10
Gosi Israa'elii Ta Kaabaa Rehobiyaam Finqilte
1 Israa'elooti marti mootii isa godhatiisaaf Sheekem waan dhaqaneef, Rehobiyaamille achi dhaqe. 2 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, ka Solomoon duraa gara biyya Gibxi'ii baqateeru, oduu tana yennaa dhage'e, deebi'ee dhufe. 3 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, isa waansitte; innii fi wolde'i Israa'elii marti, gara Rehobiyaamii dhaqanee, 4 «Abbaan keeti Solomoon waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera. Ati ammoo amma hujii ulfaattu'uu fi waanjoo ulfaattuu abbaan keeti nutti fe'e, yoo nuu sallitte, nuutille si'iif hin ajajanna» jedhane.
5 Rehobiyaam deebisee, «Amma deema'aatii, guyyaa sadiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedheen. Maarre kolbaan sun deebitee galte.
6 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, jaarsolee dur abbaa isaa Solomooniif gorsa kennitu wolitti qabee, «Kolbaa tanaaf deebii attamii akka kennu natti gorsitan?» jedhee gaafate.
7 Isaan deebisanee, «Ati kolbaa tanaaf gadhaa laattee, isaan gammachiittee deebii dansaa yoo isaaniif deebitte, isaan yennaa mara si hin tajaajilan» jedhane. 8 Rehobiyaam ammoo gorsa jaarsole'ee tuffatee, dargaggoota isa woliin guddatte, ta isa gorsitu woliin mari'ate. 9 Inni, «Kolbaa, ‹Waanjoo abbaan keeti nutti fe'e, nutti sallisi!› jettu tanaaf deebii attamii kennina? Gorsa attamii naa kennitan?» jedhee isaan gaafate.
10 Isaan deebisanee, «Kolbaa ‹Abbaan keeti waanjoo ulfaattuu nutti fe'eera; ati ammoo nutti sallisi!› jettu tanaan, ‹Qubi kiyya maandhich, hidha abbaa kiyyaa caala furdata. 11 Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'eera; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana› jedhiin» jedhane.
12 Akkuma mootichi, «Guyyaa sadiin duuba deebi'aatii, kowa'a» jedhe, Yerobi'aamii fi kolbaan martinuu deebi'anee, gara Rehobiyaamii dhufane. 13 Rehobiyaamiin mootichi gorsa jaarsoleen isaaf kennite tuffatee, xixxa'aan deebii isaaniif kenne. 14 Inni gorsa dargaggootaa fudhatee, «Abbaan kiyya waanjoo ulfaattuu isinitti fe'e; ani ammoo ta san caaltu isinitti hin fe'a; abbaan kiyya liche'een isin dhaane; ani ammoo lichee qaccee irraa akka makkaa qara qadduun isin hin dhaana» jedheen. 15 Maarre wonni kun Waaqa irraa waan teeteef, mootichi dubbii kolba'aa hin dhageenne; wonni Waaqi karaa Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitiin, ilma Nebaatii Yerobi'aamitti dubbate tanaan muummotte.
16 Mootichi akka isaaniif dhage'uu dide Israa'elooti yennaa dhaggane,
«Nuuti Daawiti woliin
qooda maan qanna?
Maatii abbaa isaa Iseyii biraa
dhaala maan qanna?
Ee Israa'el gara dunkaanii teessanii deebi'a'a!
Ee sanyii Daawitii
mana keetiif yaad» jedhanee,
mootichaaf deebii kennane.
Maarre isaan marti gara dunkaanii ifii deebi'ane. 17 Rehobiyaam ammoo Israa'eloota biyya Yihuda'aa keessa le'anu qofa irratti mootii te'e.
18 Achiin duuba Rehobiyaamiin mootichi, itti gaafatamaa namoota hunnaan hujii hunnaa hujanuu Adoraam gara Israa'elootaa erge; isaan ammoo dhaka'aan tumanee isa ijjeesane. Rehobiyaamiin mootichi ammoo ariiti'iin garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara Yerusaalemii duraa baqate. 19 Maarre kolbaan Israa'elii ta gara kaabaa, haga adhaa namoota sanyii Daawitii irratti finqila kaasanee hafane.