34
Mootii Yihuda'aa Yosiyaas
1 Yosiyaas yennaa mootii te'e nama woggaa saddeetii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii tokko bulche. 2 Yosiyaas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; inni karaa abbaa abbootii ifii ta durii ka Daawitii middaa fi bitaa adoo irraa hin gorin mara hordofe. 3 Yosiyaas mootii te'ee woggaa saddeetesso'ootitti, adoo ijoollichaatuu Waaqa Daawitii ka abbaa abbootii ifii ta durii barbaadatiisa jalqabe. Woggaa kudhanii lammeesso'ootitti Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleessiisaaf addee waaqonfanna'aa, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, waaqota dharaa ka dhibiille balleessiisa jalqabe. 4 Ajaja isaatiin addee waaqota dharaa Ba'aaliif ciincaa itti dhikeessanu butuchanee, addee ciinca'aa ta hixaanaa ta achi bira jirtulle jissane. Isaan fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi ta waaqota dharaa ka dhibi'iille lafatti gad jissanee, bulleessanee, bukuu san awwaala worra waaqota dharaa saniif ciincaa dhikeessanee irratti bittinneessane. 5 Inni lafee hayyoota sanii addee isaan ciincaa itti dhikeessanu irratti gubee Yihuda'aa fi Yerusaalem qulqulleesse. 6 Qachaa lafa Minaase'ee, lafa Efreemiitii fi lafa Shimi'ooniitii haga qachaa lafa Niftaalemiititti, haga bututa adaala qachoota kana jiranuutitti, 7 addee ciinca'aatii fi utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu diige; inni fakkii waaqota dharaa bulleessee, addee ciincaa hixaanaa ta biyya Israa'elii keessa jirtu mara butuchee, achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e.
Kitaab Seeraa Dhaggame
(2 Mot. 2:3-20)
8 Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti, biyyaa fi Galma qulqulleesseen duuba, Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaa deebisanee akka haaressanu ilma Azaaliya'aa Shaafaan, ilma bulchaa qacha'aa Ma'aseya'aa fi ilma Yo'aahaazii barreessa'aa Yo'aak erge. 9 Isaanille gara Hilqiiyaa hayyicha gudda'aa dhaqanee, beesee Galma Waaqaatiif worri Lewwootaa ka karra eeganu kolbaa Minaase'ee irraa, kolbaa Efreemiitii fi kolbaa Israa'elii worra baraaree hafane mara irraa, kolbaa Yihuda'aa mara irraa, kolbaa Beniyaaminiitii fi kolbaa Yerusaalem keessa leetu mara irraa guurane itti kennane. 10 Achiin duuba isaan itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennane; isaanille beesee san worra Galma Mootii Waan Maraa haaressee adde'etti deebisuuf kaffalane. 11 Akkasuma ijaarsa dhaka'aa gugurdaa ka moototi Yihuda'aa akka diigamu godhane deebisanee haaressanee ijaariisaaf, dhakaa bocamee fi muka isa ittiin wol irra qaxxaamursanee jabeessanuu fi utuboota akka ittiin bitanu worra muka bocuu fi worra dhaka'aan mana ijaarutti kennane. 12 Namooti sun addatamumma'aan hujii san hujane; isaan irratti itti gaafatantoota worri te'ane Lewwoota sanyii Meraarii keessaa Yaahaatiitii fi Obaadiya'a; sanyii Qehaatotaa keessaa Zakaariyaasii fi Meshulaam. Lewwoota keessaa worri meya faaru'uu dhowiisaan qarummaa qabanu, 13 worra ba'aa ba'atanuu fi worra hujii adda addaatitti ramadamane toowataniiyyu; Lewwooti gariin barreessitoota, gariin qondaaltota, gariin eeddota karraa ti.
14 Isaan beesee gara Galma Mootii Waan Maraa fidane san baasiisatti adoo jiranuu, Hilqiiyaan hayyichi Kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka karaa Muuse'eetiin kenname tokko dhagge. 15 Achiin duuba Hilqiiyaan, Shaafaanii barreessa'aan, «Ani kitaaba Seeraa Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge» jedhee, kitaaba san Shaafaanitti kenne. 16 Shaafaanille kitaaba san gara mootichaa geessee, mootichaan, «Kunoo, tajaajiltooti teeti waan ati ajajje mara hujiisatti jiran. 17 Isaan beesee Galma Mootii Waan Maraa keessaa fuudhanee itti gaafatantootaa fi hojjatootatti kennaneeran» jedhe. 18 Achiin duuba barreessaan Shaafaan, «Hilqiiyaan hayyichi kitaaba natti kenneera» jedhee, mootichatti himee, kitaaba san keessaa mooticha duratti dubbise. 19 Mootichi jechoota seeraa yennaa dhage'e gaddaan woyaa ifii tarsaase. 20 Achiin duuba Hilqiiyaa, ilma Shaafaanii Ahiiqaam, ilma Miikiyaasii Abdoon, Shaafaanii barreessa'aa fi tajaajilaa mootichaa Asaayaa ajajee, 21 «Dhaqa'aatii, waan kiyya, waan worra Yihuda'aa fi Israa'el keessatti baraaree hafee waan Kitaaba Seeraa ka dhaggame kana keessatti barreeffamee Mootii Waan Maraa gaafadha'a; abbootiin teenna ta durii jecha Mootii Waan Maraa waan hin eegatiniif, waan kitaaba Seeraa kana keessatti barreeffameefille waan hin ajajaminiif, mufiin Mootii Waan Maraa nu irratti dhangalaateerti» jedhe.
22 Hilqiiya'aa fi namooti mootichi isa woliin erge sun gara raagittii, «Huldaa» jedhantuu dhaqanee isi'itti himane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Toqihatii, ka akaakoo Hasiraa, ka woyaa mootichaa eegu ti; isiin qachaa Yerusaalemii kutaa lammeesso'oo keessa leetiiyyu. 23 Isiin isaaniin, «Namicha gara kiyya isin erge kanaan: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, 24 ‹Kunoo, ani Mootiin Waan Maraa balaa abaarsa kitaaba mootii Yihuda'aa duratti dubbifame keessatti barreeffame mara, addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jiranu irratti hin fida. 25 Isaan na lakkisanee waaqota dhibi'iif hixaana waan aarsaneef, waan harki isaanii huje maraan tuttuqanee waan na aarsaneef, mufiin tiyya ta addee tana irratti dhangalaate hin dhaantu› jedha. 26 Mooticha Yihuda'aa ka Mootii Waan Maraa gaafatiisaaf gara kiyya isin ergeen: Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii waan jecha dhageetteetiif, 27 ‹Addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti jecha dubbatame yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee, ifi gad qaddee, woyaa teetii tarsaattee, ana Mootii Waan Maraa duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera. 28 Kunoo, ati duutee abbootii teeti ta durii biratti nageyaan akka awwaalantu hin godha; addee tanaa fi kolbaa addee tana keessa jirtu irratti balaa ani fidu mara ilti teeti hin dhaggitu› jedha» jette; worri ergamane sunille deebi'anee deebii isiin kennite mara mootichatti himane.
29 Achiin duuba Yosiyaasiin mootichi jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti qabee, 30 kolbaa Yihuda'aa, kolbaa Yerusaalem keessa leetu, hayyootaa fi Lewwoota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Inni jecha Kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggamee san mara kolba'aaf dubbise; 31 Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, Gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfantelle'eef ajajamiisaaf, utubaa ifii bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhe. 32 Achiin duuba namooti Yerusaalemii fi lafa Beniyaaminii keessaa dhufane marti Gondooroo tanatti akka wolii galanu godhe; namooti Yerusaalemii akkuma Waaqi abbootii isaanii ta durii isaan ajajetti Gondooroo tana muummessane. 33 Mootichi Yosiyaasille waaqota dharaa diqachiisaa mara biyya Israa'elii mara keessaa balleessee, namooti Israa'el keessatti dhaggamanu marti Mootii Waan Maraa Waaqa ifii akka Waaqonfatanu godhe. Haga inni lubbu'uun jiru isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii tajaajiliisa irraa duubatti hin deebine.