9
Mirga Ergantootaa
Ani nama bilisummaa qabuu motii? Ani ergama'aa motii? Ani Goottaa keenna Yesuus hin dhagginee? Isin Gootta'aan bu'aa hujii tiyyaatii motii? Ergamaa te'uun kiyya worra dhibii biratti fudhatama dhabulle, ani isiniif ergama'a. Sababille, Gootta'atti waan dhugeeffattaneef isinuu beessisa ergamaa te'iisa kiyyaa ti.
Worra na busheeshuuf ani deebii qaba: waan nyaannuu fi waan unnu dhaggatiisaaf mirga hin qannuu ree? Akka Ergantoota dhibi'ii, akka obboleeyyan Gootta'aatii fi akka Pheexroosii, nuutille niitii dhugeeffatte ifi faana fudhannee woliin deemiisaaf mirga hin qannuu? Yookiin anaa fi Baarnaabaas calla'attuu waan le'ii teennaatiif hujatuu qannaa? Nami loltuu te'ee mindaa malee beesee ifiitiin tajaajilu eennu? Nami muka woyni'ii dhaabee midhaan isi'ii hin nyaanne eennu? Nami horii tissaa aanan hin unne eennu?
Ani akka yaada namaa callaa kana jedhaaraa? Seerri Muuse'eetuu akkana hin jedhuu? Seera Muuse'ee keessatti, «Qotiyyoo midhaan dhowiisatti jirtu afaan hin hidhin» ka jedhu barreeffameera. Amma Waaqi marroo qotiyyo'ootiif haajamee tana jedhee? 10 Waaqi marroo teennaafii motii tana jedhe ree? Nami lafa qotuu fi nami midhaan dhowu qooda midhaanii dhaggadha jedhee akkuma addii godhatu, dhugumaan wonni kun marroo teennaaf barreeffante. 11 Nuuti waan jireenna ayyaanaatiif barbaachisu isinii facaannee, waan jireenna fooniitiif barbaachisu isin irraa yoo haammanne waan guddo'oo ree?Rom. 15:27 12 Worri dhibiinuu waan akkasii isin irraa dhaggatiisaaf mirga ka qabanu yoo teete, nuuti mirga kana caalu attam qabaatuu dhanna ree? Nuuti ammoo mirga kanatti hin fayyadanne. Oduu Gammadaa ta Kiristoosiitiif gufuu akka hin teeneef, nuuti waan mara ossanne. 13 Worri Galma Waaqaa keessa tajaajilu sagalee ifii Galma Waaqaa keessaa akka dhaggatuu fi worri addee ciinca'aatitti ciincaa dhikeessu qooda ciinca'aa akka dhaggatu hin beettanuu ree? 14 Akkasuma worri Oduu Gammadaa lallabu waan ittiin le'anu hujii tana irraa akka dhaggatanu Goottaan ajajeera.Mat. 10:10; Luq. 10:7
15 Ani ammoo mirga kana keessaa tokkolle'etti hin fayyadanne; kana ka barreessaarulle akka tana naa gootanuufii moti. Waan ani ittiin ifi jaju nami gatii dhassiisu'uu mannaa du'u naa woyya. 16 Ani Oduu Gammadaa waan odeesseef ifi jajuu hin qabu. Kana godhuun naaf dirqama; Oduu Gammadaa yoo lallabuu dhabe naaf aanne'e! 17 Fedha kiyyaan tana yoo godhe, gatii hin dhaggadha; fedha kiyya malee yoo godhe ammoo, hujii Waaqa biraa hadara'aan natti kennante muummesse jechu'u. 18 Gatiin dadhabbii tiyyaa maan ree? Gatiin dadhabbii tiyyaa mirga ifii qabu adoo itti hin fayyadamin, mindaa malee akkanumaan Oduu Gammadaa lallabu'u.
19 Ani nama bilisa malee, nama tokkolle'eef garbaa moti; ammoo haga dande'ame worra hedduu fayyisiisaaf garba ifi godheera. 20 Yihudoota fayyisiisaaf Yihudoota biratti akka Yihudootaa te'e. Ani seeraan jala jiraatuu dhabulle, worra seeraan jala jiru biratti akka nama seeraan jala jiruu te'e. 21 Ani Seera Waaqaa ka qabuu fi Seera Kiristoosiitiin jala jiraadhulle, worra Yihudoota hin te'in ka seera hin qanne fayyisiisaaf akka nama seera hin qannee te'e. 22 Worra dhugeeffanna'aan dadhabaa te'e fayyisiisaaf, akka worra dadhaba'aa te'e. Worra garii fayyisiisaaf nama duudii woliin waan duudii te'e.
23 Ani eebba Wongeelaa qoodamiisaaf, Wongeelaaf jedhee tana duudii godha. 24 Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa'a. 25 Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. 26 Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu'uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. 27 Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.

9:11 Rom. 15:27

9:14 Mat. 10:10; Luq. 10:7