5
Solomoon Galma Waaqaa Ijaariisaaf Qopheeffate
1 Hiiraam mootiin Xiiroosii Daawiti woliin yennaa mara jaala waan te'eef, akka Solomoon addee abbaa ifiititti mootii te'e yennaa dhage'e, ergantoota ifii gara isaa erge. 2 Solomoonille ergaa asii gad jirtu tana Hiiraamitti ergee, 3 «Abbaan kiyya Daawiti sababa diinota karaa maraan isatti ka'aneef, haga Mootiin Waan Maraa injifachaa isaaf kennutti, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif Galma Waaqaa ijaaruu akka hin dande'in ati hin beetta. 4 Amma ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi karaa maraan nageya naaf kenneera; diinni yookiin wonni hantuun hin jirtu. 5 Waaqi abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ilmi keeti ka ani addee teetitti mootii godhee, barcumaa mootumma'aa irra teessisu, Galma naaf hin ijaara› jedhee dubbateera; tanaaf ani amma Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf Galma Waaqaa ijaariisaaf hedeera. 6 Maarre nama akka worra Sidoonii muka muruu beeku, akka nuuti hin qanne hin beetta; namoota keetiif mindaa ati jette ani hin kaffala, tajaajiltoota tiyya woliin dhaqanee, Libaanon keessaa hindheensa akka naaf muranu, namoota keeti naaf ergi» jedhe.
7 Hiiraam ergaa Solomoonii yennaa dhage'e, guddoo gammadee, «Gosa guddoo tana akka bulchu, Mootiin Waan Maraa ilma qaroo Daawitiif kenne, adha leellifamuu ti!» jedhe. 8 Achiin duuba Hiiraam Solomoonitti ergee, «Ergaan teeti na dhaqqaddeerti; muka hindheensaatii fi birbirsaa dhikeessiisaan waan ati barbaadde mara si'iif hin godha. 9 Namooti kiyya jigeessota Libaanonii gara abbaaya'aatitti harkisaa gad hin fidan; addee ati barbaadde akka si'iif gewu, wolitti hiisisee abbaayaa irra deensisee si'iif hin erga; achitti ani gargar hiikisiisee, atille hin fudhatta; atille worra mana kiyya keessa jiruuf sagalee dhikeessiisaan fedha kiyya hin guutta» jedhe.
10 Maarre Hiiraam akka kanaan muka hindheensaatii fi birbirsaa ka Solomoon barbaade mara dhikeesseef. 11 Solomoonille worra mana Hiiraamii keessa jiranuuf qamadii kuntaala kuma diddamaa akkasuma zayitii ejersaa qulqulluu litirii kuma dhibba afurii woggaa wogga'aan kenneef.
12 Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa galetti Solomooniif qarummaa kenne; Hiiraamii fi Solomoon wodhakkaa nageenni waan jiruuf, isaan lamaanuu wolii galane.
13 Mootichi Solomoon lafa Israa'elii mara keessaa, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu kuma soddoma file. 14 Adoniiraam itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu godhe; inni kuma kudhan kudhaniin addee saditti isaan qoodee, badoo bado'oon, ji'a tokko Libaanon keessa, ji'a lama mana ifii akka turanu godhe. 15 Solomoon ammalle biyya koobittii keessatti worra ba'aa ba'atu kuma torbaatamaa fi worra dhakaa bocu kuma saddeettama qabaayyu. 16 Akkasuma toowattoota hujii tanaa namoota kuma sadii fi dhibba sad qabaayyu. 17 Isaan ajaja mooticha Solomooniitiin, dhakaa gugurdaa gatii guddo'oo ka hundee Galma Waaqaatiif te'u, qotanee baasanee bocanee fidane. 18 Namooti hujii harkaa hujanu ka Solomooniitii fi Hiiraamii, namooti biyya Gebaaliille Galma Waaqaa ijaariisaaf, muka muranee, dhakaa bocanee qopheessane.