11
Raaga Shemaa'iyaa
(1 Mot. 12:21-24)
Rehobiyaam gara Yerusaalemii yennaa dhufe, Israa'eloota lolanee gara mootummaa isaa akka deebisanuuf, gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminii keessaa loltoota beekkamane kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettama wolitti qabate. Jechi Mootii Waan Maraa ammoo gara Shemaa'iyaa raagichaa dhufee, «Mooticha Yihuda'aa ilma Solomoonii Rehobiyaamii fi kolbaa gosa Yihuda'aatii fi Beniyaaminii maraan, ‹Mootiin Waan Maraa: wonni te'e kun fedhii tiyya waan teeteef, obboleeyyan teessan loliisaaf ol hin bayina'a. Tokko tokkoon keessan gara mana keessanii deema'a! jedha› jedhiin» jedhe. Maarre isaan jecha Mootii Waan Maraatiif ajajamanee, Yerobi'aamitti duuliisa lakkisanee deebia'anee galane.
Rehobiyaam Qachoota Dalleya Dhaka'aa qabanu Ijaare
Rehobiyaam Yerusaalem keessa tee'ee, diinota ifi irraa dhooggatiisaaf biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaarsise. Qachooti inni ijaarsise sun Betlihem, Etaam, Teqo'aa, Bet-Zuur, Sokoo, Adulaam, Gaat, Maareshaa, Ziif, Adoraayim, Laakiishi, Aazeqaa, 10 Zoraa, Ayalonii fi Kebroon. Qachooti dalleya dhaka'aa qabanu sun marti biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii keessatti ijaaramane. 11 Rehobiyaam dalleya dhaka'aa itti ijaarsisee, ajajjoota duulaa itti godhee, sagalee, Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii, achi keessatti tuulchise. 12 Inni wonte'ee fi eboo hedduulle qachoota san keessatti tuulchisee, akka isaan guddoo jabaatanu godhe. Maarre inni akkanaan biyya Yihuda'aatii fi biyya Beniyaaminii toowannaa ifii jala galfate.
13 Hayyootii fi Lewwooti kutaa biyya Israa'elii ta kaabaa mara keessa jiranu gara Rehobiyaamii dhufane. 14 Lewwooti hayyoota te'anee Mootii Waan Maraa akka hin tajaajille, Yerobi'aamii fi ilmaan isaa waan isaan dhoogganeef, addee horii ifii itti tiffatanuu fi qabeenna ifii lakkisanee gara Yihuda'aatii fi gara Yerusaalemii dhufane. 15 Yerobi'aam fakkii waaqota dharaa ta korbeeyyii re'ootaatii fi jiboota jabbile'ee hujee, addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa irra dhaabee, hayyoota ifii ta achi tajaajilanu filate. 16 Gosa Israa'elii mara keessaa worri gadhaa ifii tokkochaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii Israa'elii hordofuu barbaadu marti ciincaa ifii dhikeessiisaaf, Lewwoota hordofanee gara Yerusaalemii dhufane. 17 Isaan karaa Daawitii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa hordofanee, woggaa sadiif mootummaa Yihuda'aa jabeessanee, ilma Solomoonii Rehobiyaam qarqaarane.
Maatii Rehobiyaamii
18 Rehobiyaamiin kun intala Yeremootii ilma Daawitii Mahalaat fuudhe; haati isi'ii Abiihaayil intala Eliiyaabii ilma Iseyii ti. 19 Isiin ilmaan sad Ye'ush, Shemaariya'aa fi Zahaam isaaf deette. 20 Achiin duuba inni intala Abiishaalomii Ma'akaa fuudhe; isiin ilmaan afur Abiiyaa, Aataayi, Ziizaa fi Shelomiit isaaf deette. 21 Rehobiyaam niitolee ifiitii fi gursumeeyyii ifii mara caalaa, intala Abiishaalomii Ma'akaa jaalate; inni wolumatti niitolee kudhanii saddeetii fi gursumeeyyii jaatama, ilmaan diddamii saddeeti, ijoollee durraa jaatama qabaayyu. 22 Inni ilma ifii Abiiyaa ka Ma'akaa irraa uumate mootii godhiisa waan fedheef, ijoollee ifii ta dhibii mara irratti sooressa akka te'u isa file. 23 Rehobiyaam qarummaa ifiitiin ilmaan ifii garii kutaa biyya Yihuda'aa, taan kutaa biyya Beniyaaminii keessaa fi qachaa dalleya dhaka'aatiin ijaarame keessa babadhatanee akka le'anu godhe; inni sagalee bacaa isaaniif kennee, niitolee hedduulle isaan fuusise.