23
Dubbii Daawitii Ta Dhumaa
1 Dubbiin Daawitii ta dhuma irratti inni dubbate ta asii gad jirtu: «Ergaan Daawitii ilma Iseyii, ka Ol Aanaa irraa guddinna dhaggatee, ka nama Waaqa Yaaqoobiitiin muudamee, faaruun faarsicha Israa'elii tana:
2 «Ayyaanni Mootii Waan Maraa
karaa kiyyaan dubbateera;
jechi isaa arraba kiyya irra jira.
3 Waaqi Israa'elii dubbateera;
rassaan Israa'elii anaan,
‹Nami tokko balchumma'aan yennaa bulchu,
Waaqa sodaatiisaan yennaa bulchu,
4 inni akka ifa ganamaa,
ka duumensi adoo hin jiraatin
yennaa aduun baatu ifuu ti;
akka calalaqa roobaan duuba
latti marra akka baattu godhuu ti› jedhe.
5 «Dhugumaan manni kiyya
Waaqa duratti akkasii motii ree?
Inni gondooroo bara baraa
na woliin godhateera.
Waan mara sirreessee jabeessee hin eega;
fayyinna kiyyaa fi fedhii tiyya mara
ka naaf muummessu isaa motii ree?
6 Garuu namooti hamooleen marti
akka qoreettii
nami harkaan wolitti qabuu hin dandeennee
hin gataman.
7 Nami sibiilaa fi someya ebo'ootiin
qoreettii wolitti hin qaba;
qoreettiin sun achumaan ibiddaan hin gubanti.»
Loltoota Daawitii Gootota.
8 Maqaan loltoota Daawitii ta worra goototaa ta asii gad jiru: Yosheb-Baashebetii Takmoonicha sooressaa gootota sadii; inni lola tokko keessatti namoota dhibba saddeeti eboo ifiitiin fixe. 9 Ka isatti aanu ilma Dodoo Ahohichaa Ele'azaar; Filisxeemota lolaaf wolitti qabamanetti dhaadatanu, loltoota jannoota sad keessaa tokkochi isa. Achiin duuba Israa'elooti baqatane. 10 Inni ammoo haga irreen isaa irraa buututti, haga harki isaa shallaaga'atti gogutti Filisxeemota lole; guyyaa san Waaqi injifachaa guddaa isaaf kenne. Loltooti gara Ele'azaarii deebi'anee Filisxeemota worra ijjeefame irraa meya lolaa mulqatane. 11 Ka itti aanu ilma Aagee Haraarichaa Shama'a. Addee, «Lehi» jedhantutti fichaa misiraa keessatti yennaa Filisxeemoti wolitti qabantu, loltooti Israa'elootaa isaan duraa baqatane. 12 Shamaan garuu fichuma san keessa dhaabbatee, Filisxeemota ijjeesee fichaa irraa deebise; guyyaa san Mootiin Waan Maraa injifachaa guddaa isaaf kenne. 13 Yennaa midhaan galfatanu loltooti Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii keessatti addee qabatanee adoo jiranu, loltoota gootota soddoma keessaa sadiin addee Daawiti jiru gara goda «Adulaam» jedhamuu dhufane. 14 Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; gareen loltoota Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiran. 15 Daawiti dharraa guddo'oon, «Boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan unu eennutti naaf fida laati?» jedhe. 16 Maarre loltooti goototi sadiin sun quttuma Filisxeemotaa keessa dabaranee boolla karra Betlihemii bira jirtu keessaa bisaan woraabanee Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansa godhee, Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, 17 «Ee, Mootii Waan Maraa, waan akkasii kana godhiis narraa fagaatu! Kun dhiiga worra lubbuu ifii gurguratee dhaqeetii motii ree?» jedhe; tanaaf Daawiti bisaan isaaf fidane san uniisa hin barbaanne. Jannummaan loltooti goototi sadiin sun godhane tana. 18 Abiishaayi obboleessi Yo'aabii ka Zeruyaan deette sooressaa worra sadiin kanaa ti. Inni eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeesee, akka worra sadiin sanii loliisaan gurri isaa ka'e. 19 Inni worra sadiin san caalaa ulfinna guddaa qabaa motii ree? Akka isaanii beekkamuu dhabulle ajajaa isaanii te'e. 20 Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee, neenqa tokkolle ijjeeseera. 21 Inni nama biyya Gibxi'ii tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun eboo qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. 22 Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. 23 Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawitille worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. 24 Worra soddoma keessaa maqaan isaanii ka asii gad jiru: Obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, 25 nama biyya Harorii Shaamaa, nama biyya Haarodii Eliiqaa, 26 nama biyya Phaaltii Helez, nama qachaa Teqo'aa ilma Iqeshii Iiraa, 27 nama qachaa Anaatotii Abii'ezer, nama biyya Hushaatii Mebunaa'i, 28 nama biyya Ahohii Zaalmon, nama biyya Netofii Maharaay, 29 ilma Ba'anaa nama biyya Netofii Heled, sanyii Beniyaamin keessaa ilma Rebaayii nama qachaa Giibe'aa Iitaayi, 30 nama biyya phiiraatonii Benaayaan, nama dhooqa Ga'aashii Hiidaayi, 31 nama biyya Aarabataahii Abii-Alboon, nama biyya Barhumii Az-maawet, 32 ilmaan Yaashenii keessaa nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, 33 ilma Shamaa nama biyya Haraarii Yonaataan, ilma Shaaraarii nama biyya Haraarii Ahii'aam, 34 ilma Ahasbaayii nama biyya Ma'akaatii Eliifelex, ilma Ahiitofelii nama biyya Giloonii Elii'aam, 35 nama biyya Qarmelosii Hezro, nama biyya Arbaa'ii Pha'iiraayi, 36 nama biyya Zobaa ilma Naataanii Iigaal, nama biyya Gaadii Baan, 37 nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii Naharaayi ka Zeruyaan deette ka meya lolaa Yo'aabiif ba'atu, 38 nama biyya Itrii Iiraa, nama biyya Itrii Gaareb, 39 nama biyya Heetii Uriiyaa fa'a; isaan kun wolumatti nama soddomii torba.