19
Eliyaas Gara Gaara Siina'aa Baqate
Mootichi Ahaab waan Eliyaas godhe mara, raagota Ba'aalii maralle attam akka inni shallaaga'aan ijjeese, haadha manaa ifii Iizaabelitti hime. Maarre Iizaabel gara Eliyaasii nama ergitee, «Akkuma ati raagota Ba'aalii ijjeette, boru yennaa tanatti yoo ani si hin ijjeesin, waaqoti na ijjeesanuu ti!» jette. Eliyaas sodaatee lubbuu ifii hamburatiisaaf baqate; inni biyya Yihuda'aa keessa Bersheebaa yennaa geye, tajaajiltoota ifii achitti lakkisee, guyyaa tokko guutuu goomolee keessa deemeen duuba, gaaddisa muka ittachaa jala tee'ee, «Ani abbootii tiyya ta durii waan hin caalleef, amma na hin geettii, Waaqa kiyya na ijjeesi!» jedhee daadimate.
Achiin duuba inni muka ittachaa san jala irkatee adoo rafee jiruu, ergamaan Waaqaa tokko isa tuqee, «Ka'iitii, nyaadhu» jedhe. Eliyaas dammaqee adaala ifii yennaa ilaale, bixee daabbo'oo ta dhakaa o'u irratti bilchaattee fi okkotee bisaanii takka mataa ifii duratti dhagge. Inni nyaatee uneen duuba deebi'ee rafe. Ergamaan Mootii Waan Maraa ammalle deebi'ee dhufee, isa tuqee, «Karaa fagoo waan deentuuf, ka'iitii nyaadhu!» jedheen. Maarre Eliyaas ka'ee, nyaatee une; hunna sagalee saniitiin, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama haga Siinaa gaara Waaqaa deeme. Inni akkuma achi geyeen goda takka seenee bule.
Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jedhee gaafate.
10 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. 11 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho'a lafaa san keessa hin jiruuyyu. 12 Tacho'a lafaatiin duuba ibiddi dhufe; Mootiin Waan Maraa ammoo ibidda san keessa hin jiruuyyu. Ibiddaan duuba qoonqoon akka hasaassa'aa dhage'ante.
13 Eliyaas qoonqoo akka hasaassa'aa yennaa dhage'e, woyaa fuula ifiititti hagooggatee, bayee afaan godaa dura dhaabbate. Achiin duuba qoonqoon takka, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jetteen.
14 Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. 15 Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Karuma dhutte deebi'iitii, gara goomolee Damaasqo'oo deemi; yennaa achi geette Sooriyaa irratti mootii akka te'u Hazaa'el muudi. 16 Israa'el irratti mootii akka te'u, ilma Niimshaayii Yehuu muudi. Addee teetitti raagicha akka te'u, nama biyya Abeel Mehola'aa ilma Shaafaaxii Elsaa'i muudi. 17 Nama shallaagaa Hazaa'elii jalaa miliqe mara, Yehuun hin ijjeesa; nama shallaagaa Yehu'uu jalaa miliqe mara, Elsaa'i hin ijjeesa. 18 Te'uu malee ani worra jilbiiffatanee Ba'aaliif hin sagadin, afaan ifiitille'een ka fakkii Ba'aalii hin sunqatin, namoota kuma torba Israa'elii keessatti hin hambura» jedhe.
Waammamiisa Elsaa'ii
19 Maarre Eliyaas achii ka'ee yennaa deemu, ilmi Shaafaaxii Elsaa'i qotiyyoo ximmaadii kudhanii tokkoon qochisiisaa, ifiif ammoo ximmaadii kudhanii lammeesso'ootiin qotiisatti jiruun dhagge. Eliyaas isa bira yennaa geye, woyaa ifii darbatee Elsaa'i irra buuse. 20 Achiin duuba Elsaa'i qotiyyoo lakkisee, gara Eliyaasii rukkisee, «Abbaa kiyyaa fi haadha tiyya sunqadhee, nageya itti dhaamee deebi'ee akka si hordofu naa eeyyam» jedhe.
Eliyaas deebisee, «Tole; ani si hin dhooggu deemi» jedhe.
21 Maarre Elsaa'i isa biraa deebi'ee deemee qotiyyoo lama qale; inni meya qotiyyo'oo ka ittiin qotu san bobeessee, foon san iffeelee kolba'aaf kenne; isaanille nyaatane. Achiin duuba Elsaa'i ka'ee, Eliyaas hordofee qarqaaraa isaa te'e.