24
Daawiti Lubbuu Saa'olii Hambure
Saa'ol Filisxeemota ari'iisa irraa yennaa deebi'e, «Kunoo, Daawiti goomolee En-Gedii keessa jira» jedhanee itti himane. Maarre Saa'ol Israa'eloota mara keessaa namoota filamane kuma sad fudhatee, Daawitii fi namoota isaa barbaadiisaaf gara addee, «Rassaa re'ee diidaa» jedhamuu dhaqe. Saa'ol gara gooree hoole'ee ta karaa qarqara jirtuu takka dhufee, achitti goda takka dhaggee faalowiisaaf keessa seene. Daawitii fi namooti isaalle goda san gara keessaatiin keessa tee'aneeraniiyyu. Namooti Daawitiille, «Guyyaan Mootiin Waan Maraa, ‹Diinota keeti waan feete akka gootuuf harka keetitti dabarsee hin kenna› jedhee dubbate kunoo adha!» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti dhokatee dhaqee handaara woyaa Saa'olii irraa mure. Daawiti handaara woyaa Saa'olii waan mureef gadde. Inni namoota ifiitiin, «Nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, goottaa kiyya nama Mootiin Waan Maraa muude irratti waan akkanaa godhiisaaf, harka kiyyaan waan hantuu isa irratti hujiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eegu» jedhe. Maarre Daawiti jecha kanaan namoota ifii xixee, akka isaan Saa'ol hin lolle dhoogge.
Saa'olille goda keessaa bayee deeme. Isa duubaan Daawiti goda keessaa bayee, «Goottaa kiyya Mooticha!» jedhee Saa'ol waame. Yennaa Saa'ol ifi duuba ilaalu, Daawiti fuulaan lafatti gad gombifamee isaaf sagade. Daawiti Saa'oliin, «Jecha namooti, ‹Daawiti si miidhiisaaf barbaada› jedhanu maaf caqatta? 10 Guyyaa adhaa Mootiin Waan Maraa goda keessatti harka kiyyatti dabarsee akka si kenne atinuu ila teetiin dhaggiteerta. Namooti gariin akka ani si ijjeesuuf na tirtirsanee, ani ammoo, ‹Inni nama Mootiin Waan Maraa muude waan te'eef, ani harka kiyyaan goottaa kiyya irratti waan hantuu hin huju› jedhee si'iif marare. 11 Kunoo, Abbaa kiyya, handaara woyaa teetii harka kiyya irratti ilaali! Ani handaara woyaa teetii irraa mure malee si hin ijjeenne. Ani hammeenna yookiin yakkaa akka hin qanne beeki. Ati lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaaddulle, ani si irratti cubbuu hin hunye. 12 Mootiin Waan Maraa anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Ati na irratti hammeenna waan hujjeef, Mootiin Waan Maraa haluu si naaf bayuu malee, harki kiyya waan hantuu si irratti hin huju. 13 Worri durii, ‹Hammeenni worra hamaa irraa dhufa› jedhan. Harki kiyya ammoo waan hantuu si irratti hin huju. 14 Mootiin Israa'elii eennu loliisaaf dhufe? Ati eennu ariita? Saree duute moo taffii ariita? 15 Mootiin Waan Maraa abbaa mura'aa te'ee anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Inni haajaa kiyya ilaalee naaf falmatee, harka keeti jalaa na baasee, dhugaa tiyya naaf mudhisuu ti» jedhe.
16 Daawiti akkuma tana dubbatee fixateen, Saa'ol, «Ilma kiyya Daawiti, tun qoonquma teetii?» jedhee gaafatee qoonqoo ifii ol-qabatee bowe. 17 Inni Daawitiin, «Ani waan hantuu si irratti hunyaan ati ammoo waan dansaa naaf waan gooteef, ati na caalaa balcha'a! 18 Ati attam waan dansaa akka naaf goote adha natti mudhitteerta; Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee na kenneeruun, ati ammoo na hin ijjeenne. 19 Nami diina ifii yennaa dhagge, akka inni nageyaan deemu hin lakkisaa ree? Maarre waan dansaa adha ati naaf gooteef, Mootiin Waan Maraa waan dansaa si'iif godhu. 20 Kunoo, ati dhugumaan mootii akka teetuu fi mootummaan Israa'elii harka keetitti jabaattee akka dhaabbattu ani hin beeka. 21 Ati naan duuba sanyii tiyya akka hin balleessine, maqaa kiyyalle maatii abbaa kiyyaa keessaa haxoottee akka hin balleessine amma maqaa Mootii Waan Maraatiin naaf kakadhu» jedhe. 22 Maarre Daawiti tana Saa'oliif kakate. Achiin duuba Saa'ol gara mana ifii deeme; Daawitii fi namooti isaa ammoo gara kushee jadduu ifii deemane.