24
Daawiti Loltoota Laakkossiise
1 Ammalle aariin Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti bobeettee, «Dhaqiitii kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aa laakkow» jedhee Daawiti isaan irratti kaase.
2 Maarre mootichi Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaa ka isa woliin jiranuun, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku gosa Israa'elii mara keessa deema'aatii Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'a» jedhe.
3 Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti; ilti goottaa kiyya mootichaalle tana dhaggituu ti; garuu goottaan kiyya mootichi maaf waan akkasii kana godhuu barbaade?» jedhe.
4 Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabii fi ajajaa loltootaa irratti jabaate; maarre Yo'aabii fi ajajaan loltootaa kolbaa Israa'elii laakkowiisaaf mooticha biraa bayane.
5 Isaan laga Yordaanosii gamatti bu'anee bayaneen duuba, qachaa Aro'erii gara kibbaatiin qubatanee, karaa Gaadiitiin gara qachaa Yaazerii deemane. 6 Isaan achii ka'anee gara Giil'aadiitii fi gara lafa Heetotaa Qaadesh keessa dabaranee gara qachaa Daan Yaa'aanii deemane, Daanii ka'anee marfatanee gara qachaa Sidoonii deemane. 7 Achiin duuba gara kushee Xiiroosii, gara qachoota Hiiwotaatii fi gara qachoota Kana'aanotaa mara deemane. Dhuma irratti gara qachaa Bersheebaa ka biyya Yihuda'aa keessa gara kibbaatitti dhaggamuu deemane. 8 Maarre isaan lafa mara keessa deddeemanee ji'a sagalii fi bulii diddamaan duuba gara Yerusaalemii deebi'ane. 9 Yo'aab laakkossa kolba'aa mootichatti hime; Israa'el keessa namoota kuma dhibba saddeeti, Yihudaa keessalle namoota kuma dhibba shan worra shallaaga'aan loluu dande'utti jiraayyu. 10 Te'uu malee Daawiti kolbaa laakkoween duuba gadhaan hammaatee, Mootii Waan Maraatiin, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe. 11 Daawiti ganamaan yennaa ka'e, jechi Mootii Waan Maraa gara Gaadii raagichaa ka Daawitiif mudhii dhagguu dhufee, 12 «Gara Daawitii dhaqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhii itti himi» jedhe. 13 Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee isaan, «Beelti woggaa sadii lafa teeti irratti dhutte woyya moo? Yookiin diinni keeti si ari'anuun ji'a sad isaan duraa baqattu woyya moo? Yookiin balaa guyyaa sadii lafa teeti irratti fidu sii woyya? Amma tana irratti yaadadhuutii ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhu» jedhe. 14 Daawitille Gaadiin, «Ani rakkinna guddaa keessa jira. Ani harka namootaatiin adabamuu manna, marartiin Mootiin Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamu naaf woyya» jedhe. 15 Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, ganama sanii kaasee haga guyyaa murteeffameetitti Daanii haga Bersheeba'aatitti namooti kum torbaatam dhumatane. 16 Yennaa ergamaan Waaqaa Yerusaalem balleessiisaaf harka ifii diriirse, Mootiin Waan Maraa marroo badii sanii gaddee, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu. 17 Daawiti ergamaa Waaqaa ka kolbaa fixiisatti jiru san yennaa dhagge, Mootii Waan Maraatiin, «Kunoo, nami cubbuu huje ka dokonkorelle ana; kolbaan tun ammoo akka hoole'ee ti; isaan maan godhane? Addabbiin teeti anaa fi maatii abbaa kiyyaa irratti teetuu ti» jedhe.
Daawiti Addee ciinca'aa Ijaare
18 Guyyaa san Gaad gara Daawitii dhaqee isaan, «Ka'iitii eeddummee Ornaa Yibusichaa irratti Mootii Waan Maraatiif addee ciinca'aa ijaari» jedhe. 19 Maarre Daawitille akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Gaadiitiin isa ajaje godhe. 20 Orna yennaa ilaalu mootichii fi namooti isaa gara isaa dhufiisatti jiranuun dhaggee, gad bayee fuula mootichaa duratti gad lafatti gombifame. 21 Orna, «Goottaan kiyya mootichi gara tajaajilaa ifii maaf dhufe?» jedhee gaafate. Daawiti deebisee, «Balaan kolbaa irratti bu'e kun akka dhaabbatu, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, eeddummee teeti bitatiisaaf dhufe» jedhe. 22 Orna Daawitiin, «Kennansa gubamu dhikeessiisaaf qotiyyooti kunoo ti; qoraaniifille waanjoon qotiyyootaatii fi uleen midhaaniin dhowanu kunoo ti; goottaan kiyya mootichi waanuma isatti tole fuudhee kennansa gubamu dhikeessuu ti; 23 ee, mooticha ani Orna waan kana mara si'iif hin kenna» jedhe. Itti dabalee Orna mootichaan, «Mootiin Waan Maraa kennansa gubamu sirraa fudhatuu ti» jedhe. 24 Mootichi ammoo deebisee Ornaaniin, «Waawwo'o; ani gatii si'iif hin kaffala; waan gatii hin kaffalin Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe.
Maarre Daawiti eeddumme'ee fi qotiyyoo beesee meeti'ii dhibba jaan bitate. 25 Daawiti achitti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesse. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata marroo lafaatiif daadimatane dhage'ee, balaan Israa'el irratti bu'e dhaabbate.