Kitaaba Saamu'elii Ka qaraa
Seensa
Kitaab Saamu'elii ka qaraa Israa'elooti bulchiinsa abbootii mura'aa irraa gara bulchiinsa mootummaa mooti'iititti akka dabarane mudhisa. Jijjiiram kun irra caalaa jiruu namoota sad keessatti Israa'el keessatti te'e; isaan keessaa abbootii mura'aa gugurdoo ta dhuma irraa keessaa ka tokkeesso'oo Saamu'el; ka lammeesso'oo mootii Israa'elii ka jalqabaa Saa'ol; ka sadeesso'oo ammoo Daawiti ka aangoo adoo hin qabatiniin dura jiru, ka dabarsiin isaa dabarsii Saamu'eliitii fi Saa'olii woliin wol qabatteertu.
Ergaan guddoon kitaaba kanaa akkuma kitaabota dabarsi'ii ka kitaabota Gondooroo Qaraa keessatti dhaggamanuu, Waaqaaf addatamiis milkii akka fiddu, addatamiisa dhabiis badii akka fiddu mudhisa. Kunille Mootiin Waan Maraa hayyicha Eli'iin, «Ani worra ulfinna naaf kennu, ulfinna isaaniif hin kenna; worra na tuffatu hin salphisa» jedhee jecha dubbateen ifa te'ee mudhata (2:30). Kitaab kun yaada garagaraa ka marroo hundeefamiisa mootummaa mooti'ii mudhisa; dur mootii Israa'elii dhugicha te'ee ka beekkame isuma Mootii Waan Maraa ti. Ammoo gaaffii duuba irra kolbaan gaafateen, Mootiin Waan Maraa isaaniif mootii file. Wonni barbaachisaan garuu mooti'ii fi kolbaan Israa'elii ol-aantumma'aa fi muraa Waaqaa jala jiraatiisa. Kunille seera Waaqaa jalatti haqi namootaa ka worra dureeyyi'iitii fi ka worra hiyyeeyyi'ii sirri'itti kabajamuu akka qabu ka mudhisu.
Haadhoo Dubbi'ii
Saamu'el Abbaa Mura'aa Ka Israa'elii te'e1:1—7:17
Saa'ol Mootii Te'e8:1—10:27
Woggoota Qaraa Ka Bulchiisa Saa'olii11:1—15:25
Saa'olii Fi Daawiti16:1—30:31
Du'a Saa'oliitii Fi Du'a Ilmaan Isaa31:1-13
1
Elqaana'aa Fi Maatiin Isaa Gara Shiilo'oo Ol Bayane
1 Biyya koobittii Efreemii, qachaa «Raamataayim-Zofiim» jedhamu keessa namichi, «Elqaanaa» jedhamu tokko jiraayyu; inni abutturoo Zuufii, abuuboo Tohuu, akaakoo Eliihu'uu, ilma Yerohaamii ti. 2 Inni haadha manaa lama qaba; maqaan takkatti'ii Haannaa, ta taanii ammoo Phiniina'a. Phiniinaan ijoollee qaddi; Haannaan ammoo hin qaddu. 3 Elqaanaan wogguma wogga'atti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi ciincaa dhikeessiisaaf qachaa ifiitii gara Shiilo'oo deemaayyu; achitti ilmaan Eli'ii lama Hofnii fi Fiinehaas hayyoota Mootii Waan Maraa te'anee tajaajilaniiyyu. 4 Elqaanaan yennaa ciincaa dhikeessu mara foon ciinca'aaf dhikaate san irraa haadha manaa ifii Phiniina'aaf, ilmaan isi'iitii fi ijoollee isi'ii ta durraa maraaf qooda hin kennaayyu; 5 inni Haannaa waan jaalatuuf qooda dachaa lama isi'iif kenna; te'uu malee Mootiin Waan Maraa isii deya dhooggeeraayyu. 6 Mootiin Waan Maraa deya isii waan dhooggeef masaanuun isi'ii isii aarsitee bilinjeessite. 7 Tunille wogguma wogga'atti waan teetuuf, Haannaan yennaa gara Galma Mootii Waan Maraa dhaxxu mara, boottee nyaata haga dadhaddutti, masaanuun isi'ii isii bilinjeessiti. 8 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan isi'iin, «Haanna'a! Ati maaf bootta? Maaf sagalee hin nyaatin? Maaf gadhaan keeti gadda? Ani ilmaan kudhan si'iif hin caaluu?» jedhee isii gaafate.
