16
Daawiti Mootii Te'iisaaf Muudame
1 Mootiin Waan Maraa Saamu'eliin, «Akka inni Israa'el irratti mootii hin teene, nama ani tuffadhe Saa'oliif haga yoomii bootta? Ani ilmaan Iseyii keessaa nama mootii te'u waan dhaggadheef, gara Iseyii nama biyya Betlihemii waan si erguuf, meya gaafaa keetitti zayitii ejersaa guutii fudhadhuu deemi» jedhe.
2 Saamu'el ammoo, «Saa'ol tana yoo dhage'e na waan ijjeesuuf, ani attam dhaquu dande'a ree?» jedhe;
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Goronsa tokko geessiitii, ‹Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisa dhufeera› jedhi! 3 Iseyille gara addee ciincaa itti dhikeessituu waami; ani waan ati gootu sitti himee, nama ani sitti himu naaf hin muudda» jedhe.
4 Saamu'el waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe; yennaa inni Betlihem geye jaarsoleen qachaa sanii hollataa isa qophatiisaaf dhuttee, «Ati nageyaafuu dhuttee?» jettee isa gaafatte.
5 Saamu'el deebisee, «Ee nagewuma; ani Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf dhufe; isinille ifi woyyoonsa'aatii na woliin gara ciinca'aa kowa'a» jedhe; achiin duuba inni Iseyii fi ilmaan isaa woyyoonsee gara ciinca'aa san akka dhufanu isaan waame.
6 Isaan yennaa achi geyane, Saamu'el isaan keessaa Eliiyaab dhaggee, «Dhugumaan nami Mootiin Waan Maraa muude, Mootii Waan Maraa dura kunoo, dhaabbateera» jedhee herrege.
7 Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu'eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.
8 Achiin duuba Isey Abinaadaab waamee fuula Saamu'elii dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isa kanalle hin filanne» jedheen. 9 Iseyille Shamaa fuula isaa dura akka dabaru godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isalle hin filanne» jedhe. 10 Isey ilmaan ifii torba fuula Saamu'elii dura akka dabaranu godhe; Saamu'el ammoo, «Mootiin Waan Maraa isaan kana hin filanne» jedhe 11 Maarre inni Iseyiin, «Ilmaan teeti tanuma calla'aa?» jedhee gaafate.
Iseyille, «Maandhich isaan maraa hin dhunne; inni hoolee tissiisatti jira» jedhee deebise;
Saamu'elille, «Haga inni dhufutti nuuti waan gad hin teenneef, itti ergiitii isa fichisiisi!» jedhe. 12 Tanaaf inni nama itti ergee isa fichisiise; innille diimaa, nama miidhagaa ila kuulle'ee ti. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Saa'oliin, «Nami ani filadhe isa kana; ka'iitii isa muudi!» jedhe. 13 Saamu'elille gaafa Zayiti'iin guutame fuudhee obboleeyyan isaa duratti isa muude; guyyaa sanii jalqabee Ayyaanni Mootii Waan Maraa Daawiti irratti bu'e; achiin duuba Saamu'el gara Raama'aa deebi'e.
Daawiti Saa'ol Tajaajile
14 Ayyaanni Mootii Waan Maraa Saa'ol irraa fagaatee, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergame isa rakkise. 15 Tajaajiltooti Saa'olii isaan, «Kunoo, ayyaanni hamaan ajaja Mootii Waan Maraatiin ergamee si rakkisiisatti jira. 16 Tanaaf ayyaanni hamaan ka Mootiin Waan Maraa sitti erge sun yennaa sitti dhufu, nama kiraara gudicha akka dansaa taphatee akka ati fayyitu si godhu akka si'iif barbaannu nu tajaajiltoota teeti ajaji!» jedhane.
17 Maarre Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Nama akka dansaa kiraara guddicha taphatu barbaada'aatii naa fida'a!» jedhe.
18 Tajaajiltoota keessaa tokko, «Nama kiraara guddicha akka dansaa taphatu ilma Iseyii nama biyya Betlihemii dhaggeera; inni janna, ka lola dande'u, nama dubbii beekuu fi nama dhaaba tolu; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jira» jedhee deebise.
19 Tanaaf Saa'ol gara Iseyii nama erge, «Ilma keeti ka tissee hoole'ee Daawiti naaf ergi» jedhe. 20 Maarre Isey daabbo'oo fi qalqalluu daadhii woyni'ii harre'etti fe'ee, buruusoo korbeessa re'e'ee ilma ifii Daawititti kennee gara Saa'olii erge. 21 Daawiti gara Saa'olii dhufee isa tajaajiliisa jalqabe; Saa'olille guddoo isa jaalatee, innille dargaggeessa meya isaa ka woraanaa isaaf ba'atu te'e 22 Achiin duuba Saa'ol gara Iseyii nama ergee, «Daawiti na duratti fudhatama waan dhaggateef, na bira tee'ee na tajaajiluu ti» jedhe. 23 Ayyaanni hamaan Waaqa biraa gara Saa'olii yennaa dhufu, Daawiti kiraara guddicha taphataayyu; Saa'olille fayyee ayyaanni hamaan sun isa irraa fagaataayyu.