Ergaa Yohaannis Erge
Ta Sadeesso'oo
Seensa
Ergaa Yohaannis erge ta sadeesso'oo, jaarsicha ergamaa Yohaannisitti barreesse. Ergaan tun namicha Gaayos jedhamu ka sooressa wolde'a kiristaanaa te'eeruuf barreeffante. Abbaan barreesse gara kaaniin, waan dhugeeffattoota qarqaareef Gaayos galateeffata; gara kaaniin ammoo namicha jallaamessa ka Diyotreefes jedhamu irraa akka ifi eeggatuuf isa yaadachiisa.
Haadhoo Dubbi'ii
Seensa 1-4
Galateeffamiisa Gaayosii 5-8
Dokonkora Diyotreefesii Himiisa 9-10
Galateeffamiisa Demeexroosii 11-12
Nageya Dhaamiisa 13-15
1
Ana jaarsa biraa:
Jaala kiyya ka ani dhugumaan jaaladhuuf:
Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si'iif tolu hin daadimadha. Obboleeyyan gariin dhufanee dhuga'aaf addatamu'uu fi dhuga'aan jiraachuu keeti yennaa natti himane ani guddoo gammade. Ijoolleen tiyya dhuga'aan jiraachuu isi'ii dhage'iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.
Gaayos Galateeffame
Jaala kiyya! Obboleeyyan si'iif keessummaa haareya te'anulle, ati isaan addatamaan hin qarqaarta. Isaanille marroo jaalala keetii wolde'a kiristaanaatitti himaneeran; karaa Waaqa gammachiisuun deemsa isaaniitiifille isaan qarqaartee yoo geegessite waan dansa'a. Isaan Kiristoos tajaajiliisaaf yennaa bayane, worra dhugeeffattoota hin te'in irraa womaa hin fudhanne. Nuuti hujii dhuga'aa tana worra qoodamu akka teenuuf namoota akkasii kana qarqaaruu qanna.
Diyotreefesii Fi Demeexroos
Ani wolde'a kiristaanaatiif xalayaa barreesseera; Diyotreefesiin sooressa te'iisaaf barbaadu ammoo yaada kiyya hin fudhanne. 10 Maarre ani yoo dhufe, dharaan nu hamataa hantuu inni hujaa ture maraa dubbadha; tunille isa gewuu dhaddee obboleeyyan fudhata dida. Worri dhibiille akka isaan hin fudhanne dhooggee, wolde'a kiristaanaa keessaa isaan baasa. 11 Jaala kiyya! Waan dansaa fakkaadhu malee waan hamaa hin fakkaatin. Nami waan dansaa huju ka Waaqaa ti; nami waan hamaa huju Waaqa hin dhaggine. 12 Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiisi keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.
Nageya Dhaamiisa
13 Waan si'iif barreessu waan hedduu qaba; ammoo feeni'ii fi hallu'uun si'iif barreessiisaaf hin barbaadu. 14 Dhiko'ottuu akka si dhaggu hin addadha; yennaa san ilaan wol dhagginee hin haasonna.
15 Nageenni si'iif te'u.
Jaaloti teeti nageya si'iif dhaaman. Jaalota teennatti tokkuma tokkoon nageya nu'uuf himi.