21
Namooti Giibe'onii Haluu Bayane
Bara bulchiinsa Daawitii haga woggaa sadii beelti buute; maarre Daawiti marroo waan kanaa Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle, «Saa'ol namoota Giibe'onii ijjeesee, innii fi maatiin isaa worra dhiigaa waan te'aneef tun teete» jedhe. Mootichi Daawiti worra Giibe'onii waame; worri Giibe'onii worra Amoorota keessaa lubbu'uun hafe malee sanyii Israa'elootaatii moti; Israa'elooti isaan eegiisaaf kakatanulle, Saa'ol kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Yihuda'aatiifille hinaaffaa waan qabuuf isaan mara balleessiisaaf barbaade. Daawiti, «Maan isiniif godha? Kolbaa Mootii Waan Maraa tana akka eebbittanuuf qodha maan isiniif kenna» jedhee isaan gaafate.
Namooti Giibe'onii deebisanee isaan, «Nuuti Saa'olii fi maatii Saa'olii irraa meetii yookiin worqii fudhatiisa yookiin Israa'eloota keessaa eennulle ijjeesiisaaf mirga hin qannu» jedhane.
Innille, «Maan akka isiniif godhu barbaaddan ree?» jedhee isaan gaafate.
Isaan deebisanee mootichaan, «Saa'ol nu mara balleessee, biyya Israa'elii keessatti addee akka hin qabaanne mala nu irratti dhoweeraayyu, maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane.
Maarre mootichille, «Isaan harka keessanitti dabarsee hin kenna» jedhe.
Te'uu malee Daawitii fi ilmi Saa'olii Yonaataan maqaa Mootii Waan Maraatiin woliif waan kakataneef, mootichi Daawiti akaakoo Saa'olii ilma Yonaataanii Mefii-Bosheet du'a irraa hambure. Mootichi ammoo ilmaan lamaan Armonii fi Mefii-Bodheet ta intalti Ayyaa Riizphaan Saa'oliif deette, ilmaan dhiiraa shan ta intalti Saa'olii Meraab, ilma Baarzilaayii Meholaatichaa Adrii'eliif deettelle fuudhee, harka worra Giibe'oniititti dabarsee kenne; isaanille isaan ijjeesanee kooba irratti Mootii Waan Maraa duratti fannisane; isaan torbaanuu yennuma tokko du'ane; isaan ji'a birra'aa yennaa garbuun haamamuu jalqabu ijjeefamane.
10 Intalti Ayyaa Riizphaan woyaa gaddaa fuutee, addee reeffi worra ijjeefame jiru bira rassaa irratti afatte; yennaa haammaa midhaaniitii jalqaddee haga bokkeenni ol-gubba'aa reeffa ilmaan isi'ii irratti roobutti achi turte; isiin guyyaa allaatiin, halkan bineensi reeffa isaanii akka hin geenne dhooggite.
11 Intalti Ayyaa Riizphaan gursumeettiin Saa'olii waan goote kana yennaa Daawititti himane, 12 inni dhaqee lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii worra Yaabesh-Giil'aadii irraa fuudhe; worri Filisxeemotaa kooba Giilbo'aa irratti Saa'ol ijjeesaneen duuba addee isaan reeffa isaanii fannisane, badhinna Bet-Shaanii keessaa worri Yaabeshii lafee isaanii dhossa'aan fudhataneeraniiyyu. 13 Daawitille lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii achii fide; lafee ilmaan Saa'olii torbaa ka worra ijjeefamanee fannifamane saniille wolitti qabane. 14 Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e.
Lola Filisxeemota Irratti Ka'e
15 Filisxeemotaa fi Israa'elii wodhakkaa ammalle lolli ka'e; Daawiti namoota ifii woliin Filisxeemota loliisaaf dhaqee, adoo loliisatti jiranuu Daawiti dadhabe. 16 Sanyii Refaa'otaa keessaa Ishibii-Benoob, eboo sageettuu irraa hujante ta kiiloogiraama sadii fi wodhakka'aa qabatee, shallaagaa haareya hidhate tokko Daawiti ijjeesiisaaf barbaade. 17 Ilmi Zeruyaan deette Abiishaayi ammoo Daawiti qarqaariisaaf dhufee, Filisxeemicha san ijjeese; achiin duuba namooti Daawitii, «Ati nami Israa'eliif issaa teete akka hin banne, haganaa achi nu woliin hin duulin» jedhanee kakatane.
18 Achiin duuba addee, «Gob» jedhantutti Filisxeemota woliin lolli dhibiin ka'e; yennaa san Siibekaayiin Hushaatichi nama sanyii Refaa'otaa keessaa Saaf ijjeese.
19 Lola dhibii Gob keessatti ka'een Filisxeemota woliin wol lolane keessatti, ilmi Yaa'aree-Oreegiimii Betlihemichaa Elhaanaan, nama biyya Gaatii, Goliyaad ta somey eboo isaa akka muka worri woyaa dhowu woyaa itti maratuu qabateeru ijjeese.
20 Gaati keessatti ammalle lolli dhibiin ka'e; achi keessa nami guddaan ka harkaa fi miila tokko tokko irrattuu quba jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu; innille nama sanyii Refaa'otaa ti. 21 Namichi kun yennaa Israa'elootatti murgu, obboleessi Daawitii ilmi Shimi'aa Yonaataan isa ijjeese.
22 Worri ijjeefame kun arfanuu Gaati keessatti sanyii Refaa'otaa ti; isaanille Daawitii fi loltoota isaatiin ijjeefamane.