9
Qarqaarsa Kolbaa Waaqaatiif Godhame
1 Marroo qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta Yihudaa keessa jirtuuf godhamuu, isiniif barreessuun barbaachisa'aa moti. 2 Ani quxiquxamuu keessan waan beekuuf, «Worri Akaayya'aa bara engeddaatiin jalqabee qarqaariisaaf qophoweera» jedhee marroo teessaniif worra Meqedooniya'aa biratti ifi jaje; quxiquxamuun keessanille worra hedduu kakkaaseera. 3 Marroo teessaniif wonni ani waan kana irratti ifi jaju, soba teetee akka hin hanne amma obboleeyyan tana ergaara; isin ammoo akkuma ani jedhetti qophowa'aa eega'a. 4 Worri Maqedooniya'aa na woliin dhufee, adoo isin hin qophowin yoo dhagge, nuuti isinitti addachuu keennaan waan jennu dhannee hin qaanonna; isin fa'a guddoo qaanottan. 5 Maarre obboleeyyan tun anaan dura gara keessan dhufanee, qarqaarsa arjoomiisaaf waadaa galtane dura keessa akka qopheessitanu akka isin qaabachiisanuuf, gara keessan erguun barbaachisaa te'ee natti mudhateera. Akka kanaan ani yennaa dhufu kennansi arjoomaa keessan ka qophowe te'a; isinille dirqamaan adoo hin te'in fedhi'iin akka kennitanu beessisa.
6 «Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha'a. 7 Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. 8 Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa'aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande'a. 9 Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
«Worra hiyyeeyyi'iif arjoomaan kenne;
balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu.
10 Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa*Midhaan arjummaa: Balchummaa teessaniille hin fakkansa. 11 Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. 12 Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te'in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha. 13 Tajaajilli arjooma keessanii kun, Wongeela Kiristoosii fudhattanee ajajamuu keessan, isaanii fi worra dhibiille'eef arjoomuu keessan waan mirkaneessuuf, nami hedduun Waaqa hin leellisa. 14 Isaanille badhaadha guddaa Waaqi waan isinii kenneef, isin dharra'aa isinii daadimatan. 15 Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu.