22
Ahaaziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e
Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e. Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti. Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje.
Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane. Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.
Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe. Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese. Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.
Ataaliyaan Mootittii Yihuda'aa Teete
10 Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite. 11 Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite. 12 Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e.