24
Mootii Yihuda'aa Yo'aas
Yo'aas yennaa mootii te'e nama woggaa torbaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; maqaan haadha isaa Ziibiya'a; isiin nama qachaa Bersheeba'aa ti. Haga Hayichi Yoyaadaan lubbu'uun jiru, Yo'aas waan Mootii Waan Maraa gammachiisu huje. Yoyaadaan dubartii lama isa fuusisee, isaan ilmaanii fi ijoollee durraa hedduu isaaf horane.
Yo'aas mootii te'ee yennaa diqqo'oon duuba Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf murteeffate. Inni hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee, isaaniin, «Gara qachaa biyya Yihuda'aa mara dhaqa'aatii, wogguma wogga'aan Galma Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii akka ittiin haareffamuuf, kolbaa Israa'elii mara irraa beesee guura'a! Kana ammuma dafa'aa godha'a» jedhe; Lewwooti ammoo waan inni jedhe kana dafanee hin goone. Maarre mootichi Yo'aas sooressa hayyootaa Yoyaadaa waamee, «Ati gibira tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen gumii Israa'elii worra Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa le'anu irraa qarqaarsa Dunkaanii Woyyitti'iitiif ajaje, Lewwooti akka guuranu maaniif hin ilaalin?» jedhee isa gaafate. Ilmaan Ataaliyaa dubartii hantuu sanii Galma Mootii Waan Maraa diiganee, meya woyyicha mara tajaajila waaqa dharaa Ba'aaliitiif itti fayyadamaneeran.
Mootichi akka Lewwooti saanduqa beesee itti guuranu hujanee, gara alaatiin karra Galma Mootii Waan Maraa dura keyanu ajaje. Achiin duuba Lewwooti gibira Muuseen tajaajilaan Waaqaa goomolee keessatti ajaje, Mootii Waan Maraatiif akka guuranu kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara keessatti lassane. 10 Qondaaltotii fi kolbaan marti gammadanee, haga saanduqa guuttutti beesee guurane. 11 Lewwooti saanduqa san gara qondaaltota mootichaa worra itti gaafatantoota beese'ee yennaa geessanu, isaan akka beeseen guutteertu yennaa dhagganu, barreessaan mootichaatii fi sooressi hayyootaa dhufanee beesee keessaa baasanee saanduqa adde'etti deebisan; guyyuma guyya'aan akkana adoo godhanuu beesee bacaa guurane.
12 Mootichi Yo'aasii fi hayyichi Yoyaadaan beesee san itti gaafatantoota Galma Mootii Waan Maraatitti kennanee, isaanille Galma Mootii Waan Maraa haaressiisaaf, worra dhakaa bocuu fi worra hujii mukaa beeku, worra hujii sibiilaa beeku ittiin qaxarane. 13 Hojjattooti sun marti jabaatanee hujanee, Galma Waaqaa san akka duri jirutti haaressanee jabeessanee ijaarane. 14 Hujii haaressiisaa fixaneen duuba beesee irraa hatte fidanee mootichaa fi Yoyaada'atti kennane; isaan meya Galma Waaqaa keessa ittiin tajaajilanu, meya ciincaa itti dhikeessanu, qorii boollittii, meya worqi'ii fi meetii irraa hujamu ka adda addaa hujisiisane; haga Yoyaadaan lubbu'uun jiru mara Galma Mootii Waan Maraa keessatti ciincaan yennaa mara dhikeeffamaa ture. 15 Yoyaadaan guddoo dulloomee woggaa dhibba tokkoo fi soddomatti du'e. 16 Inni kolbaa Israa'eliitiif, Galma Waaqaatii fi Waaqaafille waan dansaa waan hujeef, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala moototaatitti isa awwaalane.
Hammeenna Yo'aasii
17 Yoyaadaan du'een duuba qondaaltoti Yihuda'aa dhufanee mootichaaf sagadane; innille yaada isaanii fudhate. 18 Isaanille Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii lakkisanee, utubaa fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu tajaajilane; yakkaa isaanii tanaaf mufiin Waaqaa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii irratti dhutte. 19 Mootiin Waan Maraa akka isaan gara isaa deebi'anuuf raagota isaanitti erge; raagoti sun isaan ifi eeggachiisanulle isaan ammoo isaaniif hin dhageenne. 20 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa gara Zakaariyaasii ilma Yoyaadaa hayyichaa dhufee, inni lafa tullittii irra kolbaa dura dhaabbatee, «Waaqi, ‹Isin maaniif ajaja Mootii Waan Maraa irra dabartan? Isiniif hin milkoottu; isin Mootii Waan Maraa waan lakkittaneef innille isin lakkiseera› jedha» jedhe. 21 Isaan ammoo mala isatti dhowanee, ajaja mootichaatiin badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaka'aan tumanee ijjeesane. 22 Mootichi Yo'aas waan dansaa abbaan Zakaariyaasii Yoyaadaan isaaf godhe dedhee, ilma isaa Zakaariyaas ijjeesise; Zakaariyaas du'iisatti jiruun, «Mootiin Waan Maraa hujii teeti ilaalee, akka hujii teetii sii kennuu ti!» jedhe. 23 Dhuma woggaa saniititti loltooti sooriya'aa Yo'aasitti duulane. Isaan Yihuda'aa fi Yerusaalem qabatanee qondaaltota kolbaa oddu'uu ijjeesanee, waan achi keessaa saamane mara gara mootii ifii ka Damaasqoo keessa jiruu ergane. 24 Loltooti Sooriya'aa diqqoo te'anulle, Mootiin Waan Maraa loltoota bacaa harka isaaniititti dabarsee kenne. Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, muraan Yo'aas irratti muummotte. 25 Worri sooriya'aa yennaa achii bayanu akka malee Yo'aas madeessanee gatanee biraa deemane; inni ilma Yoyaadaa hayyichaa waan ijjeesiseef, qondaaltoti isaatuu mala isatti dhowanee, taqee isaa irratti isa ijjeesane. Maarre inni du'ee qachaa Daawitii keessatti awwaalame; te'uu malee addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle. 26 Worri isa irratti mala dhowane, ilma dubartittiin biyya Amoonii Shiimaat deette Zaabaadii fi ilma dubartittiin biyya Mo'aabii Shiimriit deette Yohozaabaad. 27 Dabarsiin ilmaan isaa, jechi isa irratti raagaan dubbatame, Galma Waaqaa haaressiis isaa, kitaaba dabarsii moototaa keessatti barreeffameera. Ilmi isaa Amaasiyaas addee isaatitti mootii te'e.