20
Mootiin Sooriya'aa Ben-Hadaad Samaariyaa Lole
Mootiin Sooriya'aa Ben-Hadaad loltoota ifii mara wolitti qabate; inni mootota soddomii lama fardoo isaaniitii fi garreettaa isaanii ka fardaan harkifamu woliin ol bayee, qachaa Samaariya'aa marsee lole. Inni gara qacha'aa namoota ergee, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Mootichi Ben-Hadaad, ‹Meetiin teetii fi worqiin teeti, niitotii fi ijoolleen teeti shashaggooleen tiyya jedha› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
Mootichi Israa'elii deebisee, «Ee, goottaa kiyya mooticha! Akkuma ati jette anii fi wonni ani qabu marti teeti» jedhe.
Worri ergame sun gara Ahaabii deebi'ee dhufee, «Mootichi Ben-Hadaad, ‹Ani meeti'ii fi worqii teeti, niitotaa fi ijoollee teeti akka naaf kennitu sitti ergeeraayyu. Te'uu malee boru yennaa tanatti, mana mootumma'aa keetii fi mana qondaaltota teetii keessa barbaadanee, waan isaanitti tolu mara akka fidanu tajaajiltoota tiyya hin erga› jedha» jedhanee itti himane.
Mootiin Israa'elii Ahaab jaarsolee lafa sanii mara waamee, «Nami kun niitotaa fi ijoollee tiyya, meeti'ii fi worqii tiyya fudhatiisaaf namoota natti erginaan anille hin didanne; inni attam akka rakkinna fidiisaaf barbaadaaru dhagga'a» jedhe.
Jaarsole'ee fi kolbaan marti deebisanee, «Waan inni siin jedhu hin dhage'in yookiin isaaf hin eeyyamin» jedhaneen.
Maarre mootichi Ahaab namoota Ben-Hadaad biraa ergamanee dhufaneen, «Goottaa kiyya mootichaan, ‹Ani tajaajilaan keeti waan ati qara na gaafatte mara hin muummessa; gaaffii teeti ta lammeesso'oo tana ammoo hin muummessu jedheera› jedha'aatii hima'a» jedhe.
Namooti ergamanelle deebi'anee deebii Ahaab kenne Ben-Hadaaditti himane. 10 Ben-Hadadille, «Biyyeen Samaariya'aa namoota na woliin jiranu ooboo tokko tokkolle'een yoo geette, waaqoti na ijjeesanuu ti» jedhe.
11 Mootichi Israa'elii Ahaabii deebisee, «Mooticha Ben-Haadaadiin, ‹Loltuun dhuga'aa lolee galee ifi jaja malee, adoo lola dhaqiisatti jiruu ifi hin jaju› jedha'aatii itti hima'a» jedhe. 12 Mootichi Ben-Hadaad, mootota dhibii woliin dunkaanii keessa tee'ee uniisatti adoo jiruu, ergaa Ahaab erge dhage'e; inni namoota ifii qachaa loliisaaf akka qopheeffatanu ajaje; isaanille loliisaaf qopheeffatane.
13 Yennuma san raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Loltoota Ben-Hadaadii bindillaa tana dhaggitaa? Kunoo, ani adha harka keetitti dabarsee isaan hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedhe.
14 Mootichi Ahaab, «Eentu isaan injifata ree?» jedhee gaafate.
Raagichi deebisee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Qondaaltoti dargaggooti ajjajooti kutaa biyyaa isaan hin injifatan› jedha» jedheen.
Mootichi Ahaabille, «Eentu lola kana jalqaba ree?» jedhee gaafate.
Raagichi deebisee, «Sittuu jalqaba» jedheen.
15 Maarre mootichi Ahaab qondaaltota dargaggoota ajajjoota kutaa biyyaa dhibba lamaa fi soddomii lama waame; achiin duuba loltoota Israa'elii kuma torba wolitti qabe.
16 Mootichi Ben-Hadaadii fi mootota soddomii lama worra isa woliin jiru woliin dunkaanii ifii keessatti unanee machowanee adoo jiranuu, saatii jaatti loltooti Israa'elii lolaaf bayane. 17 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun dursitee baate; namooti Ben-Hadaad akka dooyanuuf erge, «Loltooti Samaariya'aa bayanee dhufiisatti jiran» jedhanee himane. 18 Ben-Hadaadille, «Dhufiis isaanii nageyaaf yookiin lolaaf yoo te'elle, lubbu'uun adoo jiranuu qaba'aa fida'a» jedhee ajaje.
19 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun, loltoota Israa'elii sooressanee lolaaf bayanee, 20 tokko tokkoon isaaniituu diinaa isaanitti dhufe ijjeesane; worri Sooriya'aa baqate; Israa'elootille isaan ari'uu jalqabane; Ben-Hadaad ammoo farda ifii irraa tee'ee, abbootii fardo'oo gamisa woliin dheetee baye. 21 Mootichi Ahaab duulee fardo'oo fi garreettaa fardaan harkifamu booji'ee worra Sooriya'aa akka malee fixe. 22 Achiin duuba raagichi gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootichi Sooriya'aa furmaata dhufu deebi'ee waan si loluuf, loltoota teeti jabeeffadhu; maan akka godhuu qaddulle beeki» jedhe.
