Ergaa Pheexroos Erge
Ta qaraa
Seensa
Ergaan Pheexroosii ta qaraa Kiristaanota ergaa tana keessatti, «Kolbaa Waaqaaf fowante» jedhamanu, ka biyya Asiyaa diqqittii gara kaabaa keessatti bittinnowaneef barreeffante. Yaadi guddaan ergaa tanaa, worra isii dubbifatu ka sababa dhugeeffanna'aatiif miidha'aa fi rakkoon irra geette jajjabeessiisa. Barreessaan Oduu Gammadaa ta Yesuus Kiristoosii, ta du'a isaa, du'aa ka'a isaatii fi waadaa deebi'ee dhufiisa isaa hintu akka qaabatanu godhiisaan isaan jajjabeessa. Inni akka isaan fakkeenna jireenna Yesuus Kiristoosii ilaaliisaan, rakkoo ossataan fudhatanu yaadachiisa; kanumatti aansee, rakkinni qulqullinna dhugeeffannaa isaanii akka haga ilaaluu fi «Guyyaa Yesuus Kiristoos mudhatu» gatii isaaniif malte akka fudhatanu hubachiisa.
Barreessaan rakkinna keessatti isaan jajjabeessiisa biratti, worri Kiristoos hordofu akka le'uu maletti akka le'anu worra dubbifatu yaadachiisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-2
Yaadannoo fayyisiisa Waaqaa1:3-12
Woyyumma'aan le'iisaaf gorsa kenname1:13—2:10
Yennaa rakko'oo waan Kiristaana irraa eeggatamu2:11—4:19
Ifi gad qabiisaa fi tajaajila Kiristaanaa5:1-11
Yaada buufataa5:1-11
1
1 Ana Pheexroosii ergamaa Yesuus Kiristoosii irraa:
Worra Waaqaa fowantane ka biyya jirtanuu baatanee kutaa biyya Phonxoosiititti, Galaatiya'aatitti, Qaphadooqiya'aatitti, Asiya'aatii fi Bitaaniya'aatitti bittinnoottanee jirtanu, 2 ka akkuma Waaqi Abbaan duraanuu karoorfatetti filantanee, Yesuus Kiristoosiif ajajamiisaa fi dhiiga isaatiin qulqulloomiisaaf Ayyaana Woyyichaan woyyoontaneef:
Badhaadhii fi nageenni isiniif fakkanu.
Addii Jiraattuu
3 Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te'u! Inni marartii ifii guddo'oon du'a keessaa ka'iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera. 4 Akkasuma inni karra guddoo hin banne, yookiin hin aloonne, yookiin hin dulloonne Ol-gubba'atti isiniif qopheesseera. 5 Kun isin worra karaa dhugeeffannaa fayyinna bara muumme'eetitti mudhatuuf qophowee jiruuf, hunna Waaqaatiin eegantanee jirtanuuf te'a. 6 Amma yennaa gabaaddu'uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada'a. 7 Worqiin badduuyyuu, ibiddaan haga ilaallatanti; dhugeeffannaan teessan ammoo ta worqii caalaa gatii guddo'oo, ta dhuga'aa te'uu isi'ii mirkaneessiisaaf ilaallachaan tun isin dhaqqaddi. Achiin duuba guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatu galata, ulfinnaa fi leelloo dhaggattan. 8 Isin isa dhagguu dhaddanulle isa hin jaalattan; isin amma isa dhagguu dhaddanulle, isatti dhugeeffattanee gammada gudda'aa fi ulfinna hagana jedhamee hin himanneen gammaddan. 9 Sababille fayyinna lubbuu teessanii, ka dhugeeffanna'aan eeggattanu fudhattan.
10 Raagoti badhaadha Waaqi isiniif kennu kana raagane, fayyinna kana akka maltetti qoranna'aa fi qu'annaa godhaneeran. 11 Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, rakkoo Kiristoos dhaqqadduu fi saniin duubatti ulfinna inni dhaggatu dursee waan isaanitti beessiseeruuf, yennaan tun yoomii fi attam akka muummottu qorqoraa turane. 12 Raagoti tun isiniif malee, mataa ifiitiif akka hin tajaajilin Waaqi isaanitti mudhiseera. Kun hunna Ayyaana Woyyicha Ol-gubbaa irraa ergameen karaa worra Oduu Gammadaa lallabuutiin isinitti himame. Waan kana ergantooti Waaqaatuu hubatiisaaf halchaneeran.
Woyyumma'aan Le'uu
13 Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a. 14 Akka ijoollee ajajantuu te'aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina'a. 15 Ammoo Waaqi isin waame woyyuu akkuma te'e, isinille waan gootanu duudi'iin woyyuu te'a'a. 16 Barreeffam Woyyichi, «Ani woyyuu waan te'eef isinille woyyuu te'a'a» jedha.
17 Waaqa nama adoo wol hin caalchisin, nama maraafuu akka hujii isaatitti muru «Abbaa» jettanee ka waantanu yoo teetane, biyya lafaa ta akka keessumma'aa irra jirtanu tanatti isa sodaataa le'a'a. 18 Jireenna abbootii teessan irraa isinitti tare, ka woy hin baane, waan badu ka akka meeti'iin*Meeti'iin: Birrii sibiilaatiin yookiin worqi'iitiin akka hin wodamin, isinuu hin beettan. 19 Isin dhiiga Kiristoosii, ka gatii guddo'oo, ka akka dhiiga korbeessa komi'ii fi dhidhuu hin qanneetiin wodantaneertan. 20 Inni biyyi lafaa tun adoo hin dadamin duraanuu Waaqaan fowamee, bara muumme'eetitti isiniif jedhee mudhifame. 21 Isin karaa isaatiin, Waaqa isa du'a keessaa kaasee ulfinna isaa kenne dhugeeffattane; maarre tanaaf dhugeeffanna'aa fi addiin teessan Waaqatti godhattane.
22 Isin dhuga'aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga'aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa'aa wol jaaladha'a. 23 Isin karaa jecha Waaqaa jiraata'aa fi bara baraan jiraatuutiin, sanyii baddu adoo hin te'in sanyii hin banne irraa lammoo dhalattaneertan. 24 Sababille Barreeffam Woyyichi
«Nami foon uffate duudiin akka marraa ti;
ulfinni isaalle akka daraaraa badda'aa ti;
marri hin qoora; daraaraalle hin harca'a.
25 Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le'a.
Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.