11
Mootichi Solomoon Waaqa Irraa Fagaataa Deeme
1 Mootichi Solomoon dubartoota biyya ormaa hedduu jaalate; inni intala mooticha Gibxi'ii maleelle, durra worra Mo'aabii, durra worra Amoonii, durra worra Edoomii, durra worra Sidooniitii fi Heetii fuudhe. 2 Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin, «Durra gosa biyya adda addaa yoo fuutane, isaan dhugumaan gadhaa keessan gara waaqota ifii waan deebisanuuf, durra teessan ilmaan isaanii hin heerumsiisina'a; ilmaan teessanille durra isaanii hin fuusisina'a» jedhee itti seereeraayyu; Solomoon ammoo, guddoo isaan jaalate. 3 Solomoon durra maatii moototaa keessaa niitota dhibba torbaa fi gursumeeyyii dhibba sad qabaayyu; isaan akka inni Waaqa irraa fagaatu godhane. 4 Yennaa inni dulloome, niitoti isaa akka inni waaqota dhibii waaqonfatu godhane; Solomoon akka abbaa ifii Daawitii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii gadhaa tokkochaan hin waaqonfanne. 5 Inni waaqa dharaa diqachiisaa worra Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuu fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamu waaqonfate. 6 Solomoon fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje malee, akka abbaa ifii Daawitii, addatamumma'aan Mootii Waan Maraa hin hordonne. 7 Inni waaqa dharaa jibbisiisaa worra Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa jibbisiisaa worra Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf, addee waaqonfanna'aa gaara qachaa Yerusaalemii irraa, gara aduun baatu jiru irratti ijaarsise. 8 Inni niitota ifii ta waaqota ifiitiif hixaana aarsituu fi ciincaa dhikeessitu, ta biyya ormaatii fuudhe maraafille akkasuma huje.
9 Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka yennaa lama isatti mudhate irraa waan fagaateef, Mootiin Waan Maraa Solomoonitti aare. 10 Solomoon waaqota dhibii akka hin waaqonfanne, Mootiin Waan Maraa isa ajajeeraayyu; inni ammoo waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje hin eeganne. 11 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Solomooniin, «Eega tana gootee, gondooroo na woliin gondoorattee fi seerata kiyya ka ani si ajaje eegatuu eega dhadde, mootummaa teeti si irraa fuudhee, tajaajiltoota teeti keessaa nama tokkoof hin kenna. 12 Te'uu malee, ani bara ilma keetii keessa mootummaa teeti isa irraa fuudha malee, abbaa keeti Daawitiif jedhee, bara jiruu teetii keessa tana hin godhu. 13 Tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii ka filadheef jedhee, gosa tokko ilma keetiif hin kenna malee, mootummaa san guutumatti ilma keeti irraa hin fudhadhu» jedhe.
Diinota Solomoonii
14 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa maatii mootota Edoomii keessaa diina, «Hadaad» jedhamu tokko, Solomoon irratti kaase. 15 Daawiti worra Edoomii lolee biyya isaanii yennaa qabate, ajajaan loltoota isaa Yo'aab, Israa'eloota du'ane awwaaliisaaf ol bayee, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeese. 16 Yo'aabii fi Israa'elooti marti, dhiira Edoom keessa jirtu mara ijjeesanee haga fixanutti ji'a jaa achi turane. 17 Bara san Hadaad ilma diqqa'a; inni tajaajiltoota abbaa ifii gamisa woliin, gara biyya Gibxi'ii baqate. 18 Isaan biyya Miidiyaanii irraa ka'anee, biyya gara biyya Phaara'aa dhaqane; achiin duuba biyya Phaara'aa keessaa namoota fudhatanee, gara Fara'oonii mooticha Gibxi'ii dhaqane; mootichille mana, sagale'ee fi lafa Hadaadiif kenne. 19 Hadaad fuula mootichaa duratti fudhatama waan dhaggateef, mootichi obboleettii niitii ifii, «Taahafenes» ta jedhantu isa heerumsiise. 20 Isiin Hadaadiif ilma, «Genubaat» jedhamu deette; Taahafenes mana mooticha Gibxi'iititti isa gudditte; innille ijoollee mootichaa woliin le'e.
21 Hadaad adoo biyya Gibxi'ii jiruu, mootichi Daawiti akka du'e, ajajaan loltoota isaa Yo'aabille akka du'e yennaa dhage'e, mooticha Gibxi'iitiin, «Gara biyya tiyyaa akka deebi'u, naaf eeyyam» jedhee gaafate.
22 Mootichi Gibxi'ii ammoo, «Na biraa maan dhaddee, gara biyya teetii deebi'uu barbaadda?» jedhee isa gaafate?
Hadaad deebisee mootichaan, «Womaa hin dhanne; ammoo deemuu barbaada, gara biyya tiyyaa akka deemu naaf eeyyam» jedhe.
