2
Daadimata Haanna'aa
1 Haannaan daadimattee,
«Gadhaan kiyya
Mootii Waan Maraatitti hin gammada;
jabeenni kiyya
Mootii Waan Maraatiin ol ol jedheera.
Inni waan na qarqaareef
ani diinota kiyya irratti hin kolla.
2 «Ka akka Mootii Waan Maraa
Woyyichi tokkolle hin jiru;
ka akka isaa tokkolle hin jiru;
rassaan akka Waaqa keennaa
tokkolle hin jiru.
3 Mootiin Waan Maraa Waaqa beekaa
nama mara madaalu waan te'eef
hin koorina'a!
Ifi jajiisaan hin dubbatina'a!
4 Guubeen*Guubeen: Lafa tokko tokkotti Buubeejedhama. worra jajjabaa caccabeera;
worri dadhabaan ammoo jabaateera.
5 Worri qara quufee le'u
sagalee diqqo'oof qaxarame.
Worri qara beelaan le'u ammoo
amma quufeera.
Maseentittiin torba deetteerti;
ta ijoollee bacaa qaddu ammoo dadhaddeerti.
6 Mootiin Waan Maraa ijjeesee hin kaasa;
addee worri du'e jiru gad buusee hin baasa.
7 Mootiin Waan Maraa hin hiyyoonsa;
hin duroonsalle'e.
Inni gad hin qaba; olille hin qaba.
8 Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa;
rakkataalle tuulaa daadha'aa irraa ol hin kaasa.
Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa;
barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaalle
isaaniif hin kenna.
Sababille utubooti biyya lafaa
ka Mootii Waan Maraa ti;
inni biyya lafaa isaan irratti dade.
9 Nami jabeenna ifiitiin waan hin injifanneef,
Mootiin Waan Maraa
ideensa worra isaaf addatamee hin eega;
hamaaleyyiin ammoo
dukkana keessatti hin badan.
10 Worri Mootii Waan Maraa mormu
hin caccaban;
inni isaan loliisaaf
ol gubbaa irraa hin balaqqisa.
Mootiin Waan Maraa
biyya lafaa mara irratti
muraa hin kenna;
inni nama ifii mootii godheef
jabeenna hin kenna;
nama ifii muudelle'eef
ulfinna hin kenna» jette.
11 Achiin duuba Elqaanaan gara mana ifii Raama'atti dhaggamuu deeme; mucaan ammoo Elii hayyicha duratti Mootii Waan maraa tajaajile.
Ilmaan Eli'ii Ta Bu'aa Hin qanne
12 Ilmaan Eli'ii ilmaan bu'aa hin qanne; isaan Mootii Waan Maraa hin beenne. 13 Yennaa nami tokko ciincaa dhikeessu aadaa hayyooti kolbaa woliin qaddutti jira; foon ciinca'aaf dhikaate yennaa iffeelamu tajaajilaan hayyichaa filaa foonii ka quba sad qabu qabatee dhufa; 14 inni filaa foonii san okkotee foon itti iffeelamu san keessa keyee waan filaan sun baase mara hayyichi ifiif fudhata; isaan Israa'eloota gara Shiilo'oo dhufane mara irratti tanuma godhan. 15 Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.
16 Nami sun isaan, «Qara isaan moora gubanuu ti; achiin duuba haga barbaadde fudhadhu» yoo isaan jedhe, tajaajilaan hayyichaa, «Waawwo'o, ammuma kenni! Yoo didde hunnaan fuudha» jedhaayyu.
17 Ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikaatu waan tuffataneef, cubbuu ilmaan Eli'ii tun Mootii Waan Maraa duratti guddoo teete.
18 Saamu'el adoo daa'imaatuu woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee, Mootii Waan maraa tajaajile. 19 Haati isaa abbaa manaa ifii woliin wogguma wogga'aan ciincaa dhikeessiisaaf yennaa dhaxxu mara qoloo diqqoo takka hujjee wogguma wogga'aan isaaf geessitiiyyu. 20 Achiin duuba Eliin, «Addee mucaa isiin daadimattee Mootii Waan Maraa irraa dhaggattee isaaf kennite sanii, Mootiin Waan Maraa dubartii tana irraa sanyii dhibii si'iif kennuu ti» jedhee Elqaana'aaf haadha manaa isaa eebbise.
Achiin duuba isaan gara mana ifii deebi'anee deemane. 21 Mootiin Waan Maraa Haannaa yaadatee, isiin ulfoottee ilmaan sadii fi ijoollee durraa lama deette. Saamue'eliin dargaggeessichille Mootii Waan Maraa duratti guddate.
Eli'ii Fi Ilmaan Isaa
22 Eliin guddoo dulloome; ilmaan isaa Israa'eloota mara keessatti waan godhiisatti jiranuu fi dubartoota seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura tajaajilanu woliin attam akka isaan sagaagalane dhage'e. 23 Inni isaaniin, «Ani hammeenna hujii teessanii kolbaa mara irraa waan dhage'uuf, isin maaf tana hujjan? 24 Waawwo'o, ilmaan tiyya! Oduun kolbaa Mootii Waan Maraa keessa facaatuun ani dhage'u tun dansa'aa moti. 25 Nami tokko yoo nama yakke Mootiin Waan Maraa wodhakkaa galee muraa hin kenna; nami tokko yoo Mootii Waan Maraa yakke ammoo eentu wodhakkaa galee muraa kenna ree?» jedheen.
Te'uu malee Mootiin Waan Maraa akka isaan du'anu waan barbaadeef, isaan gorsa abbaa ifii hin dhageenne.
26 Saamu'eliin dargaggeessichi hojja'aa fi fudhatama dhaggatiisaan Mootii Waan Maraatii fi nama duralle'etti guddate.
Raaga Maatii Eli'ii irratti Dubbatame
27 Raagaan tokko gara Eli'ii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Abbootiin teeti ta durii biyya Gibxi'ii keessatti Fara'ooniif garboota yennaa te'ane, ani isaanitti hin mudhannee ree? 28 Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne. 29 Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite? 30 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama. 31 Kunoo, sanyii teeti keessatti jaarsi akka hin dhaggane, guyyaan ani si'ii fi maatii abbaa keetii balleessu dhikaateera. 32 Achiin duuba ati addee bultuma tiyyaatitti rakkinna hin dhaggita; wonni dansaan Israa'eliif teetulle, maatii teeti keessatti jaarsi hin dhaggamu. 33 Nama keeti keessaa akka inni addee ciinca'aa tiyya tajaajiluuf, ka ani jiru'uun lakkisu, ilti teeti akka jaamtuu fi gadhaan keeti akka gadduuf, sababa hin te'a; garuu sanyiin teeti marti shallaaga'aan hin dhumatti. 34 Ilmaan teeti lama Hofnii fi Fiinehaas irratti wonni te'u beessisa si'iif hin te'a; isaan lamaanuu guyyuma tokko hin du'an. 35 Ani hayyicha addatamaa ka akka gadhaa kiyyaatii fi akka yaada kiyyaa na tajaajilu hin kaafadha; ani mana isaa jabeessee hin dhaaba; innille haga bara baraa nama ani muudadhe hin tajaajila. 36 Sanyii teeti keessaa nami lubbu'uun hafe marti gara hayyicha sanii dhaqee, beesee diqqo'oon yookiin daabboo xaltaa tokko dhaggatiisaaf isa duratti sagadaa: Maganne'e, sagaluma guyyaa guyya'aan afaaniin qabu callaa akka dhaggadhu hujii hayyumma'aa ta feetelle teetu naaf kenni jedhaa isa hin kadhata› jedha» jedhe.