12
Mootiin Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti Duule
(1 Mot. 14:25-28)
1 Rehobiyaam mootummaa ifii akkuma jabeeffateen, innii fi kolbaan Israa'elii*Kolbaan Israa'elii tun: Kolbaa mootummaa kibbaa ta Yihudaa keessaa ti. marti seera Mootii Waan Maraa lakkisane. 2 Isaan Mootii Waan Maraatiif addatamuu waan dhabaneef, Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti duule. 3 Inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatama, loltoota worra Liibiya'aa, loltoota worra Sukiimiitii fi worra Itoophiya'aa†Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. dabalatee, loltoota laakkossi isaanii hagana hin jedhanne fudhatee, biyya Gibxi'ii keessaa ka'ee dhufee, 4 qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu qabatee, haga Yerusaalemii dhufe.
5 Achiin duuba Shemaa'iyaan raagichi gara Rehobiyaamiitii fi gara sooreyyii biyya Yihuda'aa worra Shiishaaq duraa baqatee Yerusaalemitti wolitti qabameeruu dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin waan na lakkittaneef, anille harka Shiishaaqiititti isin lakkiseera› jedha» jedheen.
6 Mootichii fi Sooreyyiin Israa'elii‡Sooreyyiin Israa'elii: Sooreyyiin Israa'elii tun ta mootummaa kibbaa ta Yihudaa keessaa ti. gad ifi qabanee, «Wonni Mootiin Waan Maraa huju marti haqa» jedhane.
7 Mootiin Waan Maraa akka isaan gad ifi qabane yennaa dhagge, ammalle jecha ifii gara Shemaa'iya'aa ergee, «Isaan ana Mootii Waan Maraa duratti waan gad ifi qabaneef, ani dafee isaan hin baasa malee isaan hin balleessu. Aariin tiyya karaa Shiishaaqiitiin Yerusaalem irratti hin bobeettu. 8 Te'uu malee, isaan ana tajaajiliisii fi mootota biyya lafaa tajaajiliis garaagarummaa akka qabu akka beekanuuf, Shiishaaq isaan hin bulcha» jedhe.
9 Mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalem yennaa lole, qabeenna Galma Waaqaatii fi qabeenna mana mootumma'aa saame. Inni waan mara, wontee hedduu Solomoon worqi'iin hujisiiselle fudhate. 10 Maarre mootichi Rehobiyaam addee wontee fudhataneetitti sageettuu irraa wontee hujisiisee, harka qondaaltota eeddota karra mana mootumma'aatitti kenne. 11 Mootichi gara Galma Waaqaa yennaa dhaqu mara, eeddoti karra mana mootumma'aa wontee san qabatanee, isa woliin dhaqan; yennaa deebi'anu ammoo kolloo eeddotaa keessa keyan. 12 Rehobiyaam Mootii Waan Maraatiif waan ifi gad qabeef, aariin Mootii Waan Maraa ijjumaa isa hin balleessine. Biyya Yihuda'aa keessatti wonni dansaan teete.
13 Rehobiyaam Yerusaalem keessa mootii jabaa ifi tolfate. Inni yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessatti woggaa kudhanii torba mootii te'e. Yerusaalem qachoota Mootiin Waan Maraa qachoota lafa gosoota Israa'elii mara keessaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filate. Maqaan haadha Rehobiyaamii Na'aama'a; isiin intala nama biyya Amoonii ti. 14 Inni fedhii Mootii Waan Maraa waan hin barbaadiniif, waan hantuu huje.
15 Wonni Rehobiyaamiin mootichi bara mootummaa ifii keessa huje jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsii hidda dhalootaa ka Shemaa'iyaa raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo mudhii dhagguu keessatti galmeeffamee jiraa motii ree? Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara jiruu ifii mara wol lolane. 16 Rehobiyaam du'ee, addee awwaala moototaatitti qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.