6
Solomoon Galma Waaqaa Ijaare
1 Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'iitii baateen duuba, woggaa dhibba afurii fi saddeettamatti, Solomoon biyya Israa'elii irratti mootii te'ee, woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe. 2 Galmi Waaqaa ka mootichi Solomoon ijaare sun, dalla dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama, hojjaan isaa ciqilee soddoma. 3 Dheerinni soroo kutaa guddittii Galma Waaqaatiin duraa, akkuma badhinna Galma Waaqaa ciqilee diddama teetee, karaa Galma Waaqaatiin duraan ciqilee kudhan dheeratti. 4 Galmi Waaqaa sun foddaa gara keessaatiin badhattee, gara alaatiin dhiphattu qabaayyu. 5 Solomoon kutaa guddittii Galma Waaqaatitti maxxansee, adaala addee woyyitti'ii fi addee irra caalaa woyyitti'iititti, mana dhibii ka kolloo adda addaa qabu itti marsee ijaare. 6 Badhinni mana jalaa ciqilee shan, ka mana mana irratti ijaaramee ka wodhakka'aa ciqilee jaa, ka mana mana irratti ijaarame ka sadeesso'oo ciqilee torba. Muki tokkolle ijaarsa Galma Waaqaa uree akka hin seenneef, gara duubaatiin itti marsee, kaabii ijaare.
7 Dhakaan Galmi Waaqaa sun ittiin ijaarame, adduma dhakaan jirutti bocamee waan qophoweef, Galmi Waaqaa yennaa ijaaramu, qoonqoon burrisaa, ta ura'aa yookiin ta sibiila dhibi'ii hin dhage'ane.
8 Balbalti seensuma mana jalaa, Galma Waaqaa irraa gara kibbaatitti dhagganti; yaabbannoo gara mana mana irraa ka wodhakka'aatii fi ka sadeesso'ootitti ol bayanulle qaba. 9 Maarre mootichi Solomoon, Galma Waaqaa ijaaree fixe; heellichoo Galma sanii buusaa muka hindheensaa dalla buusee, falaxaa birbirsaatiin cufe. 10 Inni karaa maraan Galma Waaqaatitti marsee kolloota ijaare; hojjaan kolloota sanii ciqilee shan; kolloon sunille buusaa muka hindheensaatiin, Galma Waaqaatiin wolitti qassiifanteerti.
11 Jechi Mootii Waan Maraa gara Solomoonii dhufee, 12 «Akka seerata kiyyaatitti yoo deddeebite, seeraa fi ajaja kiyya yoo eegatte, Galma Waaqaa ka ati ijaariisatti jirtu kanaaf, waan abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, ani karaa keetiin hin muummessa. 13 Ani Israa'eloota odduu hin le'a; ani kolbaa tiyya Israa'el hin gatu» jedhe.
14 Maarre Solomoon Galma Waaqaa ijaaree fixe.
Ijaarsa Keessa Galma Waaqaa
15 Inni keessa Galma Waaqaa hundee isaatiin jalqabee, haga heellicho'ootitti falaxaa muka hindheensaa itti siree, lafa keessa Galma Waaqaa falaxaa birbirsaatiin huje. 16 Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatiin, Addee Irra Caalaa Woyyittii addaan baasiisaaf, kolloo ciqilee diddamaa, lafa irraa kaasee haga heellicho'oo falaxaa muka hindheensaa itti sire. 17 Kutaan guddittiin Addee Irra Caalaa Woyyittii duratti dhaggantu ciqilee afurtama dheeratti. 18 Keessi Galma Waaqaa falaxaan muka hindheensaa itti gonfamee, fakkeenna buqqi'iitii fi daraaraa baqeetiin seefameera; falaxaa muka hindheensaa malee, dhakaan tokkoolle hin mudhatuuyyu.
19 Inni Galma Waaqaa keessatti, gara duubaatitti, saanduqa gondooroo Mootii Waan Maraa keessa keyiisaaf, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa ijaare. 20 Addeen Irra Caalaa woyyitti'ii tun dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'ii ciqilee diddama, hojjaan isi'iille ciqilee diddama; inni keessa isi'ii worqii qulluu itti gonfe. Addee ciinca'aalle falaxaa muka hindheensaa itti uffise. 21 Solomoon keessa Galma Waaqaa worqii qulluu itti gonfee, Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta worqi'iin gonfante san dura, haachaba worqi'ii diriirse. 22 Maarre inni keessa Galma Waaqaa duudii worqii itti gonfe; addee ciinca'aa ta Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa keessaalle worqii itti gonfe.
23 Solomoon fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lama ta dheerinni tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii, muka ejersaa irraa hujee, Addee Irra Caalaa woyyitti'ii ta gara keessaa keessa keye. 24 Koolli dada ol-gubba'aa ta qaraa ka gama tokkoo ciqilee shan; ka gama kaanille ciqilee shan dheerata; qaccee koola gama tokkoo irraa haga qaccee koola gama kaanii ciqilee kudhan dheerata. 25 Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lammeesso'oolle ciqilee kudhan dheerata; dadi ol-gubba'aa sun lamaanuu hagi isaaniitii fi akki isaanii wol fakkaatan. 26 Hojjaan dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokko tokkootuu ciqilee kudhan. 27 Solomoon koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta lamaaniituu akkuma diddiriireeruun, dada ol-gubba'aa san Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta gara keessaa san keessa keye; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka tokkochaa dhaaba manaa ka gama tokkoo tuqa; koolli dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo dhaaba manaa ka gama kaanii tuqa; koolli isaanii dhibiin wodhakkaa Addee Irra Caalaa Woyyittii sanitti wol tuqaayyu. 28 Inni dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaanuu worqii itti gonfe.
29 Dhaaba Galma Waaqaa mara irratti, kolloo gara keessaatii fi gara alaa irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee boce. 30 Inni lafa addee Irra Caalaa Woyyitti'iitii fi lafa Galma Waaqaa keessaalle worqii itti gonfe.
31 Balbala gara Addee Irra Caalaa woyyittii seenanu ta gara lamatti banantu, ta mikikkilaa fi gulantaa roga shanii qaddu, muka ejersaa irraa huje. 32 Inni balbala muka ejersaa irraa hujante lamaanuu irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi fakkii muka meexxi'ii kana irratti worqii itti gonfe. 33 Akkasuma inni balbala gara kutaa gudditti'ii seenanutti mikikkila roga afurii muka ejersaa irraa huje. 34 Inni balbala lama ta wolitti dachaafantee banantu, ta tokko tokkoon isi'iituu, saanqaa lama lama qaddu, muka hindheensaa irraa huje. 35 Inni balbala san irratti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii muka meexxi'iitii fi fakkii daraaraa baqee tolchisiisee, fakkii san irratti worqii gonfe.
36 Inni Galma Waaqaatiin duratti badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, dhakaa bocame tarree sadiin, saanqaa muka hindheensaa tarree tokkoon ijaare.
37 Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'ootitti, ji'a lammeesso'oo, ka «Ziif» jedhamu keessa, hundeen Galma Waaqaa keyante. 38 Inni mootii te'ee woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, ji'a saddeetesso'oo, ka «Bul» jedhamu keessa, akkuma dur karoorri bayetti, ijaarsi Galma Waaqaa muummowe. Solomoon Galma Waaqaa woggaa torbatti ijaaree fixe.