17
Daawitii Fi Goliyaad
Filisxeemoti loltoota ifii qachaa Yihuda'aa Sokooti keessatti lolaaf wolitti qabatane; isaanille Sokootii fi Aazeqaa wodhakkaa Efes-Damiim keessa qubatane. Saa'olii fi Israa'elooti wolitti qabamanee dhooqa Elaa keessa qubatanee, Filisxeemota loliisaaf tarree galane. Wodhakkaa isaanii dhooqi takka jirtuun, Filisxeemoti kooba takka, Israa'elootille kooba dhibii qabatane.
Nami qachaa Gaatiitii dhufe tokko ka hojjaan isaa ciqilee jaa fi taakku'uu, ka jannuma'aan beekkame Goliyaad quttuma Filisxeemotaa keessaa bayee dhufe. Inni gullee sageettuu irraa hujante mata'atti keyatee, qomoo sageettuu irraa hujante meya lolaa ta kiiloogiraama shantamii torbaa uffateeraayyu. Inni waan akka quncee mukaa ta sageettuu irraa hujante miila ifiititti hidhatee, urdee sageettuu irraa hujante gurmuu ifii irraa qabaayyu. Somey eboo isaa muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowe san itti maru geettiiyyu; sibiilli eboo isaalle gara kiiloogiraama torbaa ti; tajaajilaan wontee isaa ba'atu isa dura deemaayyu. Goliyaad dhaabbatee loltoota Israa'elii tarree galtee jirtuun, «Isin maaniif tarree galtanee lolaaf baatane? Ani nama biyya Filisxeemotaa ti; isinille tajaajiltoota Saa'oliitii motii? Nama tokko filadha'a; inni gara kiyya dhufuu ti! Inni na lolee yoo na ijjeesuu dande'e, nuuti tajaajiltoota teessan hin teena. Ani ammoo isa injifadhee yoo isa ijjeese, isin tajaajiltoota teenna teetanee nu hin tajaajiltan» jedhe. 10 Achiin duuba nami biyya Filisxeemotaa sun, «Ani adha loltoota Israa'elii haga ilaala, nama na lolu tokko naaf kenna'a!» jedhe 11 Saa'olii fi Israa'elooti marti dubbii nami biyya Filisxeemotaa dubbate tana dhage'anee, nayanee guddoo sodaatane.
Daawiti Addee Quttuma Loltoota Israa'elii Dhaqe
12 Daawiti ilma Iseyii nama biyya Efraata'aa, ka biyya Yihuda'aa qachaa Betlihemii keessa le'uu ti. Isey ilmaan dhiiraa saddeeti qabaayyu; bara Saa'olii keessa inni guddatee dulloomeeraayyu. 13 Ilmaan Iseyii gugurdoon sad lolaaf Saa'ol woliin duulaneeraniiyyu; maqaan ilmaan isaa ka lolaaf duulanee, angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shama'a. 14 Daawiti isaan maraaf maandhicha; obboleeyyan isaa gugurdoon sad Saa'ol woliin duulane; 15 Daawiti ammoo hoolee abbaa ifii tissiisaaf Saa'ol biraa gara Betlihemii deebi'e.
16 Nami biyya Filisxeemotaa sun guyyaa afurtama ganamaa fi galgala loltoota Israa'elootaa dura dhufee dhaabbataayyu.
17 Isey ilma ifii Daawitiin, «Akum'ee garbu'uu kiiloogiraama diddamaa fi xaltaa daabbo'oo kudhan kana qabadhuutii obboleeyyan teetiif ariifadhuu addee quttumaa geessi! 18 Itittuu goge kudhan kanalle ajajaa loltootaatiif geessi; obboleeyyan teeti nageyaan akka jiranu ilaaliitii, nageyaan jiraatiisa isaanii beessisa isaan biraa fidii koy. 19 Isaan Saa'olii fi Israa'eloota mara woliin dhooqa Elaa keessatti Filisxeemota loliisatti jiran» jedhe.
