20
Yoshaafaax Diinota Ifii Injifate
1 Tanaan duuba Mo'aabotii fi Amoonoti, isaan woliin worra Me'unootaa keessalle'ee gariin Yoshaafaax loliisaaf dhufane. 2 Jarri takka gara Yoshaafaaxii dhufanee, «Loltooti guddoon bindillaan Edoom irraa, abbaaya'aan gamaa si loliisaaf dhufiisatti jiran; kunoo, isaan amma Haazezon-Taamaar ta ‹En-Gedii› jedhantu geyaneeran» jedhane. 3 Achiin duuba Yoshaafaaxiin mootichi sodaatee Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf murteeffatee, lafa Yihuda'aa mara keessatti akka laamanu ajaja baase. 4 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa qarqaarsa gaafatiisaaf, qachoota lafa Yihuda'aa mara keessaa wolitti qabamane.
5 Yoshaafaax wol geyii kolbaa Yihuda'aa keessaa namoota Yerusaalemii odduu Galma Mootii Waan Maraa keessa badhinna dalleya keessaa haareya keessa dhaabbatee, 6 «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa abbootii teennaa, ati Waaqa ol-gubba'aatii motii ree? Ati mootummoota gosa biyya adda addaa mara bulchita. Hunnii fi jabeenni harka keeti keessa jiran. Ka si ifi irraa dhooggatuu dande'u hin jiru. 7 Ee Waaqa keenna, ati worra lafa tana keessa le'anu kolbaa teeti Israa'el duraa ariitee baattee, sanyii jaala keeti Abrahaamiitiif haga bara baraa akka keessa le'anuuf hin kenninee ree? 8 Isaanille lafa san keessa le'anee achitti ulfinna maqaa keetiitiif Galma ijaaranee, 9 ‹Balaan yookiin shallaagaan yookiin muraan yookiin dhukkubi yookiin beelli yoo nutti dhufanu, Galma keeti kana duratti fuula keeti dura dhaabbannee, maqaan keeti Galma kana keessa waan jiruuf, farra teenna iyyinee sitti himanna; atille hi dhageetta; farra san jalalle'ee nu hin baatta› jedhane. 10 Amma kunoo, worri Amooniitii fi Mo'aabii, worri gaara Se'iiriille, ka ati kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baatu lafa isaanii akka hin lolle dhoogginaan, loluu lakkisanee irraa goranee dabarane amma dhufiisatti jiran. 11 Kunoo, isaan lafa ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu ari'iisaan gatii nuu kenniisaaf dhufaneeran. 12 Ee Waaqa keenna, ati isaanitti hin murtuu ree? Nuuti loltoota bacaa nu loliisaaf dhufiisatti jirtu tana loliisaaf hunna hin qannu. Waan goonulle hin beennu; ammoo ilti teenna gara keeti ilaalti» jedhe.
13 Yennaa san worri Yihuda'aa marti daa'immaan didiqqoo ifii, niitolee ifiitii fi ijoollee ifii woliin fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbatane. 14 Gaafas Ayyaanni Mootii Waan Maraa wolde'a gumi'ii san oddu'utti sanyii Lewwi'ii keessaa ilma Zakaariyaasii Yahaazi'elitti dhufe; Zakaariyaas ilma Benaayaa ti; Benaayaan ilma Yaa'iilii ti; Yaa'iil ilma Mataaniyaa sanyii Asaafii ti. 15 Inni, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu martinuu, atille Yoshaafaaxii mooticha caqasa'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Lolli kun ka Waaqaa ti malee, keessanii motii, isin loltoota guddoo bindillaa tana dhaggitanee sodaattanee hin rifatina'a. 16 Boru gad bu'a'aatii isaan lola'a! Kunoo, isaan goodda Ziizii ol bayanee dhufan; dhuma dhooqa fuullee Yeru'elii lafa goomole'eetitti isaan hin dhaggitan. 17 Isin lola kana keessa loluu hin barbaachisu. Addee qabadha'aa, jabaadha'aa dhaabbadha'aatii, baasiisa Mootiin Waan Maraa akka isin baasu ilaala'a! Isin ee worra Yihuda'aatii fi worra Yerusaalemii! Hin sodaatina'a, hin rifatinaalle'e! Mootiin Waan Maraa isin woliin waan jiruuf, boru baya'aa deema'aatii isaan lola'a› jedha» jedhe.
18 Achiin duuba Yoshaafaax adda ifiitiin lafatti gad gombifamee, worri Yihuda'aa ka Yerusaalem keessa le'anu marti Mootii Waan Maraa duratti gad jiganee waaqonfatane. 19 Lewwooti worri sanyii Qehaatotaatii fi sanyii Qoraahotaalle ka'anee qoonqoo ol qabatanee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii leellifatane.
