Woyyichi nuu kennelle'een, na woliin itti cittanee‡Itti cittanee: Murattanee akka naaf daadimattanu isin magannifadha. 31 Akka ani miidhaa worra hin dhugeeffannee, ka Yihudaa keessaa irraa fayyuu fi tajaajilli kiyya Yerusaalem keessatti kolbaa Waaqaa ta achiitiif fudhatamaa akka te'u daadimadha'a. 32 Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareffama. 33 Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen.