33
Mootii Yihuda'aa Minaasee
Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche. Inni hujii diqachiittuu gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baasee san hordofee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu huje. Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; Ba'aaliifille addee ciinca'aa ijaaree, utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabe. Inni urjootalle waaqonfate. Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Maqaan kiyya haga bara baraa Yerusaalem keessatti hin waaqonfatama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare. Badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa lamaanuu keessatti urjoota ol-gubba'aa waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare. Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase. Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya; kolbaan Israa'elii seerata kiyya yoo eegatte, seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne duudiille yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan ari'amanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye. Minaaseen ammoo kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii duraa ari'ee baase caalaa cubbuu hujane. 10 Mootiin Waan Maraa Minaase'ee fi kolbaa ifiititti dubbatulle, isaan ammoo caqasuu didane. 11 Maarre Mootii Waan Maraa ajajjoota loltoota mootii Asoorii isaanitti fidee, isaan Minaasee qabanee, hookkoo sagana'aa funnaan isaa keessa keyanee, harka isaa wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii isa geessane. 12 Minaaseen rakkinna kana keessa adoo jiruu, gad ifi qabee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deebi'ee, qarqaarsa isa gaafate. 13 Mootiin Waan Maraa daadimata isaa dhage'eefii, gara Yerusaalemii mootummaa isaatitti isa deebise; Minaaseelle Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e beeke. 14 Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye. 15 Inni Galma Mootii Waan Maraa keessaa Waaqota ormaa fi fakkii achi keessa jirtu balleessee, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ta kooba irra addee Galmi Mootii Waan Maraa dhaabbate keye, Yerusaalem keessa ta addee dhibiille jirtu diigee qacha'aan alatti gate. 16 Achiin duuba addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa haaressee ijaaree, isii irratti kennansa tokkumma'aatii fi kennansa galataa dhikeesse; kolbaan Yihuda'aalle Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka waaqonfattu ajaje. 17 Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitulle, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii qofaaf dhikeessite.
18 Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 19 Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti. 20 Minaaseen du'ee mana mootumma'aa ka ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Amooni addee isaatitti mootii te'e.
Mootii Yihuda'aa Amooni
21 Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. 22 Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate. 23 Amooni akka abbaan isaa Minaaseen Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qabe, gad ifi hin qanne. Inni yakkaa abbaan isaa huje caala'aayyuu huje.
24 Tajaajiltooti Amoonii mala isatti dhowanee mana mootumma'aa ka isaa keessatti isa ijjeesane. 25 Achiin duuba kolbaan lafa sanii worra Amooni irratti mala dhowe mara ijjeesanee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii godhane.