Haanna'aa Fi Elii
9 Gaafa tokko isaan Shiilo'otti nyaatanee unaneen duuba Haannaan kaatee dhaabbate; Eliin hayyichi garuu mikikkila Galma Mootii Waan Maraa bira barcumaa irra tee'eeraayyu. 10 Haannaan guddoo gadditee laaleffattee bowaa gara Mootii Waan Maraa daadimatte. 11 Isiin, «Ee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, salphinna na garbittii teetii ilaaltee naa yaadattee, na dedhuu dhaddee, ilma yoo naaf kennite, ani bara jiruu isaa mara isa si'iif hin kenna; rifeensi mataa isaalle ijjumaa hin haadamu» jettee waadaa galte.
12 Haannaan gara Mootii Waan Maraa yennaa daadimataa turte, Eliin afaan isi'ii ilaale. 13 Isiille gadhaa ifii keessatti waan daadimattuuf, hidhiin isi'ii hin tachooti malee qoonqoon isi'ii hin dhage'anne; tanaaf Eliin waan isiin machootte seye. 14 Inni isi'iin, «Ati haga yoomii machootta? Daadhii woyni'ii tana ifi irraa fageessi» jedhe.
15 Haannaan ammoo deebittee, «Waawwo'o, goottaa kiyya! Ani daadhii woyni'ii yookiin waan nama macheessu hin unne; ani dubartii gadda guddaa irra jirtu; tanaaf rakkinna kiyya gara Mootii Waan Maraa dhikeeffatiisatti jira. 16 Ani gaddii fi aariin natti bacatanee haga kana mara daadimatiisatti waan jiruuf ana garbittii teeti akka waan woy hin baaneetitti hin laakkowin» jetteen.
17 Achiin duuba Eliin deebisee, «Nageyaan deemi! Waaqi Israa'elii waan ati isa gaafatte si'iif kennuu ti» jedheen.
18 Isiille, «Ani garbittiin teeti si duratti fudhatama dhaggadhuu ti» jette. Achiin duuba kaatee ideente; sagalee nyaattee gaddiisalle lakkitte.
Dhalatiisa Saamu'eliitii Fi Waaqaaf Kennamiisa Isaa
19 Isaan barii ganama ka'anee Mootii Waan Maraa duratti sagadane; achiin duuba gara mana ifii Raama'atti deebi'ane. Elqaanaan haadha manaa ifii Haannaa woliin rafee Mootiin Waan Maraa isii qaabate. 20 Maarre Haannaan ulfoottee yennaan geennaan ilma deettee, «Ani Mootii Waan Maraa gaafadhee isa dhaggadhe» jettee maqaa isaa Saamu'el baafatte.
Saamu'el Mootii Waan Maraatiif Kenname
21 Elqaanaan ciincaa wogga'aa Mootii Waan Maraatiif dhikeessiisaa fi waadaa gale muummessiisaaf maatii ifii mara woliin gara Sheelo'oo ol baye. 22 Haannaan ammoo isa woliin ol hin baane; isiin abbaa manaa ifiitiin, «Annuun akkuma harma irraa gu'een, ani Mootii Waan Maraa dura isa hin dhikeessa; innille haga bara baraa achi hin le'a» jette.
23 Abbaan manaa isi'ii Elqaanaan deebisee isi'iin, «Waan sitti tole godhi; inni haga harma irraa gu'u mana turuu ti; Mootiin Waan Maraa callaan waadaa ifii gale muummessuu ti» jedhe; maarre Haannaan haga ilmi isi'ii harma irraa gu'utti, hoosifataa mana turte.
24 Inni yennaa harma irraa gu'e, isiin dardara woggaa sadii, bullaa kiiloogiraama kudhanii fi daadhii woyni'ii qalqalluu tokko qabattee, mucaa san gara Galma Mootii Waan Maraa Shiiloo geessite. Inni yennaa san daa'ima diqqa'a. 25 Isaan dardara san yennaa qalane mucaa gara Eli'ii geessane. 26 Haannaan Eli'iin, «Ee goottaa kiyya, ka jiraataa teete; dubartiin as si dura dhaabbattee gara Mootii Waan Maraa daadimataa turte sun ana. 27 Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne. 28 Tanaaf, anille isa Mootii Waan Maraatiif hin kenna; innille bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif hin kennama» jette. Inni achitti Mootii Waan Maraa waaqonfate.