10
Mootittiin Biyya Sheeba'aa Solomoon Ilaaliisaaf dhutte
1 Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomooniitii fi maqaa Mootii Waan Maraa woliin tokkummaa inni qabu dhageettee, gaaffii jajjaddu'uun haga isa ilaaliisaaf, gara Yerusaalemii dhutte. 2 Isiin bookarsitoota hedduu woliin uddowaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feetee, Yerusaalem yennaa geette, gara mooticha Solomoonii dhaxxee, waan qalbii ifii keessaa qaddu mara isa gaafatte. 3 Mootichi Solomoonille gaaffii isiin gaafatte mara deebise; wonni inni isi'iif deebisiisa dadhabe takkaalle hin jirtu. 4 Mootittiin biyya Sheeba'aa, qarummaa Solomoonii mara, mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhaggite, 5 sagalee qorii isaa, akka qondaaltoti isaa itti teettu, akka itti tajaajiltooti isaa woyaa uffattu, worra waan unanu isaaf dhikeessuu fi ciincaa inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhikeesse yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte. 6 Isiin mooticha Solomooniin, «Oduun marroo hujii teetiitii fi qarummaa teetii, ta ani biyya tiyyatti dhage'e dhuga'a! 7 Ammoo haga as dhufee ila tiyyaan dhaggutti, waan natti himane mara hin dhugeeffanneeyyu; dhugumaan gamisa isi'iituu natti hin hinne; ati ta ani dhage'e caalaa, qarumma'aa fi durummaa guddoo qadda. 8 Namooti keeti attam attam hiree dansaa qaban! Qondaaltoti teeti ta yennaa mara si dura dhaabbattee, qarummaa teeti dhageettu attam attam hiree dansaa qaban! 9 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ka sitti gammadee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra si teessise leellifamuu ti; Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jaalala bara baraa waan qabuuf, haqaa fi balchummaa akka hujjuuf, mootii si godheera» jette.
10 Achiin duuba isiin kennansa fidde mara, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, uddowa'aa fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa, mooticha Solomooniif kennite; eega san mootichi Solomoon uddowaa bacaa, ka haga mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf kennitee, dhaggatee hin beeku.
11 Hobolooti gugurdoon Hiiraamii, ta biyya Ofiiriitii worqii fidde, muka sandali'ii heddu'uu fi dhakaa gatii guddo'oo isaaf fiddeertiiyyu. 12 Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku.
13 Mootichi Solomoon mootittii biyya Sheeba'aatiif kennansa isi'iif kenne irratti dabalee, waan isiin halchitee isa gaafatte mara isi'iif kenne; achiin duuba isiin bookarsitoota ifii woliin gara biyya ifii deebite.
Durummaa Solomoonii
14 Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti, worqii gara kiiloogiraama kuma diddamii sad dhaggataayyu. 15 Tana maleelle qaraxa daldaltootaatii fi daldala irraa, mootota biyya Arabaa mara irraa dhaggamuu fi gibira bulchitooti kutaa biyya Israa'elii isaaf kennanu dhaggataayyu.
16 Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaatiin itti gonfanteerti. 17 Akkasuma wontee didiqqoo dhibba sad worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama lamaatiin itti gonfanteerti; mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.
18 Inni ammalle barcumaa mootumma'aa guddaa tokko, ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe. 19 Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera. 20 Qaccee yaabbannoo tokko tokkootuu san irra, gara lamaaniinuu fakkiin neenqotaa tokko tokko, wolumatti fakkiin neenqotaa kudhanii lama dhaabbatteerti; barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa biyya tamii keessalle'etti hujamee hin beeku.
21 Bara mooticha Solomoonii meetiin gatii guddoo waan hin qanneef, mey inni itti unuu fi mey mana mootumma'aa ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru marti, worqii qulluu irraa hujame malee, mey meetii irraa hujame tokkolle hin jiru. 22 Mootichi Solomoon hoboloota gugurdoo daldalaa ta biyya Tarshiishii, ta hoboloota Hiiraamii woliin daldalaaf abbaayaa irra deddeebitu qabaayyu; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, qalame'ee fi jaldeessa isaaf fidan.
23 Mootichi Solomoon durumma'aa fi qarumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu. 24 Namooti biyya lafaa duudiin, qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, gara isaa dhufiisa barbaadaniiyyu. 25 Worri gara isaa dhufu marti, wogguma wogga'aan kennansa meya meeti'iitii fi worqi'ii, woyaa, meya woraanaa, uddowaa, fardo'oo fi gaangee fidaniiyyu.
26 Solomoon garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo wolitti qabate; inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba afur, abbootii fardo'oo kuma kudha lama qabaayyu; isaan keessaa garii qachoota garreettoti fardaan harkifamanu le'anu keessa, garii addee ifii le'u Yerusaalem keessa keye. 27 Bara mootummaa ifii meetii akkuma dhakaa addee maratti dhaggamuu, muka hindheensaalle akkuma muki harru'uu lafa kooba jalaa keessatti bacatuu godhe. 28 Mootichi Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti isaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa fardoo bitanee fiddaniiyyu. 29 Isaan garreettaa fardaan harkifamu tokko tokko meetii dhibba jaan, farda tokko tokko meetii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitanee fidanee, mootota Heetotaatii fi Sooriya'aatitti dabarsanee gurguraniiyyu.