22
Faaruu Daawitii Ta Galataa
1 Mootiin Waan Maraa harka diinota isaa maraa fi harka Saa'olii jalaa yennaa isa baase Daawiti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarse:
2 Inni, «Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,
waan itti golladhu;
ka na baasulle'e.
3 Waaqi kiyya rassaa kiyya
ka ani itti baqadhu;
wontee tiyya,
ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu.
Inni kushee tiyya jaddu'u;
ta ani itti baqadhu; fayyisaa kiyyalle'e;
namoota hunnaan nama irratti ka'anu jalaa
na hin baasa.
4 Ani Mootii Waan Maraa leellifamaa
hin waammadha;
innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.
5 «Danbaliin du'aa na marsitee,
lolaan badi'ii na gad liqinse.
6 Wodaroon awwaalaa na xaxxee,
tiyyoon du'aa na qabatte.
7 Rakkinna kiyya keessatti
ani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe;
akka na qarqaaruuf,
Waaqa kiyyatti iyye.
Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaa
qoonqoo tiyya dhage'e;
iyya tiyyalle caqase.
8 «Mootiin Waan Maraa waan aareef,
latti rommitee tachoote;
hundeen ol-gubba'aalle daaxxee hollatte.
9 Funnaan isaa keessaa aarri baye;
afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fi
kashilli ibiddaa baye.
10 Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e;
duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.
11 Inni dada ol-gubba'aa
ta koola qaddu irra tee'ee koolaan ka'e;
koola qilleensaa irra tee'ee xinniqe.
12 Inni dukkana gollaa ifii godhatee,
dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu;
duumensi gurraachi, bisaaniin guutame,
isa marseera.
13 Calalaqa addee inni jiruu keessaa,
balaqqeettiin balaqqitte.
14 Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e;
Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.
15 Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse;
balaqqeessa balaqqeetti'iitiin
haxowee isaan balleesse.
16 Xixicha Mootii Waan Maraatiin,
dhowicha hafuura funnaan isaatiin,
dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane;
hundeen lafaa marti qullaa hafane.
17 «Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe;
bisaan qilee keessaa harkisee na baase.
18 Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf,
inni diinota kiyya hunnaameyyii,
worra na jibbu jalaa na baase.
19 Yennaa ani rakkadhe,
isaan na irratti ka'ane;
Mootiin Waan Maraa
ammoo na qarqaare.
20 Inni gara addee badho'oo na geessee,
waan natti gammadeef, na baase.
21 «Mootiin Waan Maraa
akkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe;
inni waan ani yakkaa hin qanneef
gatii naa kaffale.
22 Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef,
Waaqa kiyya irraa deebi'ee
waan hantuu hin hunye.
23 Ani seera isaa mara muummesseera;
seerata isaalle irraa hin gorre.
24 Ani isa duratti komii hin qabuuyyu;
cubbuu irralle'ee ifi eeggadheera.
25 Mootiin Waan Maraa
akkuma balchummaa tiyyaatitti,
ani waan yakkaa hin qanneef
badhaasa naaf kenne.
26 «Ee, Mootii Waan Maraa,
ati worra addatama'aaf, ka addatante;
worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.
27 Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u;
worra dabaalessaaf,
akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.
28 Ati worra gad ifi qabu hin baatta*Hin baatta: Lafa tokko tokkotti hin baacha jedhan. ;
worra kooru ammoo hin salphitta.
29 Ee, Mootii Waan Maraa,
ati ifa naaf hin issita;
Waaqa kiyya,
ati dukkana tiyya hin issita.
30 Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola;
qarqaarsa Waaqaatiin
dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.
31 «Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;
jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;
worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.
32 Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?
Waaqa keenna malee rassaan eennu?
33 Jabeenna ka anaaf kennu,
ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.
34 Inni miila kiyya
akka miila gadansaa hin jabeessa;
koobota gubbaa
sodaa malee na dhaabbachiisa.
35 Inni harka kiyya lolaaf hin leenjisa;
guubee sageettu'uu harkisuu akka dande'u,
irree tiyya hin jabeessa.
36 Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta;
qarqaarsi keeti guddaa na godheera.
37 Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhittee,
miilli kiyyalle hin mucucaanne.
38 «Ani diinota kiyya
ari'ee isaan balleesse;
haga isaan badanutti
ani duubatti hin deebine.
39 Akka isaan dande'anee hin kaane,
gad isaan dhowe;
isaan miila kiyya jalatti jigane.
40 Ati lolaaf hunna naaf kennite;
mormitoota tiyya
miila kiyya jalatti jilbiiffachiitte.
41 Ati diinoti kiyya worri na jibbu
duubatti deebi'anee akka baqatanu goote;
anille isaan balleesse.
42 Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane;
ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre.
Isaan Mootii Waan Maraa waamane;
inni ammoo deebii hin kennine.
43 Akka bukuu qilleensi afuufuu,
ani isaan butuche;
akka dhoqqee karaa keessaa,
ani isaan irra sirbe.
44 «Ati kolbaa tiyya
ta na loltu jalaa na baatte†Baatte: Yookiin Baache ;
gosa biyya adda addaa irratti
bulchaa na goote;
kolbaan ani hin beenne na tajaajilte.
45 Worri ormaa na sossobatane;
gurra kiyya akkuma dhage'aneen,
naaf ajajamane.
46 Isaan Sodaatanee addii kutatane;
raafamanee kushee jadduu ifii
lakkisanee bayane.
47 «Mootiin Waan Maraa jiraata'a!
Rassaan kiyya leellifamuu ti!
Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.
48 Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu;
gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.
49 Inni diinota kiyya jalaa na baasa.
Diinota kiyya irratti ol ol na qaba;
kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'ee
na baasa.
50 Tanaaf, Mootii Waan Maraa,
gosa biyya adda addaa oddu'utti si leellisa;
faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.
51 Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef,
injifachaa kenna;
ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiifille,
jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa» jedhe.