13
Abiiyaan Mootii Yihuda'aa Te'e
(1 Mot. 15:1-8)
1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, Abiiyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 2 Inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa sad bulche; maqaan haadha isaa Ma'aka'a; isiin intala Urii'elii nama qachaa Giibe'aa ti. Abiiya'aa fi Yerobi'aam wodhakka'atti lolli ka'eeraayyu. 3 Abiiyaan loltoota jajjaboo kuma dhibba afur filatee duule. Yerobi'aamille loltoota janna kuma dhibba saddeet filatee duule.
4 Achiin duuba Abiiyaan biyya koobittii Efreemii keessa gaara Zamaraayimii irra dhaabatee, «Ee Yerobi'aam, isin kolbaan Israa'elii martinuu na dhage'a'a! 5 Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, Gondooroo sooddaa ta haga bara baraatiin, Daawitiif, sanyii isaatiifille, Israa'el irratti mootummaa akka kenne hin beettanuu ree? 6 Ilmi Nebaatii Yerobi'aam, tajaajilaan Solomoonii ilmi Daawitii, goottaa ifii irratti finqila kaase. 7 Ilmi Solomoonii Rehobiyaam adoo inni daa'imaatuu, yennaa inni womaa godhiisa hin dandeennetti, namooti siyyaayye'ee fi boru-hinbeenneen isa marsanee mormane; ittille jabaatane. 8 Isin amma mootummaa Mootii Waan Maraa ta harka sanyii Daawitii keessa jirtuun mormiisaaf baatane; dhuguma isin bindilla'a; fakkii waaqota dharaa jabbilee worqi'ii ta Yerobi'aamiin mootichi isiniif hujisiiselle ifi biraa qaddan. 9 Isin tana maleelle ilmaan Aaronii hayyoota Mootii Waan Maraatii fi Lewwoota ariitanee, addee isaaniititti akkuma kolbaa lafa dhibi'ii, hayyoota ifiif godhattaneertanii motii ree? Nami hayyuu te'iisaaf jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoole'ee torba fidee dhufu, waaqota dharaatiif hayyuu te'a.
10 «Nu'uuf ammoo Mootiin Waan Mara Waaqa keenna; nuuti isa hin lakkinne. Hayyooti Mootii Waan Maraa tajaajilanu sanyii Aaronii ti; Lewwooti isaan qarqaaran. 11 Isaan ganamaa fi galgala kennansa gubamuu fi hixaana fooleen isaa uddowu Mootii Waan Maraatiif dhikeessan; daabboo Waaqaaf kennantu xarapheessaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e san irra keyan; galgala galgalalle issaa waan issaa irra keyamu ka worqii irraa hujame irra jirulle hin qassiisan. Nuuti ajaja Mootii Waan Maraa ka Waaqa keennaa hin eeganna; isin ammoo isa lakkittaneertan. 12 Kunoo, Mootiin Waan Maraa nu woliin jira; inni nu sooressa; hayyooti isaa tultullaa afuufanee lola isinitti hin kaasan. Ee ilmaan Israa'elii, injifatuu waan hin dandeenneef, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii hin lolina'a» jedhe.
13 Yennuma san Yerobi'aam loltoota ifii keessaa gariin loltoota worra Yihuda'aatiin duubatti akka riphanuuf erge; loltooti hafane ammoo isa woliin loltoota Yihuda'aatiin wolitti fulla'anee akka lolanu godhe. 14 Worri Yihuda'aa garagalee adaala ifii yennaa ilaalanu, duraa fi duubaan akka marfamaneeranu dhaggane. Achiin duuba akka isaan qarqaaruuf gara Mootii Waan Maraa iyyane. Hayyooti tultullaa afuufane. 15 Namooti Yihuda'aalle qoonqoo ol qabatanee iyyane; yennaa isaan iyyane Mootiin Waan Maraa Abiiya'aa fi namoota Yihuda'aa duratti, Yerobi'aamii fi Israa'eloota mara injifate. 16 Waaqi harka worra Yihuda'aatitti Israa'eloota dabarsee waan kenneef, isaan Yihudoota duraa baqatane. 17 Abiiya'aa fi loltooti isaa lolanee akka malee waan miidhaneef, loltoota Israa'elii keessaa loltoota jajjaba kuma dhibba shan fixane. 18 Namooti Israa'elii yennaa san guddoo qaanowane; namooti Yihuda'aa ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan addataneef injifatane.
19 Abiiyaan Yerobi'aam ari'ee qachoota Bet'el, Yeshaana'aa fi Efron, olloota qachoota san cinaa jiranu woliin isa irraa fudhate. 20 Bara Abiiya'aa keessa Yerobi'aam deebi'ee hunna bulchiisaa hin dhagganne. Dhuma irratti Mootiin Waan Maraa balaa itti buusee, inni du'e.
21 Abiiyaan ammoo irra caala hunna dhaggataa ideeme; inni niitolee kudhanii afur fuudhee, ilmaan diddamii lamaa fi ijoollee durraa kudhanii jaa uumate. 22 Wonni dhibiin ta Abiiyaan bara mootummaa ifii hujee fi wonni inni jedhe marti, kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo raagichaa keessatti barreeffanteerti.