8
Arjooma Kiristaanaa
1 Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde'oota kiristaana lafa Maqedooniya'aatiif kenne akka beettanu barbaanna. 2 Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran. 3 Isaan haga dande'anuu fi haga dande'anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya. 4 Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda'aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane;Rom. 15:26 5 haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta'aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu'uuf kennaneeran. 6 Hujii tana matooma ka jalqabe Tiitoos waan te'eef, ammalle hujii arjoomaa tana akka muummessu isuma kadhanneerra. 7 Isin dhugeeffanna'aan, haasowaan, beekkumsaan, qarqaariisaaf quxiquxamiisaan*Quxiquxamiisaan: Ququxamiisaan, jaalala nu'uuf qaddanulle'een waan maraan hin caaltan; hujii arjoomaa tanalle'een ka caaltanu te'a.
8 Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti. 9 Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe.
10 Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade. 11 Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a. 12 Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
13 Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu. 14 Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti. 15 Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, «Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne» jedhu.
Tiitoosii Fi Waa'eloota Isaa
16 Akkuma ani isiniif quxiquxamu, Tiitoosille akka isiniif quxiquxamu Waaqi godhe galatoomu. 17 Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe. 18 Isa woliin obboleessa Oduu Gammadaa lallabiisaan wolde'oota kiristaanaa duudii keessatti kabajamaa te'e ergaarra. 19 Obboleessi kun kana qofa adoo hin te'in, hujii dansaa tana ulfinna Gootta'aatiif yennaa nuuti muummessinuu fi fedhii dansaa tajaajiliisaaf qannulle yennaa mudhinnu, nu woliin deemiisaan qooda huji'ii nu woliin akka fudhatu wolde'oota kiristaanaatiin fowameera.
20 Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna. 21 Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u.
22 Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera. 23 Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka na woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhaabbataneeranu. 24 Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi jajnu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a.