20 Daawiti boruyyaa ganama ka'ee hoolota tissitootatti lakkisee, waan Isey isa ajaje ba'atee deeme; loltooti addee qabataneeranu, lolaaf dhaadataa bayiisatti jiranuun addee quttumaa san geye. 21 Israa'elootii fi Filisxeemoti tarree galanee fuula wolitti galaneeraniiyyu. 22 Daawiti meya ifii namicha galaa eegu biratti lakkisee, gara lolaa fiigee obboleeyyan ifii dhaggee nageya fuudhe. 23 Inni obboleeyyan ifii woliin adoo haasowiisatti jiruu, Goliyaad nami janni worra Filisxeemotaa ka biyya Gaatiitii dhufe, tarree loltootaa keessaa bayee akkuma qaraa dhaadatuun, Daawiti isa dhage'e. 24 Israa'elooti Goliyaad yennaa dhaggane, marti isaaniituu guddoo sodaatanee isa duraa baqatane. 25 Isaan, wol wolille'een, «Nama guyyuma guyya'aan dhufee Israa'eloota arrassu kana hin dhaggitan. Nama isa ijjeeseef mootichi karra bacaa hin kenna. Intala ifiille isa fuusisee, maatii abbaa isaalle biyya Israa'elii keessatti gibira akka hin kaffalle hin godha» jedhane.
26 Daawiti worra isa bira dhaabbateen, «Nama biyya Filisxeemotaa kana ka ijjeesee, salphinna akkanaa kana Israa'eloota irraa nama balleessuuf maan isaaf godhan? Nami biyya Filisxeemotaa ka haqanqabaa hin qabatin kun, loltoota Waaqa jiraata'aatitti dhaadatiisaaf inni eennu?» jedhee gaafate. 27 Isaanille, «Nama isa ijjeeseef wonni godhamu'uu male kana» jedhanee waanuma qara dubbatane san deebisanee isatti himane.
28 Obboleessi isaa angafichi Eliiyaab, Daawiti namoota woliin dubbatuun isa dhage'ee, aaree bobe'ee, «Maaf as dhutte? Hoolota diqqoo san goomolee keessatti eennu biratti lakkitte? Ati sababa koora keetiitii fi hammeenna gadhaa keetiitiif, lola ilaaliisaaf akka ati dhutte ani hin beeka» jedhe.
29 Daawitille, «Ani amma maan godhe ree? Ani woyiiyyuu gaafatiisumalle hin dande'uu?» jedhe. 30 Achiin duuba inni gara nama dhibi'ii deebi'ee, gaaffuma san deebisee gaafate; namootille deebuma qaraa taan isaaf deebisane.
31 Saa'ol waan Daawiti dubbate dhage'ee, nama ergee Daawiti gara ifii waansise. 32 Daawitille Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti dhaqee isa waan loluuf sababa Filisxeemicha kanaatiin gadhaan nama tokkolle hin raafamin» jedhe.
33 Saa'olille deebisee Daawitiin, «Ati ijoolle'e; inni garuu dargaggummaa ifiitiin jalqabee lola waan barateeruuf, Filisxeemicha kana woliin wol loliisaaf hin dandeettu» jedheen.
34 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Ani tajaajilaan keeti hoolota abbaa kiyyaa yennaa tissu, neenqi yookiin doobbaan dhufee tika keessaa hoolee yookiin re'ee takka yoo qabu, 35 reebee dhowee irraa buusa. Yennaa inni natti garagalu laagadaa isaa hudhee dhowee isa ijjeesaayyu. 36 Ani tajaajilaan keeti neenqaa fi doobbaalle ijjeeseera; Filisxeemichi kun ka haqanqabaa hin qabatin, loltoota Waaqa jiraata'aa waan arrasseef, innille akkuma bineensota san keessaa tokkochaa hin te'a. 37 Mootiin Waan Maraa ka kottee neenqaatii fi kottee doobba'aa jalaa na baase sun harka Filisxeemichaa jalalle'ee na hin baasa» jedhe.
Saa'olille Daawitiin, «Dhaqi, Mootiin Waan Maraa si woliin jiraatuu ti,» jedhe. 38 Achiin duuba Saa'ol woyaa ifii ta lolaa Daawititti uffisee, gullee sageettuu irraa hujante mataa isaatitti keyee, qomoo itti uffise. 39 Daawiti woyaa akkanaa uffatee waan hin beenneef, woyaa lolaa irratti shallaagaa hidhatee ideemiisaaf wodhaane. Inni Saa'oliin, «Tanaan qara uffadhee waan hin baratiniif akkas uffadhee loliisa hin dande'u» jedhe. Maarre inni woyaa san ifi irraa baafate. 40 Achiin duuba ulee ifii fudhatee, dhakaa qunqumhicha shan laga keessaa filee korojoo ifiititti naqateen duuba, looyyaa*Looyyaa: Lafa tokko tokkotti yanbarsajedhama. harkatti qabatee Filisxeemichatti dhikaate.
