15
Mootii Yihuda'aa Abiiyaa
Ilmi Nebaatii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. Mootichi Abiiyaan Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. Mootichi Abiiyaan cubbuu abbaan isaa dur huje mara huje; inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif hin addatanne. Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi isaa Daawitiif jedhee, qachaa Yerusaalemii jabeessee, ilma isaan duuba barcumaa mootummaa isaa irra tee'u, Abiiya'aaf kenniisaan akka issa'aatitti addii isaaf kenne muummesse. Daawiti cubbuu Uriiyaa Heeticha irratti huje malee, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hujeera; bara jiruu ifii mara ajaja Mootii Waan Maraa eegateera. Bara jiruu Abiiya'aa mara Rehobiyaamii fi Yerobi'aam wodhakkaa lolli jiraayyu. Wonni dhibiin ta mootichi Abiiyaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wol lolaa turane.
Abiiyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Aasaan mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Aasaa
Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa diddameesso'ootitti, Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 10 Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtamii tokko bulche; maqaan akkoo isaa Ma'aka'a; isiin intala Abiishaalomii ti. 11 Aasaan akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 12 Mootichi Aasaan addee dhiirti itti wol bukkoonsitu lafa san keessaa balleesse; waaqota dharaa ka abbootiin isaa hujjelle mara balleesse. 13 Akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedroonii keessatti gube. 14 Aasaan addee waaqonfanna'aa mara balleessuu dhabulle, haga bara jiruu ifii mara, Mootii Waan Maraatiif addatameera. 15 Inni meya adda addaa ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf woyyoonse, meeti'ii fi worqii mara fidee, Galma Waaqaa keessa keye.
16 Mootiin Yihuda'aa Aasaanii fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan, bara mootummaa isaanii mara wol lolaa turane. 17 Mootiin Israa'elii Baa'ishaan biyya Yihuda'aa lolee, eennulle gara biyya Yihuda'aa akka hin seenne, achi keessalle'ee akka hin baane, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaare. 18 Maarre mootichi Aasaan, meeti'ii fi worqii Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa keessatti hatte mara fuudhee, qondaaltota ifiititti kennee, gara mooticha Sooriya'aa Ben-Hadaadii ilma Xaabriimoonii, akaakoo Heziyoonii ka qachaa Damaasqo'oo keessa jiruu ergee, 19 «Akkuma abbaan kiyyaa fi abbaan keeti wolii galtee godhatane, anii fi atille wolii galtee godhannuu ti. Kunoo ani kennansa meeti'iitii fi worqi'ii si'iif ergeera; amma mootichi Israa'elii Baa'ishaan, akka na irraa deebi'u, wolii galtee isa woliin godhatte san diigi» jedhe.
20 Mootichi Ben-Hadaad mooticha Aasaan woliin wolii galee, ajajjoota loltootaa gara qachoota Israa'elii akka duulanu godhe; isaanille Iiyon, Daan, Abeel-bet-ma'akaa, Kenerootii fi Niftaalemille mara qabatane.
21 Mootichi Israa'elii Baa'ishaan tana yennaa dhage'e, qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaaruu lakkisee, gara qachaa Tiirza'aa deebi'e.
22 Achiin duuba mootichi Aasaan, namoota biyya Yihuda'aa maratti lassii dabarse; isaan keessaa nami tokkolle adoo hin hafin dhufanee, dhaka'aa fi muka mootichi Baa'ishaan qachaa Raama'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsisaa ture san fuudhanee deemane. Mootichi Aasaan dhaka'aa fi muka saniin, lafa Beniyaamin keessatti qachaa Geba'aatii fi Miispha'aatitti dalleya dhaka'aa ijaarsise.
23 Wonni dhibiin ta mootichi Aasaan huje marti, milkayiis isaatii fi qachaan inni ijaarsise, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. Inni yennaa dulloome ammoo, dhukkuba miilaatiin qabame. 24 Aasaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaax addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Israa'elii Naadaab
25 Mootichi Aasaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Naadaab mootii Israa'el te'ee, woggaa lama bulche. 26 Inni akkuma abbaa ifii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.
27 Naadaabii fi Israa'elooti marti qachaa Filisxeemotaa Giibetoon marsanee adoo jiranuu, gosa Yisaakorii keessaa ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, Naadaab irratti mala dhowee, isa ijjeese. 28 Maarre Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, Baa'ishaan Naadaab ijjeesee, addee isaatitti mootii Israa'elii te'e. 29 Inni akkuma mootii te'een, maatii Yerobi'aamii mara ijjeesee fixe; akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii, raagicha Ahiiyaa nama qachaa Shiilo'ootiin dubbate, inni maatii Yerobi'aamii tokkolle adoo hin hamburin mara isaanii fixe. 30 Tunille sababa Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarseef teete.
31 Wonni dhibiin ta mootichi Naadaab huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 32 Mootiin Yihuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Baa'ishaan bara mootummaa ifii mara wol lolaa turane.
Mootii Israa'elii Baa'ishaa
33 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa sadeesso'ootitti ilmi Ahiiya'aa Baa'ishaan, qachaa Tiirza'aa keessatti mootii te'ee, woggaa diddamii afur bulche. 34 Baa'ishaan akkuma Yerobi'aamii, fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhe.