23
Daawiti Qachaa Qeyilaa Badii Irraa Hambure
«Kunoo, Filisxeemoti qachaa Qeyilaa lolanee, midhaan eeddummee keessaa saamiisatti jiran» jedhanee Daawititti himane. Tanaaf Daawiti, «Dhaqee Filisxeemota tana loluu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate.
Mootii Waan Maraalle deebisee isaan, «Dhaqii Filisxeemota loliitii qachaa Qeyilaa isaan harkaa baasi» jedhe Namooti Daawitii ammoo, «Kunoo, as Yihudaa keessattuu nuuti hin sodaanna; qachaa Qeyilaa dhandhee attam isaan loliisaaf dandeenna ree?» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti ammalle Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani Filisxeemota harka keetitti dabarsee waan kennuuf ka'iitii gara qachaa Qeyilaa dhaqi!» isaan jedhe. Maarre Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Qeyilaa dhaqanee, Filisxeemota lolanee horii isaanii booji'anee, isaan keessaa nama bacaa ijjeesane. Maarre Daawiti kolbaa qachaa Qeyilaa badii irraa hambure. Ilmi Ahiimelekii Abiyaataar qachaa Qeyilaatitti gara Daawitii yennaa baqate, woyaa hayyumma'aa ta qomaa fudhatee dhaqe.
Daawiti gara qachaa Qeyilaa akka dhufe Saa'olitti himane. Saa'olille, «Daawiti qachaa karraa fi danqaraa karraa qabu seenee waan ifitti cufateef, Waaqi isa harka kiyyatti dabarsee kenneera» jedhe. Maarre Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhaqee Daawitii fi namoota isaa marsee qabiisaaf loltoota ifii mara waame.
Daawitille akka Saa'ol isa irratti hantuu yaadate beekee, Abiyaataarii hayyichaan, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa as naa fidi!» jedhe. 10 Achiin duuba Daawiti, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhufee sababa kiyyaaf qachaa balleessiisaaf akka barbaadu dhugumaan ani tajaajilaan keeti dhage'eera. 11 Namooti qachaa Qeyilaa harka isaatitti dabarsanee na hin kennanii? Akkuma ani dhage'e Saa'ol dhugumaan as hin dhufaa? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ana tajaajilaa keetitti himi!» jedhe.
Mootii Waan Maraalle deebisee, «Inni hin dhufa» jedhe. 12 Daawiti ammalle, «Namooti qachaa Qeyilaa anaa fi namoota kiyya Saa'olitti dabarsanee hin kennanii ree?» jedhee gaafate.
Mootii Waan Maraalle deebisee, «Eeti'i, isaan dabarsanee isin hin kennan» jedheen.
13 Maarre Daawitii fi namooti isaa ka gara dhibba jaa qachaa Qeyilaatii ka'anee addee dhaqiisaaf barbaadane mara dhaqane. Daawiti qachaa Qeyilaatii akka miliqe Saa'olitti yennaa himane, inni achi dhaqiisa lakkise.
14 Daawiti kushee hedduu jadduu goomolee keessaa ta koobota goomolee Ziifii keessa ture. Saa'ol guyyaa mara Daawiti barbaadaayyu; Waaqi ammoo Daawiti harka isaatitti dabarsee hin kennine. 15 Daawiti goomolee Ziifii, Horesh keessa adoo jiruu Saa'ol isa ijjeesiisaaf akka dhufe dhagge. 16 Ilmi Saa'olii Yonaataan addee Daawiti jiru gara Horeshii dhaqee, maqaa Waaqaatiin isa jajjabeesse. 17 Yonaataan Daawitiin, «Hin sodaatin! Abbaan kiyya Saa'ol ijjumaa si hin dhaggu. Ati Israa'el irratti mootii hin teeta, anille sitti hin aana. Abbaan kiyya Saa'olinuu tana hin beeka» jedhe. 18 Isaan lamaanuu Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhatane. Achiin duuba Yonaataan gara manaa ifii deemee, Daawiti ammoo Horesh keessatti hafe.
19 Namooti Ziifii gara Giibe'aa Saa'ol bira dhaqanee, «Kunoo, Daawiti kushee hedduu jadduu Horesh keessaa, kooba Haqiilaa ta lafa goomolee irraa gara kibbaa jiranu, odduu teennatti dhokateeraa motii? 20 Ee mooti'i, ati yennaa feete koy! Nuuti isa qannee dabarsinee sitti hin kennina» jedhaneen.
21 Saa'ol deebisee, «Isin marroo naaf yaadattaneef Mootiin Waan Maraa isin eebbisu. 22 Inni nama maltee akka te'e ani waan dhage'eeruuf, isin dhaqa'aa qorqora'aatii inni yennaa hedduu eessa akka turuu fi nama isa achitti isa dhaggelle adda baasa'aa beeka'a. 23 Addee inni itti dhokatu mara hubadha'aatii oduu mirkana teete fida'aatii gara kiyya deebi'a'a. Achiin duuba ani isin woliin dhaqee, inni biyya keessa yoo jiraate, ani lafa Yihuda'aa mara keessa isa hin barbaada» jedhe.
24 Maarre namooti ka'anee adoo Saa'ol hin deemin dursanee Ziif dhaqane. Yennaa tana Daawitii fi namooti isaa biyya Arabaayii ta lafa goomole'ee irraa gara kibbaa jirtu goomolee Mo'aa keessa jiraniiyyu. 25 Saa'oliif fi namooti isaa Daawiti barbaadiisaaf dhaqane. Daawitille tana yennaa dhage'e gara rassa'aa dhaqee goomolee keessa Maa'on le'e. Saa'ol tana yennaa dhage'e, goomolee maa'onii keessa Daawiti ari'e. 26 Saa'ol cinaa gaaraa gara tokkoon yennaa ari'u, Daawitii fi namooti isaalle gara kaaniin Saa'ol duraa baqatiisaaf ariifatan. Saa'olii fi loltooti isaa Daawitii fi namoota isaa marsanee qabiisaaf itti dhikaatanee adoo jiranuu, 27 nami tokko gara Saa'olii ergamee dhufee, «Filisxeemoti lafa qabatiisatti waan jirtuuf, ariifadhuu koy!» jedhe. 28 Achiin duuba Saa'ol Daawiti ari'iisa lakkisee Filisxeemota loliisaaf deeme. Tanaaf addeen sun, «Rassaa itti gargar deebi'ane» jedhanee moggaasane. 29 Daawitille addee sanii ol bayee kushee jadduu, «En-Gedi» jedhantu keessa le'e.