Kitaaba Moototaa Ka Qaraa
Seensa
Kitaab moototaa ka qaraa, dabarsii bulchiinsa mootota Israa'elootaa ka kitaabota Saamu'elii keessatti jalqabamee jirutti aansee odeessa. Kitaab moototaa ka qaraa kutaa saditti qoodamuu dande'a. 1. Solomoon addee abbaa ifii bu'ee mootii Israa'eliitii fi Yihuda'aa akka te'ee fi marroo du'a abbaa isaa Daawitii odeessa. 2. Bulchiinsa mootummaa Solomooniitii fi hujii inni huje, keessattuu ijaarsa Galma Yerusaalem keessatti ijaarametti irra caalaa beekkama.
3. Biyyi Israa'elii mootummaa kaabaatii fi kibbaatitti akka qoodantee fi dabarsii mootota dhaloota Kiristoosiitiin dura haga wodhakkaa jaarraa sagaleesso'oo sooressitee odeessa.
Kitaaba moototaa ka qaraatii fi ka lammeesso'oo keessatti sooressaan tokko tokkooyyuu akka addatamummaa Waaqaaf qabuun mura; guddinnii fi mijayiisi haala biyyaalle addatamummuma tanuma irratti hundootti. Karaa biraatiin waaqota dharaa waaqonfatiisii fi ajajama dhabiis sooressitootaa fi kolbaa gara badi'ii qajeelcheera. Moototi mootummaa kaabaa duudiin haga ilaallatamaan jiganeeran; dabarsiin mootota Yihuda'aa ammoo marroo namoota hamootaatii fi qajeelotaa odeessiti.
Kitaaba moototaa ka qaraa keessatti irra caalaa ka beekkame raagota Mootii Waan Maraa, worra jajjabaa addee Waaqaa bu'ee jecha Waaqaa dubbatu, kolbaan waaqota dharaa akka hin waaqonsinee fi Waaqaaf ajajamiisa akka hin didanne worra ifi eeggachiisu. Isaan keessaa ka beekkame Eliyaasii fi dabarsiin inni wol morkii hayyoota Ba'aalii woliin godhe (Foora 18).
Haadhoo Dubbi'ii
Muummee Bara Bulchiinsa Daawitii1:1—2:12
Solomoon mootii te'e2:13-46
Bara Bulchiinsa Solomoonii3:1—11:43
Woggoota Qaraa3:1—4:34
Galmi Waaqaa ijaarame5:1—8:66
Woggoota Duubaa9:1—11:43
Mootummaa Gargar Qoqoodante12:1—22:53
Finqila Gosoota Kaabaa12:1—14:20
Mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii14:21—16:34
Raagicha Eliyaas17:1—19:21
Ahaabii mootii Israa'elii20:1—22:40
Iyoosaafixii mootii Yihuda'aatii fi Ahaazii mootii Israa'elii22:41-53
1
Mooticha Daawiti Bara Dullummaa Isaa
Mootichi Daawiti guddoo waan dulloomeef, tajaajiltooti isaa bullukkoo hedduu itti uffisanulle inni o'ifatuu hin dandeenne. Maarre tajaajiltooti isaa, «Ee Mooticha, durra si woliin jiraattee si tajaajiltu si'iif barbaanna; isiin cinaa teeti irkattee si o'itti» jedhane. Achiin duuba isaan lafa Israa'elii duudii keessa, durra dansittii barbaadanee, intala «Abiishaag» jedhantu takka qachaa Shuneemiititti dhagganee, mootichaaf fidane. Isiin guddoo dansitti'i; mooticha wolille'een jiraattee isa tajaajilte; te'uu malee inni isii hin tundhe.
Adoniyaan Mootii Te'iisaaf Barbaade
Adoniyaan ilmi Haagiiti deette, «Ani mootii te'a» jedhee ifi dhikeesse; inni garreettaa fardaan harkifamu, abbootii fardaatii fi namoota shantama ka isa dura deemanu qopheeffate. Adoniyaan Abiishaalom irratti dhalate; inni guddoo dansicha; abbaan isaa Daawiti gaafa inni dhalateen jalqabee, «Maaf tana yookiin san goote?» jedhee akka malee isa xixee hin beeku. Adoniyaan Yo'aabii ilma Zeruyaan deettee fi hayyicha Abiyaataar woliin mari'ate; isaanille isa qarqaariisaaf wolii galane. Ammoo hayyichi Zaadoq, Benaayaan ilmi Yehoyaada'aa, raagichi Naataan, Shime'i, Re'iinii fi eeddoti mooticha Daawitii, yaada Adoniya'aa hin fudhanne.
