12
Israa'elooti Gara Kaabaa Rehobiyaam Irratti Kaate
Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaxxeef, Rehobiyaamille achi dhaqe. Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe*Deebi'ee dhufe: Barreeffam Woyyichi Ibrootaa ka durii gariin achumatti hafejedha.. Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee, «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhe. Maarre kolbaan deente.
Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, jaarsolee abbaan isaa Solomoon yennaa jiru, Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
Isaan deebisanee, «Ati adha kolbaa tanaaf tajaajilaa teetee, yoo isaaniif tajaajilte, gaaffii isaaniitiif deebii dansaa yoo kennite, isaan yennaa mara tajaajiltoota teeti hin te'an» jedhane.
Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate. Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi maandhich kiyya, hidha abbaa kiyyaa caala furdata. 11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhi» jedhane.
12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane. 13 Mootichi Rehobiyaam gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne. 14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka qaajjibbu'uu qara qadduun isin hin dhaana» jedhe. 15 Wonni Mootiin Waan Maraa karaa nama qachaa Shiilo'oo raagicha Ahiiyaatiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dur dubbate, muummowuu waan qadduuf, mootichi waan kolbaan jette hin dhageenne.
16 Mootichi isaaniif dhage'uu akka dide, Israa'elooti marti yennaa hubatane, mootichaan, «Nuuti Daawiti woliin qooda maan qanna? Ilma Iseyii Daawiti woliin dhaala maan qanna? Ee kolbaa Israa'elii, gara mana keessanii deebi'a'a! Ee sanyii Daawitii, ati kolbaa teeti bulfadhu!» jedhane.
Maarre Israa'elooti gara mana ifii deebi'ane. 17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota qachoota Yihuda'aa keessa le'anu bulche.
18 Achiin duuba mootichi Rehobiyaam, Adoniiraamii itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu gara Israa'eloota erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Mootichi Rehobiyaam ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii baqate.
19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa mana mootummaa Daawitii irratti, akkuma finqila kaasanetti hafane.
20 Israa'elooti marti Yerobi'aam akka deebi'e yennaa dhage'ane, gara wolde'a ifii waansisanee, Israa'eloota mara irratti mootii isa godhane. Sanyii Daawitiitiif addatamaa te'ee worri hafe gosa Yihuda'aa qofa.
Raaga Shemaa'iyaan Raage
21 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Israa'eloota gara kaabaa jiranu lolanee, gara mootummaa isaa akka isaaf deebisanu, fira Yihuda'aatii fi Beniyaaminii mara keessaa, loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate. 22 Ammoo jechi Waaqaa gara Shemaa'iyaa nama WaaqaaNama Waaqaa: Raagicha jechu'u. dhufee, 23 «Mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii ilma Solomooniitiin, fira Yihuda'aatii fi Beniyaamiitiin, worra hafe maralle'een, 24 Mootiin Waan Maraa, ‹Wonni te'e kun fedha kiyyaan waan teeteef, Israa'eloota obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Isin martinuu gara mana keessanii deebia'a'a› jedhi» jedheen. Maarre isaan martinuu jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje gara mana ifii deebi'ane.
Yerobi'aam Fakkii Jabbi'ii Worqii Irraa Huje
25 Achiin duuba mootichi Yerobi'aam biyya koobittii Efreemii keessatti qachaa Sheekemiititti dalleya dhaka'aa ijaaree yennaa diqqoo achi ture; achille'ee ka'ee qachaa Pheeni'eliille'etti dalleya dhaka'aa ijaare. 26 Inni gadhaa ifii keessatti, «Amma mootummaan sanyii Daawitiitiif waan deebitu fakkaatti; 27 kolbaan tun Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaa dhikeessiisaaf, gara Yerusaalemii yoo ol baate, gadhaan isaanii gara goottaa isaanii mootii Yihuda'aa Rehobiyaamii hin deebi'a; isaan na ijjeesanee, gara mootii Yihuda'aa gara Rehobiyaamii hin deebi'an» jedhee yaade.
28 Mootichi waan kana irratti mari'ateen duuba, fakkii jabbi'ii lama worqii irraa hujisiisee kolba'aan, «Ee Israa'el, waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii ol bayiisi akka malee ulfaatti; waaqoti keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasane isaan kana» jedhe. 29 Fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise san, takkattii Bet'el keessatti, taan Daan keessatti dhaabe. 30 Kolbaan fakkii jabbi'ii san waaqonfatiisaaf Bet'el, haga Daaniille waan dhaxxeef, tun cubbuu itti teete. 31 Akkasuma Yerobi'aam addee waaqonfanna'aa irratti galma ijaaree, gosa Lewwi'ii te'uu dhabanulle kolbaa mara keessaa, hayyoota worra Lewwoota hin te'in file.
32 Yerobi'aam akkuma jila biyya Yihuda'aatitti jilifatanuu, ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'ootitti, jila akka jilifatanu murteessee, addee ciinca'aa irratti ciincaa dhikeesse; inni fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujisiise ta Bet'el keessa dhaabe saniif, ciincaa dhikeesse. Inni addee waaqonfanna'aa ta Bet'el keessatti ijaare san keessalle hayyoota tajaajiltu keye. 33 Inni ji'a saddeetesso'oo guyyaa kudhanii shaneesso'oo, addee ciinca'aa ta Bet'el keessatti ijaarsise irratti, ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; achitti guyyaa ifii filate sanitti Israa'elooti jila akka jilifatanu murteessee, hixaana aarsiisaaf gara addee ciinca'aa san ol baye.

*12:2 Deebi'ee dhufe: Barreeffam Woyyichi Ibrootaa ka durii gariin achumatti hafejedha.

12:22 Nama Waaqaa: Raagicha jechu'u.