7
Solomoon Mana Mootummaa Ifii Ijaarrate
Solomoon mana mootummaa ifii ijaaree woggaa kudhanii saditti fixe. Inni mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu, ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa, badhinni isaa ciqilee shantamaatii fi hojjaan isaa ciqilee soddomaa ijaare; manni mootumma'aa kun utuboota hindheensaa ka tarree afuritti dhaabbatee, buusaa hindheensaa utubeeru qabaayyu. Tarree tokko tokkoo irra utuboota kudhanii shan, wolumatti utuboota afurtamii shan qaba; utuboota kana gubba'atti heellichoo muka hindheensaa irraa hujantetti jira. Manni kun foddaa tarree sad sadii ka fuullee wolii jiranu qaba. Balbaltii fi foddaan martinuu mikikkiloota roga afurii qaban; foddaan tarree sad sadiin fuullee wolitti galteerti.
Solomoon galma utuboota heddu'uu, ta dheerinni isi'ii ciqilee shantamaa, badhinni isi'ii ciqilee soddomaa ijaare; kutaa guddittii san dura soroo utuba'aan utubanteertutti jiraayyu.
Solomoon galma barcumaa mootumma'aa, galma haqaa, addee tee'ee muraa kennu ijaaree, lafaa kaasee, haga heellicho'ootitti muka hindheensaatiin golle.
Manni isaa ka inni keessa le'u, galma haqaatiin wol fakkaata; manni kunille galma haqaa irraa gara duubaatiin jira; Solomoon haadha manaa ifii, intala mooticha Gibxi'iitiifille mana galma haqaatiin wol fakkaatu ijaare.
Ijaarsi kun duudiin alaa haga badhinna guddicha dalleya keessaatitti, hundee ijaarsaatiin jalqabee, haga jinjimaatii isaatitti, dhakoota gatii guddo'oo ka wol qixxee te'ee, duraa fi duubaan bocameen ijaarame. 10 Hundee ijaarsa kanaa, dhakoota gugurdaa gatii guddo'oo, ka dheerinni isaanii ciqilee saddeetiitii fi ka ciqilee kudhaniititti keyame. 11 Dhakoota gugurdaa kana irra, dhakoota wol qixxee te'ee bocamee fi buusaa hindheensaa hedduun jiran. 12 Badhinni guddichi dalleya keessaa, akkuma badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaatii fi soroo isaa, dalleya dhaka'aa, dhakaa bocame tarree sadii fi buusaa hindheensaa tarree tokkoon marfamee ijaarameera.
Hiiraam Yerusaalem Geye
13 Mootichi Solomoon gara biyya Xiiroosii nama ergee, Hiiraam waansise. 14 Haati Hiiraamii haadha hiyyeessaa ti; isiin gosa Niftaalemii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii, ogeessa sageettu'uu ti. Hiiraam hujii sageettu'uu mara hujiisaan qarumma'aan, hubanti'ii fi beekkumsa gudda'aan nama guutameeru; inni gara Solomoonii mootichaa dhufee, hujii isaaf kennante mara huje.
Utuboota Sageettu'uu Lama
15 Hiiraam utuboota sageettu'uu lama, ka tokko tokkoon isaatuu, hojjaan isaa ciqilee kudhanii saddeetii, furdinni isaalle ciqilee kudhanii lamaa huje. 16 Inni ammalle mataa utuboota lamaanii irra keyiisaaf, sageettuu baqisiisee guutuu lama ta tokko tokkoon isi'ii ciqilee shan dheerattu huje. 17 Guutuu mataa utubootaa irra jirtu san seesiisaaf, tokko tokkoo isi'iitiif, sageettuu irraa caccoo haachabaa torba torba huje. 18 Inni guutuu utubootaa seesiisaaf, sageettuu akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, haachaba sanitti naannessee tarree lamatti huje; guutuu lamaaniifuu ta wol fakkaatu huje.
19 Guutuun mataa utuboota soro'oo irra jiranu, ciqilee afur dhedheeratanee, fakkii daraara'aa qaban. 20 Guutuu utuboota lamaaniituu irratti, haachabatti aanee, fakkii akka qori'ii jirtu gubbaa, wonni akka midhaan «Rumaan» jedhamuu, dhibbi lama tarree lamatti dirameera.
