4
Goottole'e! Isinille ol-gubba'atti Goottaa akka qaddanu beeka'aatii, tajaajiltoota teessan qajeelumma'aa fi wol qixxumma'aan bulcha'a.Efe. 6:9
Gorsa Dabalataa
Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha'a. Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi'iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha'a. Anille akka maltetti ifa tolchee ergaa isaa akka dubbadhu naaf daadimadha'a.
Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le'a.Efe. 5:16 Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi'awu te'uu ti.
Tikiqoos, marroo waan kiyyaa waan mara isinitti hin hima; inni tajaajilaa addatama'aa fi lansa kiyya ka hujii Gootta'aa na woliin huju. Akka inni marroo teenna isinitti himuu fi gadhaa keessan jajjabeessuuf, isa gara keessan erge.Efe. 6:21-22 Isa wolille'een nama keessan ka te'e, obboleessi addatama'aa fi jaalatamaan Oneesimoos gara keessan hin dhufa; isaan waan asitti te'iisatti jiru duudii isinitti hin himan.Film. 10-12
10 Arisxaarkosiin na woliin hidhameeru nageya isiniif dhaama. Durriin Baarnaabaasii Maarqoosiin ani duraan, «Yennaa inni gara keessan dhufe fudhadha'a jedhee isin yaadachiiselle» nageya isiniif dhaama.HuE. 19:29; 27:2; Film. 24; HuE. 12:12 11 Yoshu'aan Yusxos jedhamulle nageya isiniif erga; worra marroo mootummaa Waaqaatiif na woliin huju keessaa, worri Yihudootaa kana qofa; isaan analle jajjabeessaneeran.
12 Akkasuma Ephafraasiin nama keessan te'e, tajaajilaan Kiristoos Yesuusii nageya isiniif erga; jiruu ayyaanaatiin guddatiisaan jabaattanee, akka dhaabbattanuu fi fedha Waaqaa mara akka muummessitanu, inni yennaa mara isiniif jabaatee daadimata. 13 Inni isinii fi worra qachoota Laa'odiiqeya'aatii fi Heraapholisii keessa jiruuf guddoo akka elowe aninuu dhugaa hin bayaaf. 14 Cidheessi jaalatamaan Luqaasii fi Deemaas nageya isiniif dhaaman.2 Xim. 4:10-11; Film. 24
15 Obboleeyyan Laa'odiiqeyaa keessa jirtu Niimfa'aa fi wolde'a kiristaanaa ka mana isi'iititti wolitti qabamuuf nageya naa hima'a! 16 Xalayaa kana ifii dubbifattaneen duuba, wolde'a kiristaanaa ka Laa'odiiqeyaa keessa jirulle'etti akka dubbifamu godha'a. Isinille xalayaa Laa'odiiqeyaa irraa ergamu dubbifadha'a. 17 Arkiphosille'een, «Hujii karaa Gootta'aatiin fudhatte san akka muummessitu te'i» jedha'aa naa hima'a.Film. 2
18 Ani Phawuloos nageya kana harkuma kiyyaan isiniif barreesse; akka ani wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiru yaadadha'a!
Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.

4:1 Efe. 6:9

4:5 Efe. 5:16

4:8 Efe. 6:21-22

4:9 Film. 10-12

4:10 HuE. 19:29; 27:2; Film. 24; HuE. 12:12

4:14 2 Xim. 4:10-11; Film. 24

4:17 Film. 2