2
Dhakaa Jiraata'aa Fi Kolbaa Woyyittii
Yoona hammeenna duudii, maltummaa duudii, kijibummaa, hinaaffa'aa fi hamii duudii irraa ifi fageessa'a. Akkuma daa'immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin*Aanan Ayyaantichi hin caamolamin: Barumsa Ayyaanticha qullicha dharra'a'a. Isin akka Goottaan arjaa te'e waan beettaneertanuuf tana hin gootan.
Maarre gara dhakaa jiraata'aa, gara Goottaa Yesuusii dhikaadha'a; Inni dhakaa namaan tuffatamee Waaqaan filatamee gatii guddoo qabu. Isin hayyoota woyyuu te'uuf, ciincaa ayyaanaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa duratti fudhatama qabu dhikeessiisaaf, akka dhakaa jiraata'aa ijaarsa galma ayyaanaatiif te'a'a. Barreeffam Woyyichi,
«Kunoo, dhakaa roga ijaarsaa ka filatamee fi ka gatii guddo'oo
qachaa Xiyoonii keessatti hin dhaaba;
nami isatti dhugeeffattu tokkolle hin qaanowu» jedha.
Isin worra dhugeeffattanuuf dhakaan kun dhakaa gatii guddo'ooti; worra hin dhugeeffanneef ammoo,
«Dhakaan worri mana ijaaru tuffate,
dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e» jedha.
Akkasuma Barreeffami Woyyichi dhibiin,
«Dhakaan nama gufachiisu,
rassaa nama jissu hin te'a» jedha.
Isaan Jecha Waaqaatiif waan ajajamuu dhabaneef hin gufatan. Kun duraanuu waan isaaniif yaadameeru.
Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti'ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame. 10 Tanaan qara isin kolbaa Waaqaatii moti; amma ammoo kolbaa isaa ti; tanaan qara isin marartii Waaqaa hin dhagganne, amma ammoo marartii isaa dhaggattaneertan.
Tajaajiltoota Waaqaa
11 Obboleeyyan tiyya! Biyya lafaa ta akka ormaatii fi keessumma'aa irra leetanu tana keessatti, halchaa foonii ta lubbuu teessan aatu irraa akka fagaattanu isin magannifadha. 12 Worri Yihudoota hin te'in akka isin hantuu godhaartanuutitti isin himatanulle, hujii dansaa teessan dhagganee guyyaa dhufa Waaqaa akka isa galateeffatanu, isaan wodhakka'atti amala dansa'aan le'a'a.
13 Gootta'aaf jedha'aatii lafa tanatti worra baallii qabu maraaf: mootii moototaa ka baallii ol aantuu qabuuf, 14 yookiin bulchitoota biyyaa ka akka yakkaameyyii adabanuu fi worra dansaa godhanu akka galateeffatanuuf, mootii moototaa biraa ergamaneef ajajama'a. 15 Sababille Waaqi akka isin waan dansaa hujaa, haasowa worra gowwoole'ee afaan qabachiittanu barbaada. 16 Akka worra bilisaa, Waaqaaf garboolee te'aatii le'aa malee, bilisummaa teessan gollata waan hantu'uu hin godhatina'a. 17 Nama duudii ulfeessa'a; dhugeeffattoota jaaladha'a; Waaqa sodaadha'a; mootii ulfeessa'a.
Fakkeenna Rakkoo Kiristoosii
18 Isin worri garbooleen goottota teessaniif ulfinnaan ajajama'a; goottota dansa'aa fi qajeelota calla'aaf adoo hin te'in, hamaaleyyi'iifille ulfinnaan ajajama'a. 19 Waaqaaf jettanee, rakkoo sababa malee isin dhaqqaddu yoo ossitane, inni isin hin eebbisa. 20 Hantuu gootaneef dikantanee yoo ossitane, galata maan qaddan ree? Ammoo dansaa gootanee rakkoo fudhattanee yoo ossitane, Waaqi isin hin eebbisa. 21 Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te'e. 22 Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. 23 Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. 24 Akka nuuti cubbu'uuf duunee balchumma'aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba'ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan. 25 Isin akka hoolee karaa irraa baddee joonjaa turtane; amma ammoo gara tisse'ee fi eegaa lubbuu teessanii deebitaneertan.

*2:2 Aanan Ayyaantichi hin caamolamin: Barumsa Ayyaanticha qullicha