14
Mootii Yihuda'aa Aasaa
1 Abiiyaan mootichi du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan addee isaatitti mootii te'e; bara mootummaa isaa biyyi woggaa kudhan nageya dhaggatte. 2 Aasaan waan dansa'aa fi sirrii te'e fuula Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti huje. 3 Inni addee ciinca'aatii fi addee waaqonfanna'aa ta waaqota ormaa diigee, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu butuchee, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjisse. 4 Namooti Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii akka barbaadanu, seeraa fi ajaja isaalle akka eegatanu ajaje. 5 Inni ammalle addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi addee ciinca'aa ta waaqota dharaatiif hixaana irratti aarsanu ta qachoota Yihuda'aa mara keessaa balleesse. Bara bulchiisa isaa mootummaan nageya dhaggatte. 6 Biyyi nageya waan qabaatteef, inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaare. Mootiin Waan Maraa foora waan isaa kenneef, bara san keessa woraanni isatti hin kaane. 7 Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte. 8 Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kuma dhibba sad ta wontee gugurdo'oo fi eboo qabanu, gosa Beniyaamin keessalle'ee loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ta wontee didiqqo'oo fi daaya qabanu qabaayyu. Loltooti sun marti loltoota jajjaba dandeettii qabanu.
9 Nami biyya Itoophiya'aa*Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. Zeraan loltoota miliyoona tokkoo fi garreettaa fardaan harkifamu dhibba sadiin isaanitti duuliisaaf bayee haga Maareshaa dhufe. 10 Aasaan isa loliisaaf gad baye; isaan dhooqa Zefaata'aa ta Maaresha'atti dhikoo jirtu keessatti wol loliisaaf addee qabatane. 11 Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe.
12 Maarre Mootiin Waan Maraa fuula Aasaa mootichaatii fi worra Yihuda'aa duraa worri Itoophiya'aa†Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. akka injifatamanu godhe; isaanille baqatane. 13 Aasa'aa fi loltooti isaa haga Geraariititti isaan ari'ane; gaafas loltoota Itoophiya'aa‡Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. keessaa hedduun waan dhumataneef, worri hafe jabaatiisa hin dandeenne; isaan Mootii Waan Maraatii fi loltoota isaa duratti waan bututaneef, loltooti Yihuda'aa boojuu bacaa dhaggatane. 14 Mootiin Waan Maraa namoota qachoota adaala Geraarii jiranu mara waan bararasseef, loltooti Yihuda'aa qachoota adaala sanii mara injifatane. Isaan qachoota san mara saamanee, boojuu bacaa guuratane. 15 Isaan moonaa hori'ii diiganee hoolee, re'ootaa fi gaala hedduu booji'anee, gara Yerusaalemii deebi'ane.