10
Waaqota Dharaa Hin Waaqonfatina'a
Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumensi isaaniin gubbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu abbaayaa diintuu keessa qaxxaamurane isin qaabachiisuu fedha. Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane. Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane. Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos. Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnowee hafe.
Isaan waan hantuu akka halchane, nuutille waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera. Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a. Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kum diddamii sad guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu. Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeefamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu. 10 Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a.
11 Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante.
12 Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti. 13 Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
14 Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a. 15 Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a. 16 Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii?*Hiikkaan gariin: «Dhiiga Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree? Daabboon nuuti irraa caffannee nyaannu foon Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree?» jedha.Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20 17 Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha.
18 Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree? 19 Eegasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree? 20 Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu. 21 Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu. 22 Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree?
23 «Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessituHin jabeessitu: Hin ijaartu.1 Qor. 6:12 24 Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti.
25 Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a. 26 Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti».
27 Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii nyaadha'a. 28 Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a. 29 Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti.
Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree? 30 Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama?
31 Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a. 32 Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a. 33 Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a.

*10:16 Hiikkaan gariin: «Dhiiga Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree? Daabboon nuuti irraa caffannee nyaannu foon Kiristoosii woliin tokkummaa ta qadduu motii ree?» jedha.

10:16 Mat. 26:26-28; Mar. 14:22-24; Luq. 22:19-20

10:23 Hin jabeessitu: Hin ijaartu

10:23 1 Qor. 6:12