41 Filisxeemichille tajaajilaa meya lolaa isaa ba'atu ifiin dura ideensisaa gara Daawitii dhikaataa dhufe. 42 Filisxeemichi Daawiti ilaalee yennaa dhagge, Daawiti diimaa miidhagaa dhaaba tolu, ijoollicha waan te'eef isa tuffate. 43 Inni Daawitiin, «Ani saree teenaan ulee qabattee natti dhuttee?» jedhee, maqaa waaqota ifiitiin isa abaare. 44 Inni, «Me, gara kiyya as koy! Ani foon keeti allaatti'ii fi bineensaafille hin kenna» jedhe.
45 Achiin duuba Daawiti Filisxeemichaan, «Ati shallaagaa, ebo'oo fi urdee teeti qabattee natti dhutta; ani ammoo maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa loltoota Israa'elii ka ati arrassituun sitti dhufa. 46 Biyyi lafaa marti Israa'el keessa Waaqi akka jiru akka beettuuf, adha Mootiin Waan Maraa harka kiyyatti dabarsee si hin kenna. Ani dhowee si jissee mataa keeti si irraa hin kuta; guyyaa adhaa reeffa loltoota Filisxeemotaa allaatotaa fi bineensotaafille hin kenna. 47 Worri asitti wolitti qabame marti Mootiin Waan Maraa shallaaga'aan yookiin ebo'oon akka nama hin baanne hin beekan; lolli ka Mootii Waan Maraa waan te'eef, isin mara harka keennatti dabarsee hin kenna» jedhe.
48 Yennaa Filisxeemichi ka'ee Daawiti loliisaaf gara isaa dhikaate, Daawitille isa loliisaaf ariiti'iin gara addee lolaa fiige. 49 Daawiti subba ifii keessa harka keyee, dhakaa fuudhee, looyya'aan qolaansee, adda Filisxeemichaa dhowe; dhakaan sun adda isaa keessa lixee seenee, innille gad gombifamee addaan lafa dhowe. 50 Maarre Daawiti looyya'aa fi dhakaa qofaan Filisxeemicha injifate; inni shallaagaalle harkatti adoo hin qabaatin Filisxeemicha dhowee ijjeese. 51 Achiin duuba Daawiti gara isaa fiigee isa gubbaa dhaabbate. Inni shallaagaa isaatuu gonofaa isaa keessaa buqqifatee, ittiin mataa isaa irraa mure.
Worri Filisxeemotaa gooti isaanii akka du'e yennaa dhaggane deebi'anee baqatane. 52 Achiin duuba worri Israa'eliitii fi Yihuda'aa ka'anee qeexalaa, worra Filisxeemotaa haga seensuma Gaatiitii fi haga karra Eqroonii ari'ane. Maarre reeffi Filisxeemotaa karaa Sha'araayimii irraa haga Gaatiitii fi haga Eqrooniititti jijjige. 53 Worri Israa'elootaa yennaa Filisxeemota ari'anee deebi'ane addee quttuma isaanii saamane. 54 Daawitille mataa Filisxeemichaa fuudhee gara Yerusaalemii geesse; meya lolaa ka isaa ammoo dunkaanii ifii keessa keyate.
55 Daawiti Filisxeemicha loliisaaf deemuun Saa'ol yennaa dhagge, ajajaa loltootaa Abneeriin, «Abneer, dargaggeessi kun ilma eennuu ti?» jedhee gaafate.
Abneerille, «Ee mooticha, du'a lubbuu teetiitiin kakadha, ilma eennuu akka inni te'e, ani hin beeku» jedhee deebise.
56 Mootichille, «Dargaggeessi kun ilma eennu akka te'e beeki» jedheen.
57 Daawiti Filisxeemicha ijjeesee akkuma deebi'een, mataan Filisxeemichaa harka Daawitii keessa adoo jiruu, Abneer Saa'ol dura isa dhikeesse. 58 Saa'ol isaan, «Dargaggeessa kana, ati ilma eennuu ti?» jedhee gaafate.
Daawitille isaan, «Ani ilma tajaajilaa keeti ka Iseyii nama qachaa Betlihemii ti» jedhe.

*17:40 Looyyaa: Lafa tokko tokkotti yanbarsajedhama.