21
Yohoraam Mootii Yihuda'aa Te'e
(1 Mot. 8:6-24)
Yoshaafaax du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e. Obboleeyyan Yohoraamii Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiya'a; isaan kun marti ilmaan Yoshaafaaxii mootii Israa'elii*Israa'el: Israa'eliin tun Yihuda'a ti. Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne.
Yohoraam mootummaa abbaa ifii qabatee yennaa jabaate, obboleeyyan ifii mara akkasuma qondaaltota Israa'elii keessaa garii shallaaga'aan ijjeese.
Yohoraam yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche. Inni intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma sanyiin Ahaabii goote, karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin gondooroo gondooratee, isaa fi sanyii isaatiif haga bara baraa ka issu kenniisaaf waadaa waan galeeruuf, Yohoraam balleessuu hin barbaanne. Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootummaa ifii dhaabatte. Achiin duuba Yohoraam ajajjoota ifiitii fi garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee duulee, adoo worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ta garreettaa fardaan harkifamu marsaneeranuu, inni halkaniin ka'ee lolee isaan injifate. 10 Edoom haga adhaatitti bulchiinsa Yihuda'aa finqilteerti; Yohoraam Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkiseef, Yennuma san Liibnaalle bulchiinsa Yihuda'aa finqilte. 11 Inni koobota Yihuda'aa irratti addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ijaaree, kolbaan Yerusaalemii Mootii Waan Maraatiif akka hin addatanne godhee, worra Yihuda'aa dokonkorse.
12 Eliyaasiin raagichi xalayaa gara Yohoraamii mootichaa ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Daawitii abbaa abbootii teeti ta durii, ‹Ati karaa abbaa keeti Yoshaafaaxii yookiin karaa Aasaa mootii Yihuda'aa hordofatiisa lakkittee, 13 karaa mootota Israa'elii hordofattee, akkuma maatiin Ahaabii waaqota dharaa waaqonfatte, kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalem keessa leetulle waaqota dharaa akka waaqonfattu goote; obboleeyyan teeti, maatii abbaa keetii, worra si caalanulle ijjeette. 14 Kunoo, Mootiin Waan Maraa adabbii jadduu kolbaa teeti, ijoollee teeti, niitota teetii fi waan ati qaddu maratti buusa. 15 Atille dhukkuba hamaa ka madhumaan teeti guyyuma guyya'aan dhibuun hin rakkatta; muummee irratti madhumaan teeti gadhaa keeti keessaa gad hin baati› jedha» jedhe.
16 Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaatii fi worra Arabaa ka biyya Itoophiya'aaItoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. bira le'anu Yehoraam irratti kaase. 17 Isaan biyya Yihuda'aatitti duulanee qabatanee, meya mana mootumma'aa keessa jiru mara, ilmaan isaatii fi niitota isaa mara fudhatanee deemane; ilma isaa maandhicha Ahaaziyaa malee ilmi tokkolle ka isaaf hafe hin jiru.
18 Tana maralle'een duuba, Mootiin Waan Maraa dhukkuba madhumaanii ka hin fayyine Yohoraamitti buuse. 19 Yohoraam dhukkuba kanaan rakkataa turee, dhuma woggaa lammeesso'ootitti sababa dhukkuba kanaatiin madhumaan isaa gadhaa isaa keessaa gad baatee guddoo farree du'e; kolbaan isaa ulfinna abbootii isaatiif goola ibiddaa akka dhaabanu, ulfinna isaatiif goola ibiddaa dhaabuu hin barbaanne. 20 Yohoraam yennaa mootii te'u nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche; yennaa inni du'e nami tokkolle isaaf hin gaddine; isaan qachaa Daawitii keessatti awwaalane malee, addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle.

*21:2 Israa'el: Israa'eliin tun Yihuda'a

21:16 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.