2
Nama Jallu'uu
1 Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna:1 Tas. 4:15-17 2 raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin hin rifatina'a. 3 Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin. 4 Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.
5 Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu? 6 Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan. 7 Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu. 8 Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeesee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa. 9 Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.Mat. 24:24 10 Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan. 11 Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollaalchittu isaanitti erga. 12 Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete.
Isin Fayyinnaaf Fooyantane
13 Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna. 14 Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera. 15 Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a.
16 Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne, 17 waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.