18
Yonaataanii Fi Daawiti jaala Wolii Te'ane
Daawiti akkuma Saa'ol woliin dubbatee fixateen, Yonaataan Daawiti woliin jaalomee, akka lubbuu ifii isa jaalate. Guyyaa saniin jalqabee, Saa'ol isa fudhate; akka Daawiti gara mana abbaa ifii deebi'u isa hin lakkinne. Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate. Yonaataan geellaa ifii uffate ifi irraa baafatee meya woraanaa, shallaagaa ifiille, guube'ee fi hiituu hidhaa ta ifii woliin Daawitiif kenne. Daawiti addee Saa'ol isa erge mara dhaqee haajaa ergameef akka dansaa waan muummessuuf, Saa'ol loltoota irratti baallii isaaf kenne; tunille kolbaa maraa fi tajaajiltoota Saa'olii gammachiitte.
Daawiti Filisxeemicha ijjeeseen duuba, namooti gara mana ifii yennaa deebi'anu, dubartooti dibbe'ee fi maseenqoo qabatanee, sirbaa, qeexalaa, ilillisaa mooticha Saa'ol fudhatiisaaf qachaa Israa'elii mara keessaa gad bayane. Dubartooti sun wol woliin, «Saa'ol kuma hedduu ijjeese; Daawitille kuma kudhan hedduu ijjeese» jedhaa sirbite. Dubbiin tun Saa'ol waan hin gammachiisiniif guddoo aare; inni, «Daawitiif kuma kudhan hedduu, naaf ammoo kuma hedduu qofa laakkowane; mootummaa fudhatiisa malee maanti isaaf hafe ree?» jedhe. Guyyaa saniin jalqabee Saa'ol Daawiti hinaafe. 10 Boruyyaa, ayyaanni hamaan Waaqa biraa Saa'ol irratti bu'e; Daawiti akkuma qaraa kiraara guddicha yennaa taphatu, Saa'ol mana ifii keessatti akka nama maraata'aa dubbatiisatti jiraayyu; Saa'ol eboo ifiille harkatti qabateeraayyu. 11 Inni, «Daawiti dhaaba manaa woliin wolitti qassiisa» jedhee herregee eboo darbate; Daawiti garuu yennaa lama isa duraa miliqe.
12 Mootiin Waan Maraa isa lakkisee Daawiti woliin waan jiraateef, Saa'ol Daawiti sodaate. 13 Maarre inni Daawiti ifi biraa fageessee ajajaa loltoota kumaa isa godhe; Daawitille yennaa duulaa isaan sooresse. 14 Mootiin Waan Maraa isa woliin waan jiraateef, wonni Daawiti huju marti isaaf hin milkootti. 15 Daawiti milkii guddoo akka qabu yennaa dhagge, Saa'ol isa sodaate. 16 Ka isaan sooressu isa waan te'eef, namooti Israa'eliitii fi Yihuda'aa marti ammoo Daawiti jaalatane.
Daawiti Intala Saa'olii Fuudhe
17 Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ani intala tiyya angafittii Meraab si'iif hin kenna. Atummaan ilma goota naaf te'iitii lola Mootii Waan Maraa loli» jedhe; Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Filisxeemoti isa ijjeettuu ti malee, ani isa hin ijjeesu» jedhee herregeeraayyu.
18 Daawiti ammoo Saa'oliin, «Soddaa mootichaa te'iisaaf ani eennu? Israa'el keessatti maatiin tiyya yookiin sanyiin abbaa kiyyaa tam?» jedhe. 19 Te'uu malee intalti Saa'olii Meraab Daawiti heerumiisaaf yennaa maltetti, nama biyya Meholaatii Adrii'el heerumte.
20 Intalti Saa'olii Milkaal garuu Daawiti jaalatte; Saa'olille tana dhage'e gammade. 21 Saa'ol gadhaa ifii keessatti, «Akka isiin tiyyoo isaaf teetee, innille harka Filisxeemotaatitti du'u, ani isii isaaf hin kenna» jedhee herrege. Tanaaf Saa'ol Daawitiin, «Kunoo, ati yennaa lammeesso'oo soddaa naaf hin teeta» jedhe 22 Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifii ajajee, «Daawitiin, ‹Kunoo, mootichi sitti gammadeera; tajaajiltooti isaalle martinuu waan si jaalatanuuf soddaa isaa te'i› jedha'aatii dhossa'aan itti hima'a» jedhe.
23 Maarre tajaajiltooti Saa'olii dubbii tana Daawititti himane; Daawitille, «Ani nami hiyyeessi, ka gurra dansaa hin qanne, Soddaa mootichaa te'iisi waan kasoo isinitti fakkaattee?» jedheen.
24 Tajaajiltooti Saa'oliille waan Daawiti jedhe yennaa isatti himane, 25 Saa'ol deebisee, « ‹Mootichi diinota ifii haluu bayiisaaf akka ati Filisxeemota dhibba tokko yakkattee shoggoraa isaanii fiddu malee, maraa intalaa waan dhibii si irraa hin barbaadu› jedha'aatii Daawititti hima'a» jedhe. Saa'ol akka Daawiti harka Filisxeemotaatitti du'uuf tana herrege. 26 Tajaajiltooti Saa'olii tana Daawititti yennaa himane, soddaa mootichaa te'iisi isa gammachiise. Guyyaan murteeffame adoo hin dabarin, 27 Daawitii fi namooti isa woliin jiranu dhaqanee Filisxeemota dhibba lama ijjeesane; Daawiti soddaa mootichaa te'iisaaf gogaa haqanqabaa qabee san akka laakkossa isaaniititti mootichaaf dhikeesse; achiin duuba Saa'ol intala ifii Mikaal Daawitiif kenne. 28 Garuu Saa'ol akka Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin jiru dhaggee yennaa beeke, intalti isaa Mikaalille akka isa jaalatte yennaa hubate, 29 Saa'ol ka qaraa caalaa Daawiti sodaatee, bara jireenna ifii mara diina isaa te'e. 30 Achiin duuba ajajjooti loltoota Filisxeemotaa akkuma qaraa lolaaf bayanee dhufane; Daawitille tajaajiltoota Saa'olii mara caalaa milkii dhaggatee maqaan isaa beekkame.