Ergaa Yohaannis Erge
Ta Lammeesso'oo
Seensa
Ergaa Yohaannis erge ta lammeesso'oo ka barreesse jaarsicha ergamaa Yohaannis. Inni giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif barreesse; jechuulle wolde'a kiristaanaa tokkoo fi miseensa isaatiif te'uu hin dhabu. Ergaan gabaadduun tun, akka wol jaalatanu yaadachiisiisaaf, barsiisota dharaameyyi'ii fi barsiisa isaanii irraa ifi eeggachiisiisaaf barreeffante.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa 1-3
Jaalaltiin Waan Maraa Caalti 4-6
Gorsaa fi ifi eeggachiisaa 7-11
Nageya Dhaamiisa 12-13
1
1 Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi'iitiif:
Ani dhugumaan isin jaaladha, na calla'aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaalata. 2 Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti. 3 Badhaadhi, arjumma'aa fi nageenni, Waaqa Abba'aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba'aa biraa, dhuga'aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti.
Dhuga'aa Fi Jaalala
4 Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga'aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera. 5 Ammalle giitti'i! Akka wol jaalannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si'iif barreessiisaaf moti. 6 Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le'iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu. 7 Akka Yesuus Kiristoos fooniin*Fooniin: Nafa namumma'aatiin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu. 8 Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a! 9 Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba'aa fi Ilma qaba. 10 Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina'a! Nageyalle hin fuudhina'a! 11 Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama.
Nageya Dhaamiisa
12 Waan isiniif barreessu waan hedduu qaba; te'uu malee woraqataa fi hallu'uun isiniif barreessiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te'uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba.
13 Ijoolleen obboleettii teeti filatantu'uu nageya si'iif dhaanti.