Lola Sooriya'aa Ka Lammeesso'oo
23 Yennuma san qondaaltoti mooticha Sooriya'aa, isatti gorsanee, «Waaqoti Israa'elii waaqota koobotaa ti; Israa'elooti tanaaf nu injifatan; lafa dirre'etti adoo isaan lollee ammoo hin injifanna. 24 Amma akkana godhi: mootota tana mara baallii isaanii irraa kaasiitii, qondaaltota loltootaa addee isaaniititti muudi. 25 Loltoota, fardo'oo fi garreettota fardaan harkifamanu haga tanaan qara si duraa dhumatanee bacatanu qopheessi; achiin duuba Israa'eloota dirre'etti lollee hin injifanna» jedhe. Inni isaaniin wolii galee, akkuma isaan jedhane godhe.
26 Tanaaf, furmaata itti aanu Ben-hadaad loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Afeqii dhaqe. 27 Israa'elootille isaanitti duuliisaaf galaa fudhatanee, wolitti qabamanee bayanee, fuullee isaaniititti addee qabatane; loltooti Israa'elii loltoota Sooriya'aa ta biyya keessa guutteertu biratti, akka re'ee karra didiqqoo lamaa ti.
28 Raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Sooriya'aa: Mootiin Waan Maraa waaqa koobotaa ti malee, waaqa dhooqotaatii moti waan naan jedhaneef ani loltoota isaanii bindillaa harka keetitti dabarsee hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedheen.
29 Worri Sooriya'aatii fi Israa'elootaa fuula wolitti galanee qubatanee haga guyyaa torbaa turane; guyyaa torbeesso'oo lola jalqabane; guyyaa tokkotti Israa'elooti loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma dhibba tokko fixane. 30 Worri hafe gara qachaa Afeqii baqate; achitti dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa isaan irratti jigee, namoota kuma diddamii torba fixe.
Ben-Hadaad gara qacha'aa baqatee, kolloo mana tokkoo ta gara keessaa keessatti dhokate. 31 Qondaaltoti isaa gara isaa dhaqanee, «Moototi Israa'elii worra nama mararu akka te'ane dhageenneerra. Tanaaf woyaa gaddaa hidha keennatti, wodaroo mataa keennatti marannee, gara mootii Israa'elii dhandhuu ti; inni si hin ijjeesu fa'a ta'a» jedhane. 32 Maarre isaan woyaa gaddaa hidha ifiititti, wodaroo mataa ifiititti maratanee, gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhaqanee, «Tajaajilaan keeti Ben-hadaad, ‹Maganne'ee na hin ijjeesin› siin jedha» jedhane.
Mootichille deebisee, «Inni haga ammaa hin jiraa? Yoona inni obboleessa kiyya» jedhe. 33 Qondaaltoti Ben-hadaadii, Ahaab irraa beessisa mararti'ii eegatiisatti waan jiranuuf, yennuma san, «Eeti'i; Ben-hadaad obboleessuma keeti!» jedhane.
Achiin duuba mootichi Ahaab, «Dhaqa'aatii Ben-hadaad fida'a» jedhee isaan ajaje; yennaa Ben-hadaad bayee gara mootichaa dhufe, mootichi garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra teessise.
34 Ben-hadaad, Ahaabiin, «Qachoota abbaan kiyya abbaa keeti irraa fudhate, ani si'iif hin deebisa; akkuma abbaan kiyya qachaa Samaariya'aa keessatti godhe, atille qachaa Damaasqo'oo keessatti addee dikko'oo hin qabaatta» jedhe.
Ahaab deebisee, «Yoona wol gondoorree gad si hin lakkisa» jedheen; maarre inni isa woliin wol gondooranee gad isa lakkise.
Raagichi Tokko Ahaabitti Yakkaa Mure
35 Raagota keessaa tokko ajaja Mootii Waan Maraatiin raagicha akka ifiitiin, «Na dhowi» jedhe; inni ammoo dide. 36 Tanaaf raagichi sun, «Waan ati Mootii Waan Maraatiif hin ajajaminiif, akkuma na biraa deenteen neenqi si hin ijjeesa» jedheen; akkuma namichi raagicha biraa deemeen neenqi itti dhufee isa ijjeese.
37 Achiin duuba raagichi gara nama dhibi'ii dhaqee, «Maganne'e, na dhowi» jedheen; nami sunille isa dhowee madeesse. 38 Achiin duuba raagichi sun eennummaa ifii dhoffatiisaaf, haga ilaatitti hagooggatee, irga kara'aa dhaabbattee, mooticha Israa'elii Ahaab eege. 39 Mootichi achiin dabariisatti adoo jiruu raagichi isa waamee, «Ani tajaajilaan keeti lola hamaa keessa adoo jiruu, nami tokko, nama booji'ame tokko gara kiyya fidee, ‹Namicha kana eegi! Yoo inni si harkaa miliqe, addee isaa ati hin ijjeefanta yookiin meetii kiiloogiraamii soddomii afur hin kaffalta› anaan jedhe. 40 Ani tajaajilaan keeti huji'iin adoo asii fi achi fajjifameeru namichi miliqe» jedhe.
Mootichille, «Waan sitti muramu atinuu dubbatteerta; akkasuma sitti hin murama» jedheen.
41 Achiin duuba raagichi woyaa hagooggateeru ila ifii irraa ariifatee fudhate; mootichille akka inni raagota keessaa tokko te'e beeke. 42 Raagichi sun mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Nama ani ijjeefamuu ti jedhe, waan gad lakkitteef, addee isaa ati hin ijjeefanta; addee kolbaa isaa kolbaan teeti hin ijjeefanti› jedha» jedhe.
43 Mootichi Israa'elii sun aaree bilinjaayee gara mana mootummaa ifii ka qachaa Samaariya'aa keessaa dhaqe.