32
Worri Asoorii Yerusaalemitti Duule
(2 Mot. 18:13-16; Isa. 36:1)
1 Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse. 2 Senaaheriib Yerusaalem loliisaaf hedee akka dhufeeru, Hisqiyaas yennaa beeke, 3 inni madda bisaanii ka qacha'aan ala jiranu duuchiisiisaaf, qondaaltotaa fi ajajjoota loltoota ifii woliin mari'ate; isaanille isa qarqaarane. 4 Kolbaan hedduun wolitti qabantee, «Mootiin Asoorii dhufee maaf bisaan bacaa dhaggata» jedhanee, madda bisaanii maraa fi anguree lafa jala lola'u mara duuchane. 5 Hisqiyaasiin mootichi jabaatee hujee, dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressee, xelleephoo irratti ijaare; gara alaatiin dalleya dhaka'aa dhibii itti ijaaree kaabii, «Miiloo» jedhantu ta qachaa Daawitii keessaalle jabeesse; akkasuma meya lolaa ka adda addaatii fi wontee bacaa huje. 6 Qondaaltoti loltootaa kolbaa akka bulchanu godhee, isaan mara badhinna karra qacha'aa dura jirutti wolitti qabee, 7 «Jabaadha'a! Jajjabaadha'a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina'a! 8 Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.
9 Tanaan duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib loltoota ifii mara woliin qachaa Laakiishii marsee adoo jiruu, Hisqiyaasii fi kolbaa Yihuda'aa ta isa woliin Yerusaalem keessa jirtu maratti akka himanuuf tajaajiltoota ifii ergee, 10 isaanille dhaqanee, «Mootiin Asoorii Senaaheriib, ‹Isin eennutti addattanee qachaa Yerusaalemii ka marfame kana keessa teettan? 11 Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka mootii Asoorii jalaa nu hin baasa jedhee beelaa fi dheebu'uun isin fixaara. 12 Kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin: Addee ciinca'aa takkattii duratti sagada'aatii isii irratti ciincaa dhikeessa'a jedhee ajajee addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ka balleesse Hisqiyaasuma kanaa motii? 13 Anii fi abbootiin tiyya ta durii kolbaa lafa dhibi'ii irratti waan goone hin beettanuu ree? Waaqoti gosa biyya adda addaa sun lafa isaanii harka kiyya jalaa baasuu dande'aneeranii ree? 14 Waaqota gosa biyya adda addaa ka abbootiin tiyya ta durii balleessite mara keessaa kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu ka dande'e kam ree? Waaqi keessan harka kiyya jalaa attam isin baasuu dande'a ree? 15 Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane.
16 Tajaajiltooti Senaaheriibii Mootii Waan Maraa Waaqaa fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti dubbii badduu tana caalte dubbatane. 17 Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse. 18 Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa kolbaa sodaachisanee bararassanee qachaa qabatiisaaf, kolbaa Yerusaalemii worra dalleya dhaka'aa irra dhaabbataneeranu qoonqoo ifii ol qabatanee afaan Ibrootaatiin itti hogisane. 19 Waaqota kolbaa lafa irraa ka harki namaa huje irratti akkuma dubbatane, Waaqa Israa'elii irralle'etti akkasuma dubbatane.
20 Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichii fi ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi marroo dubbii tanaa gara Mootii Waan Maraa daadimatanee, gara ol-gubba'aa iyyane. 21 Mootiin Waan Maraa ergamaa ifii ergee, addee quttuma mootii Asoorii keessaa loltoota jajjaba, sooressitootaa fi qondaaltota mara akka fixamanu godhe. Maarre mootichi Senaaheriib qaanowee gara biyya ifii deebi'e. Yennaa inni gara galma waaqa ifii seenelle ilmaan isaatuu achitti shallaaga'aan isa ijjeette.
22 Maarre Mootiin Waan Maraa Hisqiyaasii fi kolbaa Yerusaalemii harka mootii Asoorii Senaaheriibiitii fi harka diinota isaa mara jalaa isaan baase; worra adaala isaanii jiranu mara woliin nageyaan akka le'anu isaan godhe. 23 Kolbaan bacaan Mootii Waan Maraatiif kennansa fidanee gara Yerusaalemii dhufanee, mootii Yihuda'aa Hisqiyaasiifille kennansa gatii guddo'oo fidanee, guyyaa saniin jalqabee inni gosa biyya adda addaa mara duratti ulfinna dhaggate.
Muummee Mootummaa Hisqiyaasii
(2 Mot. 20:1-3,12-19; Isa. 38:1-3; 39:1-8)
24 Baruma san Hisqiyaas dhibamee du'iisa geye; inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne; akka isa fayyisulle beessisa isaaf kenne. 25 Hisqiyaas ammoo koore malee waan dansaa isaaf godhameef Waaqa hin galateeffanne. Tanaaf, mufiin Mootii Waan Maraa isa irratti, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii irratti dhutte. 26 Te'uu malee marroo koora ifiitiif, Hisqiyaas gad ifi qabee, innii fi kolbaan Yerusaalemiille gad ifi qabanee, tanaaf bara mootummaa isaa mufiin Mootii Waan Maraa isaan irratti hin dhunne.
27 Hisqiyaas qabeennaa fi ulfinna guddaa qabaayyu; inni kolloota meetii, worqii, dhakaa gatii guddo'oo, uddowaa adda addaa, wonte'ee fi meya gatii guddo'oo ka adda addaa itti kuufatu ijaarrate. 28 Akkasuma gootaraa midhaan ficha'aa, okkotee daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa qabaayyu; loon ifiitiif moonaa, hoole'ee fi re'ee ifiitiif gooree qabaayyu. 29 Waan kana mara irratti ede'ee, Mootiin Waan Maraa qabeenna bacaa waan isaa kenneef, inni karra hoole'ee, re'e'eetii fi loonii bacaalle horatee, qachaa hedduu ijaarrate. 30 Madda Giihonii maddu ka gatiitti'ii kiphee, bisaan gara seensa adu'uu gara qachaa Daawitii anguree keessa gad akka lola'u ka godhe Hisqiyaas; hujiin isaa marti isaaf teete. 31 Qondaaltoti biyya Baabilonii baasa biyya keessatti te'e gaafatiisaaf namoota yennaa ergane, Waaqi isa haga ilaaliisaa fi waan gadhaa isaa keessa jiru mara beekiisaaf isa lakkise.
32 Wonni dhibiin ta Hisqiyaasiin mootichi hujee fi hujiin inni addatamumma'aan huje, mudhii raagicha Isaayaasii ilma Amosiitii fi kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 33 Hisqiyaas du'ee addee awwaala sanyii Daawitii ta gatiitti'iititti awwaalame; yennaa inni du'e kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii marti ulfinnaan isa awwaalane; ilmi isaa Minaaseen addee isaatitti mootii te'e.