23 Ammalle Mootiin Waan Maraa diina dhibii ilma Eliyaada'aa Rezon, ka goottaa ifii Hadaad-Ezer mooticha Zoba'aa jalaa baqate, Solomoon irratti kaase. 24 Yennaa Daawiti loltoota Zoba'aa fixe, Rezon namoota wolitti qabatee, sooressaa finqiltootaa te'e; inni namoota ifii woliin Damaasqoo dhaqee qubate; isaanille achitti mootii isa godhatane. 25 Rezon rakkoo Hadaad Israa'el irratti fide irratti dabalee, bara Solomoonii mara diina Israa'elii te'e; maarre Rezon Sooriyaa irratti mootii te'ee, Israa'el jibbe.
Yerobi'aam Solomoon Irratti Finqila Kaase
26 Ilmi Nebaatii Yerobi'aamille, Solomoon irratti finqila kaase; inni tajaajiltoota Solomoonii keessaa tokko ka te'e, sanyii Efreem keessaa, nama qachaa Zeredaarii ti; maqaan haadha isaa Zeruwa'a. Isiin haadha hiyyeessaa ti. 27 Solomoon kaabii, «Miiloo*Miiloo: Lafa boollittii qachaa Yerusaalemii irraa karaa aduun baatu jirtu.» jedhantu guutee, dalleya qachaa abbaa ifii Daawitii ka caccabe, deebisee waan ijaarsiseef, Yerobi'aam mooticha Solomoon irratti, finqila kaase. 28 Yerobi'aam nama dandeettii guddoo qabu; dargaggeessi kun hujii akka dansaa akka huju, Solomoon yennaa dhagge, gosa Yoseefii keessaa worra hunnaan hujii hunnaa hujanu irratti itti gaafatamaa godhe. 29 Gaafa tokko Yerobi'aam, qachaa Yerusaalemii keessaa bayee adoo deemuu, nami qachaa Shiilo'oo raagichi Ahiiyaan, ka woyaa haareya uffateeru, karaa irratti isa dhagge; isaan lamaanuu qacha'aan ala qofi adoo jiranuu, 30 Ahiiyaan woyaa haareya uffateeru san ifi irraa fuudhee, addee kudhanii lamatti gargar cicciree, 31 Yerobi'aamiin, «Ati citaa kudhan ifiif fudhadhu; sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani mootummaa Solomoon irraa fuudhee, cicciree gosa kudhan si'iif hin kenna; 32 tajaajilaa kiyya Daawitii fi qachaa Yerusaalemii, ka ani qachootaa gosa Israa'elii mara keessaa filadheef jedhee, gosa tokko Solomooniif hin hambura. 33 Inni na lakkisee, waaqa dharaa ta worra Sidoonii Ashitaaroti, waaqa dharaa ka worra Mo'aabii Kemoshii fi waaqa dharaa ka worra Amoonotaa Moleek waan waaqonfateef, ani tana hin godha; inni akka Daawitii abbaa ifii karaa kiyya irra hin ideenne; fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hin hunye; seerataa fi ajaja kiyya hin eeganne. 34 Te'uu malee tajaajilaa kiyya ka ani filadhe, ka ajajaa fi seerata kiyya eegate Daawitiif jedhee, guutumatti Solomoon irraa mootummaa hin fuudhu; bara jiruu ifii mara akka inni bulchu hin godha. 35 Ammoo ilma Solomoonii irraa mootummaa fuudhee, gosa kudhan si'iif hin kenna. 36 Te'uu malee, maqaan kiyya akka ittiin waamamuuf qachaa filadhe Yerusaalem keessatti, sanyii tajaajilaa kiyya Daawitii keessaa, nami tokko yennaa mara barcumaa mootummaa isaa irraa, fuula kiyya duraa akka hin dhabanneef, ani ilma isaatiif gosa tokko hin kenna. 37 Ani fuudhee, mootii Israa'elii si hin godha; kutaa biyya jaalattee mara hin bulchita. 38 Akkuma tajaajilaan kiyya Daawiti godhe, atille waan ani si ajaje mara yoo goote, karaa kiyya irra yoo ideente, seerataa fi ajaja kiyya eegattee, waan sirrii te'e fuula kiyya duratti yoo goote, ani si woliin hin jiraadha; akkuma mootummaa Daawitii jabeesse, mootummaa sanyii teetille hin jabeessa; Israa'elille si'iif hin kenna. 39 Sababa cubbuu Solomooniitiif sanyii Daawitii hin adaba; ammoo haga bara baraatii moti› jedha» jedhe.
40 Tanaaf Solomoon Yerobi'aam ijjeesiisaaf wodhaane; Yerobi'aam ammoo gara mooticha biyya Gibxi'ii Shiishaaqii baqatee, haga Solomoon du'utti achi ture.
Du'a Solomoonii
41 Wonni dhibiin ta Solomoon bara mootummaa ifii huje, qarummaan isaa martinuu, kitaabaa dabarsii Solomoonii keessatti barreeffanteerti. 42 Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama, kolbaa Israa'elii mara irratti mootii te'e. 43 Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee abbaa ifii Solomooniititti mootii te'e.