Ergaa Phawuloos
Gara Worra Tasalonqe'ee Erge
Ta Lammeesso'oo
Seensa
Gaaffiin marroo deebi'ee dhufiisa Kiristoosiitiif kaate, wol dhaba waan kaatteef rakkoon wolde'a kiristaana Tasalonqee keessa jirtuu o'ite. Ergaan Phawuloos gara worra Tasalonqe'ee barreesse ta lammeesso'oo, «Guyyaan dhufa Gootta'aa dhiyaateera» addii jettu irratti xiyyeeffatti. Phawuloos dhufa Kiristoosiitiin dura sooressiisa mormitoota Kiristoosiitiin ka, «Nama jallu'uu» jedhamuun, biyya lafaa irratti hammeennaa fi jalluun fakkanaa deenti jedhaa, dhugeeffannaa isaanii sirreessu'uuf wodhaana.
Worri dubbii tana dubbisu, rakko'oo fi farri yoo itti fakkanelle dhugeeffannaa ifiitiin jabaatee, innii fi worri hujii isaa qarqaaru akkuma godhanu, waan jireenna isaaniitiif barbaachisu dhaggatiisaaf jabaatanee akka hujanu, akkasuma hujii dansaa hujiisa irraa akka ifi hin qusanne jabeesse isaan gorsa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa1:1-2
Galataa fi Leellisa1:3-12
Gorsa marroo deebi'ee dhufiisa Kiristoosii2:1-17
Gorsa marroo adaba kiristaanaatiif kenname3:1-15
Yaada buufataa3:16-18
1
Phawuloos, Siilaasii fi Ximootewoos biraa:
Wolde'a kiristaanaa ka Waaqa Abbaa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii teetane, ka Tasalonqee keessa jirtanuuf:HuE. 17:1
Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus Kiristoos nageyaa fi badhaadha isiniif kennu.
Muraa Yennaa Kiristoos Deebi'ee Dhufu Kennantu
Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri'i. Tanaaf miidha'aa fi rakkoo isin dhaqqadde duudii keessatti waan ossattanee fi dhugeeffanna'aan jabaattaneef, nuuti wolde'oota kiristaanaa, ka Waaqaa keessatti isiniin ifi jajanna.
Wonni kun maraa, muraan Waaqaa qajeeltuu akka teetee fi isinille mootummaa Waaqaa ta rakkatiisatti jirtanuuf, ka maltane akka te'uuf jirtanu mirkaneessa. Waaqi waan sirrii te'e huja; inni worra isin rakkisutti rakkoo fida. Isin worra amma rakkatiisatti jirtanu, Yesuus ergantoota ifii hunnaameyyii woliin ol-gubbaa irraa yennaa mudhatu nu woliin tana jalaa isin baasa. Inni ibidda bobe'uun mudhata; gaafa san worra Waaqa hin beennee fi Oduu Gammadaa ta Goottaa keenna Yesuusiitiif hin ajajane hin adaba. Isaan fuula Gootta'aatii fi ulfinna hunna isaa irraa gargar bayanee, badii bara baraatiin adabaman; 10 tun guyyaa inni woyyoota ifii irraa ulfinna dhaggatiisaa fi worra dhugeeffatu duudii biralle'etti baaseffatamiisaaf dhufutti teeti. Isinille dhugaa baya teenna waan dhugeeffattaneef, woyyoota isaa woliin laakkowantan. 11 Waaqi keenna worra waamicha isaatiif male akka isin godhuuf, waan dansaa godhiisaaf halchaa qaddanuu fi hujii dhugeeffannaa teessanii mara hunna ifiitiin akka muummessuuf, nuuti yennaa mara isiniif daadimanna. 12 Akkasuma maqaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isiniin akka ulfaatuu fi isinille karaa badhaadha Waaqa keennaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, akka isaan ulfaattanuuf daadimanna.

1:1 HuE. 17:1