25
Mootii Yihuda'aa Amaasiyaa
1 Amaasiyaan yennaa mootii te'u nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Yeho'aadaan; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 2 Inni Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee gadhaa tokkochaanii moti. 3 Amaasiyaan mootummaa ifii jabeeffateen duuba, qondaaltota ifii ta abbaa isaa mooticha ijjeette san ijjeese. 4 Te'uu malee kitaaba seera Muuse'ee keessatti, Mootiin Waan Maraa, «Nami martinuu cubbuu ifiitiif ijjeefamuu malee, abbootiin cubbuu ijoolle'eetiif, ijoolleen cubbuu abbooti'iitiif hin ijjeefamin» jedhee akkuma ajaje, ilmaan worra abbaa isaa ijjeese sanii hin ijjeenne.
5 Amaasiyaan kolbaa Yihuda'aa wolitti qabee, akka maatii maatii isaaniititti gosa Yihuda'aatii fi gosa Beniyaaminiitiif ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa file; achiin duuba worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaan ol te'ane wolitti qabee, worra wonte'ee fi woraana qabatanee lola dhaquu dande'anu nama kuma dhibba sad dhaggate. 6 Itti dabalee biyya Israa'elii keessaa loltoota kuma dhibba tokko meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afuriitiin qaxare. 7 Nami Waaqaa tokko ammoo gara isaa dhufee, isaan, «Ee mooticha, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitii fi kolbaa Efreemii woliin waan hin jirreef, loltooti Israa'elii tun si woliin hin duulin! 8 Ati gadhaa jabaattee dhaxxee yoo loltelle, Waaqi si qarqaariisaaf, si jissiisaafille hunna waan qabuuf, inni diinota keeti jalatti si hin jissa» jedhe.
9 Amaasiyaan, «Loltoota Israa'elii tanaaf meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii ta baase tana attam godha ree?» jedhee nama Waaqaa san gaafate; nami Waaqaa sun deebisee, «Mootiin Waan Maraa tana caalaa sii kennuu hin dande'a» jedhe. 10 Maarre Amaasiyaan loltoota biyya Efreemiitii gara isaa dhufane san gara biyya isaaniititti deebise; isaan namoota Yihuda'aatitti guddoo aaranee gara biyya ifii deebi'ane.
11 Achiin duuba Amaasiyaan jajjabaatee loltoota ifii waammatee gara dhooqa sooddaa fudhatee bayee, achitti loltoota Se'iirii kuma kudhan ijjeese. 12 Namooti Yihuda'aa namoota dhibii kuma kudhan booji'anee, qaccee rassaa tokkoo gubbaa baasanee, achii irraa gad isaan darbanee marti isaaniituu caccabanee bututane.
13 Loltooti Amaasiyaan akka isa woliin hin duulle ifi biraa deebise, qachoota Yihuda'aa Samaariya'aa kaasanee haga Bet-Horooniititti lolanee, namoota kuma sad ijjeesanee meya bacaa booji'ane.
14 Amaasiyaan worra Edoomii lolee yennaa deebi'e, waaqota dharaa ka worra Se'iirii fudhatee dhufee, ifiif dhaabbachiifatee, isaanitti waaqonfatee ciincaalle dhikeesseef. 15 Mootiin Waan Maraa Amaasiya'atti guddoo waan aareef, Waaqi raagicha isatti ergee, «Waaqota dharaa ka kolbaa ifiituu harka keeti jalaa baasuu hin dandeenne, waaqota kolbaa ormaa maaniif qarqaarsa gaafatta?» jedhe. 16 Adoo inni dubbatiisatti jiruu, Amaasiyaan mootichi isaan, «Nuuti gorsaa mootichaa si godhanneerraa? Cadhisi! Ati maaf du'a feeta?» jedhe.
Raagichille cadhise; te'uu malee, «Ati tana hujjee, gorsa kiyya dhage'uu waan diddeef, Waaqi si balleessiisaaf akka murteesse ani hin beeka» jedhe.
Mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan Israa'el Lole
17 Achiin duuba mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan gorsitoota ifii woliin mari'ateen duuba, gara Yeho'aashii mootii Israa'elii, ilma Yeho'aazii, ka akaakoo Yehu'uutitti nama ergee, «Koottu me, wol ilaallaa!» jedhee lolaaf waammate. 18 Mootiin Israa'elii Yeho'aash ammoo, mootii Yihuda'aa Amaasiya'aaf deebisee, «Qoreen Libaanon keessaa takka, muka hindheensaa ka Libaanon keessaatitti ergitee, ‹Intala teeti ilma kiyya heerumsiisi!› jetteen. Bineensi Libaanonii ka karaa san dabarulle qoree san irra sirbe. 19 Ati, ‹Ani worra Edoomii injifadheera› jettee koortee, ifi jajjeerta. Amma ammoo manuma keeti tee'i. Ati jiddee, Yihudaalle si woliin akka jiddu maaniif rakkinna ifi irratti kakkaasiisaaf barbaadda?» jedhe. 20 Amaasiya'aa fi namooti isaa waaqota dharaa ka worra Edoomii waan waaqonfataneef, Waaqi harka diinota isaaniititti dabarsee isaan kenniisa waan barbaadeef, Amaasiyaan gorsa hin caqanne. 21 Maarre mootiin Israa'elii Yeho'aash ol bayee, innii fi mootiin Yihuda'aa Amaasiyaan biyya Yihuda'aa keessatti qachaa Bet-Shemeshiititti wol lolane. 22 Loltooti Yihuda'aa loltoota Israa'eliitiin injifatamanee, tokko tokkoon isaanii gara mana mana ifii baqatane. 23 Mootiin Israa'elii Yeho'aash mootii Yihuda'aa akaakoo Yeho'ahaazii ilma Yo'aasii Amaasiyaa Bet-Shemeshitti booji'ee gara Yerusaalemii geessee, dalleya dhaka'aa ka Yerusaalemii karra Efreemiitii kaasee haga karra roga dalleyaa ka dheerinni isaa gara ciqilee dhibba afurii diige. 24 Inni worqi'ii fi meetii mara, meya Galma Mootii Waan Maraa keessa jiru ka Obed-Edoom eegu maraa fi karra mana mootumma'aa keessa jirtu, namoota booji'amanelle qabatee, gara qachaa Samaariya'aa deebi'e. 25 Ilmi Yeho'ahaazii mootichi Israa'elii Yeho'aash du'een duuba, ilmi Yo'aasii mootichi Yihuda'aa Amaasiyaan woggaa kudhanii shan le'e. 26 Wonni dhibiin ta mootichi Amaasiyaan huje, jalqabaa kaasee haga dhumaatitti kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aatii fi Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 27 Amaasiyaan Mootii Waan Maraa hordofatiisa haga lakkisee jalqabanee, isa ijjeesiisaaf Yerusaalem keessatti mala waan isatti dhowaneef, inni gara qachaa Laakiishii duraa baqate; isaan ammoo namoota isa gula erganee, achumatti isa ijjeesisane. 28 Reeffa isaa fardaan fidanee, qachaa Yerusaalemii keessatti abbootii isaa ta durii biratti awwaalane.