16
Jechi Mootii Waan Maraa gara Yehuu raagicha ilma Haanaanii dhufee marroo mooticha Baa'isha'aa dubbatee, «Ani bukuu keessaa si kaasee, sooressa kolbaa tiyya Israa'elii si godheera; ati ammoo akka Yerobi'aamii cubbuu hujjee, kolbaan tiyyalle cubbuu hujjee, cubbuu ifiitiin akka na aarsitu gooteerta. Tanaaf ani akkuma maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii balleesse, si'ii fi maatii teeti hin balleessa. Maatii teeti keessaa worra qachaa keessatti du'u mara, sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u mara, allaatiin hin nyaatti» jedhe.
Wonni dhibiin ta mootichi Baa'ishaan huje martii fi milkayiis isaa, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. Mootichi Baa'ishaan du'ee, qachaa Tiirza'aa keessatti awwaalame; ilmi isaa Elaan addee isaatitti mootii te'e.
Mootichi Baa'ishaan, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, akkuma maatii Yerobi'aamii waan hantuu huje saniin Mootii Waan Maraa aarsee, maatii Yerobi'aamiille ijjeesee waan fixeef, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagicha Yehuu ilma Haannaaniitiin isaa fi maatii isaa irratti dhufe.
Mootii Israa'elii Elaa
Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii jayeesso'ootitti, ilmi Baa'ishaa Elaan Israa'el irratti mootii te'ee, qachaa Tiiza'aa keessa tee'ee, woggaa lama bulche. Qondaaltota isaa keessaa tokko ka, «Ziimri» jedhamu, ajajaan gamisa garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu, isa irratti mala dhowe. Yennaa san mootichi Elaan qachaa Tiirza'aa keessatti, mana Aarza'aa ka itti gaafatamaa mana mootumma'aa keessatti unee machoweeraayyu. 10 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri mana seenee Elaa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
11 Ziimri mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa irra akkuma tee'een, maatii Baa'ishaa mara ijjeesee fixe; inni fira yookiin jaalota isaa keessaa dhiira tokkolle adoo hin hamburin fixe. 12 Maarre Ziimri akkuma jechi Mootii Waan Maraa, karaa raagicha Yehuutiin marroo mooticha Baa'isha'aa dubbate, maatii Baa'ishaa mara balleesse. 13 Baa'ishaa fi ilmi isaa Elaan waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan cubbuu hujanee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhanee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waan aarsaneef, tun teete. 14 Wonni dhibiin ta mootichi Elaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mootii Israa'elii Ziimri
15 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee, guyyaa torba callaa bulche; yennaa san loltooti Israa'elii, qachaa worra Filisxeemotaa, Giibetoon marsitee achi qubatteerti. 16 Loltooti Israa'eloota ta addee quttumaa jirtu, Ziimri mala dhowee mooticha akka ijjeese yennaa dhageette, guyyuma san, addee quttumaa san keessatti ajajaa ifii Omiri Israa'el irratti mootii godhane. 17 Achiin duuba Omiri, loltoota ifii mara woliin qachaa Giibetoonii lakkisee, dhaqee qachaa Tiirza'aa marse. 18 Ziimri qachaan akka qabame yennaa dhagge, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aa qabu san ol seenee, mana mootumma'aa san ifi irratti gubee, ibidda saniin du'e. 19 Inni akkuma Yerobi'aamii fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan godheef tun teete. 20 Wonni dhibiin ta mootichi Ziimri hujee fi finqilli inni kaase, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mootii Israa'elii Omiri
21 Achiin duuba kolbaan Israa'elii addee lamatti qoodante; kolbaan gamisi ilma Giinatii Tiibnii mootii godhatiisa barbaadde; worri gamisi Omiri mootii godhatiisa barbaade. 22 Kolbaan Omiri hordotte ammoo, kolbaa ilma Giinatii Tiibnii hordotte injifatte; maarre Tiibni du'ee, Omiri mootii te'e. 23 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa soddomii tokkeesso'ootitti, Omiri mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii lama bulche; woggoota tana keessaa woggoota jaa qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee bulche. 24 Inni kooba Shamroonii meetii kuma jaan namicha, «Shemeri» jedhamu irraa bitatee, qachaa irratti ijaaree, qachaa san maqaa Shemerii ka abbaa kooba san gurgureetiin, «Samaariyaa» jedhee moggaase.
25 Omiri mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 26 Inni akkuma Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka aarsanu godhe san mara huje. 27 Wonni dhibiin ta mootichi Omiri huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 28 Omiri du'ee qachaa Samaariya'aatitti awwaalame; ilmi isaa Ahaab addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Israa'elii Ahaab
29 Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Omirii Ahaab Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii lama Israa'el bulche. 30 Ilmi Omirii Ahaab mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 31 Inni cubbuu mootichi ilmi Nebaatii Yerobi'aam huje akka waan kaso'ootitti ilaalee, ifille'eef cubbuma san huje; itti dabaleelle intala Etba'aalii mooticha Sidoonii Iizaabel fuudhee, waaqa dharaa Ba'aal tajaajiliisaa fi waaqonfatiisa jalqabe. 32 Inni Samaariyaa keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif galma ijaaree, achi keessatti addee ciinca'aa huje. 33 Inni ammalle utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujee, mootota Israa'elii ta isaan qaraa mara caalaa cubbuu hujee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarse. 34 Bara Ahaabii keessa, nami qachaa Bet'elii Hii'el qachaa Yeriko'oo deebisee ijaare. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Iyaasuu ilma Nuniitiin dubbate, guyyaa Hii'el hundee qachaa Yeriko'oo dhaabe, ilmi angafichi isaa Abiiram du'e; guyyaa inni karra qachaa sanii baase, ilmi isaa maandhich Seguub du'e.