Gaafa tokko Adoniyaan dhakaa «Zohelet*Sohelet: Afaan Ibrootaatiin bofa jechu'u.» jedhamu, ka madda En-Rogeelii bira jiru biratti hoolota, korommi'ii fi dardaroota cocooma qalee ciincaa dhikeessee, obboleeyyan ifii mara, ilmaan mooticha Daawitiitii fi qondaaltota mootumma'aa ta Yihudaa keessaa mara waame. 10 Inni ammoo raagicha Naataan, Benaayaa, eeddota mooticha Daawitiitii fi obboleessa ifii Solomoon hin waanne.
Solomoon Mootii Te'e
11 Achiin duuba Naataan Baat-Sheebaa haadha Solomooniitiin, «Daawiti goottaan keenna adoo hin beekin Adoniyaan ilmi Haagiiti deette mootii akka te'e ati hin dhageennee? 12 Tanaaf amma ati lubbuu teetii fi lubbuu ilma keeti Solomoonii akka hamburattu ani sitti gorsa. 13 Ammuma gara mooticha Daawitii dhaqiitii, ‹Ee, goottaa kiyya mooticha, ati ilmi kiyya Solomoon si'iin duuba addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u ana tajaajiltuu teetiif hin kakannee? Eegasuu Adoniyaan maaf mootii te'e ree?› jedhiin. 14 Adoo ati mooticha Daawiti woliin dubbatiisatti jirtuu, ani dhufee wonni ati dubbatte dhugaa akka teete hin mirkaneessa» jedhe.
15 Maarre Baat-Sheebaan gara kolloo mooticha dulloomeeru, ta durrittiin Shunamittiin Abiishaag tajaajiliisatti jirtuu seente. 16 Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifante; innille, «Ati maan barbaadda?» jedhee gaafate.
17 Isiin deebittee, «Ee, goottaa kiyya, ‹Ilmi keeti Solomoon naan duuba addee tiyyatti mootii hin te'a; barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jettee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetiitiin ana tajaajiltuu teetiif kakatteertaayyu. 18 Amma ammoo adoo ati hin beekin Adoniyaan mootii te'eera. 19 Inni korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, hayyicha Abiyaataarii fi ajajaa loltootaa Yo'aab waameera; tajaajilaa keeti ilma keeti Solomoon ammoo hin waanne. 20 Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba addee teetitti mootii ka te'u, eennu akka te'e ati akka hintuuf, kolbaan Israa'elii si eegatiisatti jirti. 21 Yoo ati himuu dhadde, ati goottaan kiyya mootichi duuteen duuba, anii fi ilmi kiyya Solomoon akka yakkaameyyi'iititti hin laakkowanna» jette.
22 Adoo isiin mooticha woliin dubbatiisatti jirtuu, raagichi Naataan ol seene. 23 Tajaajiltooti, «Raagichi Naataan dhufeera» jedhanee mootichatti himane; Naataanille mooticha dura dhaqee fuulaan lafatti gad gombifame. 24 Achiin duuba raagichi Naataan, «Ee, goottaa kiyya mooticha, si'iin duuba Adoniyaan addee teetitti mootii akka te'u, barcumaa mootumma'aa keeti irralle akka tee'u beessitteertaa? 25 Guyyaa adhaa Adoniyaan korommii hedduu, dardara cocoomaa fi hoolota ciincaa dhikeessee, ilmaan teeti mara, ajajjoota loltootaatii fi hayyicha Abiyaataar waameera; kunoo isaan amma isa woliin nyaataa, unaa, ‹Ee mooticha Adoniya'a, bara hedduu mootom!› jedhiisatti jiran. 26 Ammoo ana tajaajilaa keeti, hayyicha Zaadoq, Benaayaa ilma Yehoyaada'aatii fi ilma keeti Solomoon hin waanne. 27 Wonni kun waan ati goottaan kiyya mootichi gootee ree? Ati nama si'iin duuba addee teetitti mootii te'u, ka barcumaa mootumma'aa keeti irralle tee'u, tajaajiltoota teetitti hin hinnee?» jedhe.
28 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Deebitee akka dhuttu Baat-Sheebaa naaf waama'a» jedhe; maarre isiin ol seentee mooticha dura dhaabbatte. 29 Achiin duuba mootichi kakatee, «Maqaa Mootii Waan Maraa jiraata'aa, ka rakkoo mara jalaa na baasee, 30 ani, ‹Ilmi keeti Solomoon anaan duuba mootii hin te'a, barcumaa mootumma'aa kiyya irralle hin tee'a› jedhee, waan maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin si'iif kakadhe, adha hin muummessa» jedhe.
31 Achiin duuba Baat-Sheebaan mooticha duratti jilbiiffattee, fuulaan lafatti gad gombifantee, «Goottaa kiyya mooticha Daawiti, jiraadhu!» jette.
32 Achiin duuba mootichi Daawiti, «Hayyicha Zaadoq, raagicha Naataanii fi Benaayaa ilma Yehoyaada'aa naaf waama'a» jedhe. Yennaa isaan mooticha dura dhufane, 33 mootichi isaaniin, «Tajaajiltoota tiyya woliin dhaqa'aatii, ilma kiyya Solomoon gaangee tiyya irra teessisa'aatii gara madda Giihonii geessa'a. 34 Achitti hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan isa muudanee mootii Israa'elii godhanuu ti. Achiin duuba tultullaa afuufaa qoonqoo teessan ol qabadha'aatii, ‹Mooticha Solomoon bara hedduu mootom!› jedha'a. 35 Achiin duuba isin isa gara Yerusaalemii fida'aatii, inni dhufee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'ee, addee tiyyatti mootii te'ee bulchuu ti. Ani akka inni bulchaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa te'u isa filadheera» jedhe.
36 Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, deebisee mooticha Daawitiin, «Ameen! Mootiin Waan Maraa Waaqi goottaa kiyya mootichaa waan kana muummessuu ti. 37 Mootiin Waan Maraa akkuma si goottaa kiyya mooticha woliin jiraate, Solomoon wolille'een jiraatuu ti; barcumaa mootummaa isaalle barcumaa mootumma'aa ka si goottaa kiyya mooticha Daawitii caaluuyyuu jabeessuu ti» jedhe.
38 Maarre hayyichi Zaadoq, raagichi Naataan, ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, worri mooticha eeganu Keretoototii fi Pheletoototi Solomoon gaangee Daawitii mootichaa irra teessisanee, gara madda Giihonii geessane. 39 Hayyichi Zaadoq gaafa zayitiin ejersaa keessa jirtu Dunkaanii Woyyittii keessaa fuudhee, Solomoon muude; achiin duuba isaan tultullaa afuufanee, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee, «Mooticha Solomoon, mootom!» jette. 40 Kolbaan marti Yerusaalem keessatti isa gula deemaa, suusullee afuufaa, gammada gudda'aan firinxiixanee, hogaa isaaniitiin latti tachoote.
41 Adoniya'aa fi keessummooti isa woliin jirtu marti, jila muummeffatiisatti adoo jiranuu hogaa dhage'ane. Yo'aab qoonqoo tultulla'aa yennaa dhage'e, «Hogaan qachaa keessaa kun marti maan?» jedhee gaafate. 42 Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu ilmi Abiyaataarii hayyichaa Yonaataan dhufe; Adoniyaan Yonaataaniin, «Ati nama dansaa waan teeteef, oduu dansaa fiddee dhufuu hin dhaddu, ol seen me!» jedhe.
43 Yonaataanille deebisee, «Ani oduu dansaa fidee hin dhunne; goottaan keenna mootichi Daawiti, Solomoon mootii godheera. 44 Mootichille hayyicha Zaadoq, raagicha Naataan, Benaayaa ilma Yehoyaada'aa, worra mooticha eeganu Keretootaatii fi Pheletoota akka isa bookarsanuuf ergeera; isaanille gaangee mootichaa irra isa teessisanee, 45 hayyichi Zaadoqii fi raagichi Naataan madda Giihonii biratti, Solomoon muudanee mootii godhane. Achiin duuba kolbaan gammaddee ilillisaa gara qacha'aa deebitee hogisiisatti jirti; hogaan isin dhageettane kun isa. 46 Kana maleelle Solomoon barcumaa mootumma'aa irra tee'eera. 47 Tajaajiltooti mootumma'aalle gammadaaf, gara mooticha Daawitii dhuttee, ‹Waaqi keeti maqaa Solomoonii maqaa keeti caalaa ka beekkame, mootummaa isaalle mootummaa teeti caalaa ta jabaatte godhuu ti› jetteerti; mootichi Daawitille taqee ifii irratti gad gombifamee Waaqa waaqonfatiisaan, 48 ‹Sanyii tiyya keessaa nama addee tiyyatti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa kiyya irra tee'u, Ka adha ila tiyyaan na dhaggisiise, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii leellifamuu ti!› jedheera» jedhe.
49 Achiin duuba keessumooti Adoniyaan waame marti sodaatanee ka'anee, karaa karaa bittinnowane. 50 Adoniyaan ammoo Solomoon sodaatee, dhaqee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabate. 51 Achiin duuba, «Adoniyaan si sodaatee gaafa roga addee ciinca'aa irra jiru qabatee, ‹Solomoon ana tajaajilaa isaa shallaaga'aan akka hin ijjeenne adha naaf kakatuu ti› jedhiisatti jira» jedhanee Solomoonitti himane.
52 Mootichi Solomoon deebisee, «Inni nama addatamaa yoo te'u te'e, rifeensi mataa isaatuu lafa hin bu'u; hammeenni isa irratti yoo dhaggame ammoo hin du'a» jedhe. 53 Achiin duuba mootichi Solomoon, namoota Adooniya'atti ergee, isaanille addee ciinca'aa irraa isa gad buusane. Adoniyaan dhaqee mooticha Solomooniif gad gombifame; mootichille, «Gara mana keetii deemi» jedheen.

*1:9 Sohelet: Afaan Ibrootaatiin bofa jechu'u.