20 Barii ganama gara goomolee Teqo'a'aa dhaqiisaaf yennaa isaan ka'ane, Yoshaafaax ka'ee dhaabbatee, «Isin worri Yihuda'aatii fi worri Yerusaalem keessa leetanu na dhage'a'a! Isin hin milkoottanii, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dhugeeffadha'a! Waan raagoti isaa dubbatanulle dhugeeffadha'a!» jedhe. 21 Inni kolbaa woliin mari'atee faarfattoota loltoota dura deemaa, «Mootii Waan Maraa galateessa'a; jaalalli isaa ka bara baraa ti» jedhaa faarfataa woyyummaa Mootii Waan Maraa leellisanu filee dhaabe.
22 Yennaa isaan faarfataa leellisiisa jalqabane, Mootiin Waan Maraa worra Yihudaa loliisa dhufane worra Amoonii, worra Mo'aabiitii fi worra gaara Se'iiriititti riphee lolu itti fidee akka isaan injifatamanu godhe. 23 Worri Amooniitii fi worri Mo'aabii worra gaara Se'iiriitii dhufe lolanee fixane; isaan worra gaara Se'iirii balleessaneen duuba wolittuu garagalanee wol balleessane. 24 Worri Yihudootaa addee irra dhaabbatanee lafa goomole'ee gad dhagganu geyanee, loltoota guddoo bindillaa san yennaa ilaalanu reeffa qofa lafatti dhaggane; loltoota san keessaa nami miliqee hafe tokkolle hin jiru. 25 Yoshaafaaxii fi kolbaan isaa boojuu guuratiisaaf yennaa dhufane, odduu reeffa isaaniitii meya adda addaa, woya'aa fi meya gatii guddo'oo bacaa dhagganee, haga ba'atuu dadhabanutti guuratane; mey sun bacaa waan te'eef, isaan meya san mara wolitti qabatiisaaf guyyaa sad irraa fudhate. 26 Guyyaa arfeesso'oo dhooqa eebbaa, addee Mootii Waan Maraa itti leellifatanetti wolitti qabamane. Tanaaf maqaan addee sanii haga adhaa, «Dhooqa eebbaa» jedhama. 27 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akka isaan diinota ifii irratti firinxiixanu waan godheef, worri Yihuda'aatii fi Yerusaalemii martinuu Yoshaafaax ifi dura aanfatanee gammada gudda'aan gara Yerusaalemii deebi'ane. 28 Isaan maseenqo'oo fi kiraaraa guddicha dhowaa, tultullaalle afuufaa gara Galma Mootii Waan Maraa Yerusaalem dhufane. 29 Mootiin Waan Maraa diinota Israa'elii akka lole yennaa dhage'ane, mootummooti biyya lafaa marti Waaqa sodaatane. 30 Karaa maraan Waaqi nageya waan isaaf kenneef, mootummaan Yoshaafaaxii gabbi jette.
31 Yoshaafaax mootii biyya Yihuda'aa yennaa te'e nama woggaa soddomii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii shan bulche; maqaan haadha isaa «Azubaa» jedhama; isiin intala Shiilhii ti. 32 Inni akkuma abbaa ifii Aasa'aa waan fuula Mootii Waan Maraa duratti sirrii te'e huje malee, karaa abbaa ifii irraa hin gorre. 33 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa hin banne; kolbaan sun ammalle gadhaa tokkochaan gara Waaqa abbootii ifii hin deebine. 34 Wonni Yoshaafaax bara mootummaa ifii keessa jalqabaa kaasee haga dhumaatitti huje keessaa gariin, kitaaba Yehuu ilma Haanaanii ka inni marroo dabarsii mootota Israa'elii barreesse keessatti barreeffamaneeran.
35 Muummee irratti mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaaziyaa ka waan hantuu hedduu huje san woliin wolii galtee godhate. 36 Isaan hoboloota gugurdoo ittiin biyya Tarshiishii daldalatanu hujiisaaf wolii galanee, qachaa Eziyo-Geberii keessatti hoboloota san hujane. 37 Achiin duuba ilmi Dodaawaa Elii'ezer nami qachaa Maareshaa, «Ati Ahaaziyaa woliin waan wolii galteef, Mootiin Waan Maraa waan ati hujje kana hin balleessa» jedhee Yoshaafaax irratti raaga dubbate. Hobolooti sunille caccabanee, gara biyya Tarshiishii dhaquu dadhabane.