5
Dhufa Gootta'aatiif Qophowa'a
Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.Mat. 24:43; Luq. 12:39; 1 Phex. 3:10 Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu. Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu. Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti. Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti. Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.Efe. 6:13-17 Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne. 10 Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e. 11 Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a.
Gorsaa fi Nageya Muumme'ee
12 Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna. 13 Sababa hujii isaan hujanuutiif jaalalaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a.
14 Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina. 15 Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a.
16 Yennaa mara gammada'a; 17 yennaa mara daadimadha'a; 18 waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
19 Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a; 20 jecha raagaa hin tuffatina'a; 21 ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a; 22 waan hantuu duudii irraa fagaadha'a.
23 Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu.
24 Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha.
25 Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a.
26 Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a.
27 Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin maganne'e isiniin jedha.
28 Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

5:2 Mat. 24:43; Luq. 12:39; 1 Phex. 3:10

5:8 Efe. 6:13-17