21 Hiiraam utuboota lamaan san, soroo Galma Waaqaa duratti dhaabe; utubaa gara kibbaa «Yaakiin*Yaakiin: Afaan Ibrootaatiin Inni hin dhaaba jechu'u.» jedhee moggaase; utubaa gara kaabaa «Bo'azBo'az: Afaan Ibrootaatiin jabeenna isaatiin jechu'u.» jedhee moggaase. 22 Guutuun utuboota san irra jirtu fakkii daraara'aatiin hujanteerti.
Maarre hujiin utubootaa akka kanaan muummotte.
Waabaa Sageettuu Irraa Hujame
23 Hiiraam sageettuu baqisiisee, waabaa bisaanii ka badhinni keessa isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, marsi bukkee isaa ciqilee soddomaa huje. 24 Irga afaan waaba'aatiin jala gara duubaatiin, fakkiin buqqi'ii kudhan ta sageettuu irraa hujante, ciqilee tokko tokkotti kudhan kudhaniin, tarree lama lamaan marfanteerti. 25 Waabaan bisaanii sun, dudda fakkii korommii kudhanii lamaa, ta sageettuu irraa hujantee, sad gara kaabaa, sad gara kibbaa, sad gara aduun baatu, sad gara aduun seentutti fuula galanee hudduu wolitti galaneeranu irra dhaabbateeraayyu. 26 Furdinni waabaa sanii haga ganaa harkaa ti; irgi afaan isaalle akka irga afaan muduunu'uu hujamee, fakkii daraara'aa fakkaata; waabaan kun bisaan gara litirii kuma afurtamaa qabata.
27 Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad. 28 Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu. 29 Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera. 30 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu. 31 Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba. 32 Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. 33 Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame. 34 Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban. 35 Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran. 36 Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje. 37 Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma.
38 Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur. 39 Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye.
Hiiraam Meya Galma Waaqaa Mara Hujee Muummesse
40 Hiiraam ammalle okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu huje; inni akka kanaan hujii Galma Waaqaa ta mooticha Solomooniif hujiisa jalqabe muummesse; meyi inni huje ka asii gad jiru: 41 Utuboota lama, qaccee utubootaa irratti guutuu akka qori'ii jirtu lama, waan akka haachabaa lama, ta guutuu utuboota irraa lama ittiin seesanu, 42 haachaba lama, guutuu akka qori'ii jirtu lama ta qaccee utuboota irraa seesiisaaf, tarree lamaan ka hujame waan akka midhaan «Rumaan» jedhamuu dhibba afur, 43 waan meya irra keyanu kudhan, qorii itti dhiqatanu kudhan woliin, 44 waabaa bisaaniitii fi fakkii korommi'ii kudhanii lama ta isa jala jirtu.
45 Okkotee, waan daadhaa ittiin haranuu fi qorii dhiiga fiffixanu qabattu, Hiiraam tajaajila Galma Waaqaatiif meya kana mara mooticha solomooniif, sageettuu morodante irraa huje. 46 Mootichi Solomoon waan kana mara dhooqa Yordaanosii keessatti, addee sibiila itti baqisiisanu ta faara irraa hujante ta Suukootii fi Zaaretaan wodhakkaa jirtu keessatti hujisiise. 47 Mey kun bacaa waan te'eef, mootichi Solomoon hin madaalchinne; tanaaf madaalliin sageettu'uu hagam akka te'e hin beekkanne.
48 Solomoon ammalle tajaajila Galma Waaqaatiif, meya asii gad jiru hujisiise; mey kunille addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante, xarapheessaa worqii irraa hujame ka daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu, 49 meya worqii qulluu irraa hujame waan issaan irra keyamu, ka addee irra caala woyyittii ta gara keessaa dura, shan gara kibbaatiin, shan gara kaabaatiin keyanu, daraaraa, issa'aa fi qaraphaa ibiddaan tuqanu, 50 muduunuu, qaraphaa issa'aan dhaanfanu, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, girgiraa, waan ibidda irratti bobeessanu, maaxafaa balbala kolloo Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaatii fi ka kutaa guddittii Galma Waaqaa ka worqii qulluu irraa hujame huje.
51 Mootichi Solomoon hujii Galma Waaqaa mara fixeen duuba, abbaan isaa Daawiti tajaajila Galma Waaqaatiif waan addaan baase mara meetii, worqi'ii fi meya dhibii addee meya Galma Mootii Waan Maraa massanutti masse.

*7:21 Yaakiin: Afaan Ibrootaatiin Inni hin dhaaba jechu'u.

7:21 Bo'az: Afaan Ibrootaatiin jabeenna isaatiin jechu'u.