Ergaa Phawuloos
Gara Worra Tasalonqe'ee Erge
Ta Qaraa
Seensa
Tasalonqeen qachaa guddaa lafa biyyi Rooma'aa bulchu, ta maqedooniyaa jedhamuu ti. Phawuloos, Filiphisiiyuus lakkisee deemeen duuba Tasalonqe'etti wolde'a kiristaanaa dhaabe. Teetuu malee, worri Yihudoota hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudootaa fudhatiisaaf dhiyaate, barsiisa dhugeeffanna'aa ka Phawuloos barsiisu waan jaalataneef, worri Yihudootaa gaabbee, Phawuloos irratti moromaa kaase. Tanaaf Phawuloos biyya Tasalonqe'ee lakkisee gara Beeriya'aa deemiisi dirqama itti te'e. Diqqoo turee, qachaa Qorontoosii geyeen duuba, waa'elli isaa Ximootewoos ka isa woliin huju waan wolde'a kiristaana Tasalonqee keessaa tokko tokkoon itti hime.
Phawuloos ergaa ifii ta gara worra Tasalonqe'ee qara erge keessatti, dhugeeffattoota achi jiranu jajjabeessiisaa fi mirkaneeffachiisiisaaf barreesse. Inni marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala isaanii, oduu dansaa waan dhage'eef Waaqa galateeffata; wodhakkaa isaaniititti yennaa dhaggame, le'ii attamii akka le'een isaan qaabata; achiin duuba gaaffii marroo dhufa lammoo Kiristoosiitiif, wolde'a kiristaanaa keessatti kaateef deebii kenna. Gaaffii san keessaa gariin: dhugeeffataan Kiristoos adoo deebi'ee hin dhufin dura du'e tokko, jiruu bara baraa ta deebi'ee dhufiis Kiristoosii fidu keessatti qooda hin dhaggataa? Kiristoos yoom deebi'ee dhufa? Ta jettu fa'a. Phawuloos daguu tana keessatti, «Deebi'ee dhufa Kiristoosii addi'iin adoo eegattanuu, cadhisa'aatii hujii teessan hujadha'a» jedhaa isaan gorsa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1
Eebba galataatii fi leellisa1:2—3:13
Gorsa adaba dhugeeffattootaatiif kenname4:1-12
Gorsa marroo dhufa Kiristoosiitiif kenname4:13—5:11
Gorsa muumme'ee5:12-22
Yaada buufataa5:23-28
1
Phawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoos biraa:
Wolde'a kiristaanaa, ka Waaqa Abba'aatii fi Goottaa Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:HuE. 17:1
Badhaadhaa fi nageenni isiniif te'u.
Jiru'uu Fi Dhugeeffannaa Worra Tasalonqe'ee
Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna. Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabanna. Obboleeyyan tiyya, akka Waaqi isin jaalatee isin fooyate hin beenna. Oduun Gammadaa ta nuuti isiniif lallanne hunnaan, Ayyaana Woyyichaa fi mirkaneeffata guutu'uun malee, oduu calla'aan gara keessan hin dhunne. Yennaa isin woliin turre, isiniif jennee attam akka leene hin beettan. Isin guddoo rakkattanulle, ergaa Ayyaana Woyyicha irraa dhutte gammadaan fudhattanee, nu'uu fi Goottaa keenna fakkaattaneertan.HuE. 17:5-9 Maarre isin dhugeeffattoota Maqedooniya'aa fi Akaayyaa keessa jirtu duudi'iif fakkeenna teetaneertan. Dubbiin Gootta'aa ta isin biraa kaate, Maqedooniya'aa fi Akaayya'atti dhage'amuu callaa adoo hin te'in, dhugeeffannaan isin Waaqatti qaddanu addee mara dhaqqaddeerti. Tanaaf marroo waan kanaa womaa dubbatiisa nu hin barbaachisu. Yennaa nuuti gara keessan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan. 10 Akkasuma isaan Ilma isaa Yesuus, ka ol-gubbaa irraa dhufu, ka inni du'a keessaa kaase, ka mufii Waaqaa ta dhuttu jalaa nu baasu akka eegattanu hin himan.

1:1 HuE. 17:1

1:6 HuE. 17:5-9