17
Eliyaas Oolaan Akka Dhufaaru Hime
1 Eliyaas ka biyya Giil'aadii keessa Tishibee keessa le'u, mooticha Ahaabiin, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraataa Israa'elii ka ani tajaajiluu, jecha kiyyaan malee, woggoota dhufanu keessa fixeensi lafa irratti hin dhaggamu yookiin bokkeenni hin roobu» jedhe.
2 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, 3 «Addee tanaa ka'ii karaa aduun baatu dhaqiitii, dhooqa Keriitii ka Yordaanos irraa karaa aduun baatu jirutti dhokadhu. 4 Dhooqa san keessaa bisaan hin unta; achitti sagaleelle akka sii fidu harraaqessa ajajeera» jedhe.
5 Maarre Eliyaas akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje, gara dhooqa Keriitii ka laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiru dhaqee achi ture. 6 Harraaqessi daabbo'oo fi foon ganamaa fi galgala isaaf fidaayyu; inni bisaanille laga san keessaa unaayyu. 7 Bokkeenni lafa irraa waan dhabameef, yennaa diqqo'oon duuba lagi sun goge.
Eliyaasii Fi Haadha Hiyyeessaa Ta Qachaa Saraaphta'aa
8 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, 9 «Ka'ii, gara qachaa Saraaphta'aa ka biyya Sidoonii keessa jiruu dhaqii achi le'i. Haati hiyyeessaa ta achi leetu takka, akka sii areertu ani ajajeera» jedhe. 10 Maarre Eliyaas gara qachaa Saraaphta'aa dhaqee, karra qacha'aa bira yennaa geye, haadha hiyyeessaa ta haasumee qocattu takka dhaggee, isii waamee, «Maganne'e bisaan unu naa fidi» jedheen. 11 Isiin bisaan isaaf fidiisaaf dhaqiisatti adoo jirtuu, inni isii waamee, «Maganne'e daabboo diqqoo isi'iille naa fidi» jedhe.
12 Isiin deebittee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa Waaqa jiraata'aa, ani bullaa ooboo tokko ta okkotee keessa jirtuu fi zayitii ejersaa cingoo okkotee keessa jirtu malee, daabboo ijjumaa hin qabu. Ani haasumee qocadhee gara mana kiyyaa deebi'ee, ifii fi mucaa kiyyaaf sagalee bilcheessiisaaf as dhufe; achiin duuba beelaan duuna» jetteen.
13 Eliyaas isi'iin, «Hin sodaatin; gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi; dursiitii bullaa diqqoo qaddu san irraa, bixee diqqoo bilcheesiitii naa fidi; achiin duuba ifii fi ilma keetiif bilcheessi. 14 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Haga ani lafa irratti bokkeya roobisiisutti, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumattu› jedha» jedhe.
15 Isiin dhaxxee akkuma Eliyaas jedhe goote; maarre isi'ii fi maatiin isi'ii, Eliyaasille sagalee guyyaa hedduu isaaniif geettu dhaggatane. 16 Waaqi karaa Eliyaasiitiin akkuma waadaa gale, bullaan okkotee keessaa, zayitiin ejersaalle okkotee keessaa hin dhumanne.
17 Guyyaa diqqa'aan duuba ilmi haadha hiyyeessa sun dhibame; dhibeen waan itti hammaatteef dhuma irratti du'e. 18 Isiin Eliyaasiin, «Ee nama Waaqaa ani maan si godhe? Ati cubbuu tiyya Waaqa qaabachiittee, ilma kiyya ijjeesiisaaf as dhuttee?» jettee gaafatte.
19 Eliyaas deebisee, «Ilma keeti natti kenni» jedhee harka isi'ii irraa fuudhee, gara mana mana irratti ijaarramee geessee, taqee ifii irratti irkise. 20 Achiin duuba Eliyaas qoonqoo guddo'oon, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, haadha hiyyeessaa ta ani bira turu tana, ilmi isi'ii akka du'u godhiisaan, waan hantuu akkasii maaf isii irratti fidde?» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. 21 Achiin duuba inni ilma san irratti yennaa sad itti gombifamee, «Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, maganne'e lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu godhi» jedhee gara Mootii Waan Maraa iyye. 22 Mootiin Waan Maraa iyya Eliyaasii dhage'ee, mucaalle lubbuun itti deebitee fayye.
23 Eliyaas mana mana irratti ijaarame irraa mucaa gad buusee, «Kunoo, mucaa keeti lubbuun itti deebiteerti» jedhee haadha isaatitti isa kenne.
24 Achiin duuba isiin, Eliyaasiin, «Ati nama Waaqaa akka teetee fi jechi Mootii Waan Maraa ka ati dubbatte dhugaa akka te'e beekeera» jetteen.